Faarfannaa 93:1-5
93 Yihowaan Mootii taʼeera!+
Inni simboo uffateera;Yihowaan jabina uffateera;Akka qabattootti isa hidhateera.
Lafti* cimtee hundeeffamteetti;Iddoo ishiitii sochoʼuus* hin dandeessu.
2 Teessoon kee bara duriitii jalqabee cimee dhaabbateera;+Atis yoom iyyuu jirta.+
3 Yaa Yihowaa, lageen yaaʼaniiru,Lageen yaaʼaniiru, baayʼee huursaniirus;Lageen ni yaaʼu, ni dhaʼatus.
4 Sagalee bishaanota hedduu caalaa,Dambalii galaanaa caccabsu caalaas,+Yihowaan ol gubbaatti ulfina qabeessa dha.+
5 Yaadachiisawwan kee baayʼee amansiisoo dha.+
Yaa Yihowaa, qulqullummaan yeroo hundumaa mana kee ni miidhagsa.*+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Lafti oomisha kennitu.”
^ Ykn., “Gatantaruus.”
^ Ykn., “mana keetiif ni mala.”