Faarfannaa 88:1-18
Faarfannaa. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Geggeessaa muuziqaatiif; akkaataa Mahaalaatiin,* wal harkaa fuudhuudhaan kan faarfatamu. Maaskiilii* Hemaan+ Izraahichaa.
88 Waaqa fayyinaa koo kan taate yaa Yihowaa,+Guyyaa nan iyya,Halkanis si duratti nan dhihaadha.+
2 Kadhannaan koo gara kee haa dhufu,+Gurra kee gara iyya ani gargaarsa argachuuf dhageessisutti qabi.*+
3 Sababiin isaas, jireenyi koo rakkinaan guutameera,+Lubbuun* koos Awwaala* qarqara jira.+
4 Ani warra gara boollaatti* gad buʼan gidduutti lakkaaʼameera;+Nama gargaarsa hin qabne,*+
5 Akka reeffa awwaala keessa ciisuuttiNama warra duʼan gidduutti dhiifame,Nama ati yaadachuu dhiiste,Nama kunuunsa* kee irraa addaan cites taʼeera.
6 Boolla isa jalaa keessa,Iddoowwan dukkanaa keessa, qilee guddaa keessas na keesseetta.
7 Dheekkamsi kee baayʼee natti ulfaateera,+Dambalii kee isa caccabsuunis akkan liqimfamu gooteetta. (Seelaa)
8 Michoota koo na irraa fageessitee ariiteetta;+Isaan duratti wanta jibbisiisaa akkan taʼu gooteetta.
Ani kiyyoodhaan qabameera, miliquus hin dandaʼu.
9 Rakkina kootiin kan kaʼe ijji koo dadhabeera.+
Yaa Yihowaa, guyyaa guutuu sin waammadha;+Harka koo gara keetti nan diriirsa.
10 Warra duʼaniif wantoota dinqisiisoo ni raawwattaa?
Warri duʼaan moʼaman kaʼanii si jajachuu ni dandaʼuu?+ (Seelaa)
11 Jaalalli kee inni amanamaan awwaala keessatti,Amanamummaan kees iddoo badiisaa* keessatti ni labsamaa?
12 Dinqiin kee dukkana keessattiYookiin qajeelummaan kee biyya warra irraanfatamanii keessatti ni beekamaa?+
13 Yaa Yihowaa, ani garuu amma iyyuu gargaarsa argachuuf gara keetti nan iyyadha,+Ganama ganamas kadhannaan koo si duratti ni dhihaata.+
14 Yaa Yihowaa, maaliif na* dhiista?+
Fuula kee hoo maaliif na jalaa dhoksita?+
15 Ani ijoollummaa kootii jalqabeeNama cunqurfamee fi baduu jala gaʼe taʼeera;+Wantoota sodaachisoo akka na irra gaʼan heyyamteen kan kaʼes hadoodeera.
16 Dheekkamsi kee inni bobaʼaan na liqimseera;+Naasuun si biraa dhufus na balleesseera.
17 Isaan guyyaa guutuu akkuma bishaanotaatti na marsaniiru;Kallattii hundumaatiinis* na irratti cufaniiru.
18 Michoota koo fi hiriyoota koo na irraa fageessitee ariiteetta;+Dukkannis michuu koo taʼeera.
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “Gad jedhii iyya ani gargaarsa argachuuf dhiheessu dhagaʼi.”
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “Akka nama humna hin qabnee.”
^ Ykn., “awwaalaatti.”
^ Kal., “harka.”
^ Ykn., “Abaadoon.”
^ Ykn., “lubbuu koo.”
^ Ykn tarii, “Hundi isaanii takkaatti.”