Faarfannaa 84:1-12

  • Godoo qulqulluu Waaqaa isa guddaa hawwuu

    • Leewwicha akka simbiraa taʼuuf hawwe (3)

    • “Guyyuma tokko mooraa kee keessa ooluu” (10)

    • “Yihowaan aduu fi gaachana dha” (11)

Geggeessaa muuziqaatiif; Giitiititti.* Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Faarfannaa. 84  Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa,Godoo qulqulluun kee inni guddaan akkam bareeda!*+   Guutummaan eenyummaa kootii* Mooraa Yihowaa hawweera;+Eeyyee, ani mooraa isaa hawwuu irraa kan kaʼe gaggabeera. Garaan koo fi foon koo Waaqa isa jiraataadhaaf ni ililchu.   Mootii koo fi Waaqa koo kan taateYaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa, iddoo aarsaa kee birattiSimbirroon illee mana ni argatti,Dimbiixiinis ofii ishiitiif manʼee,Bakka cuucota ishii itti kunuunsitu achitti ni argatti.   Warri mana kee keessa jiraatan gammadoo dha!+ Isaan si jajachuu isaanii itti fufu.+ (Seelaa)   Namoonni si irraa jabina argatan,Warri garaa isaanii daandiiwwan guguddaa irra kaaʼatanis gammadoo dha.+   Isaan yommuu Sulula Baakaa* keessa darban,Gara iddoo burqaawwaniitti isa ni jijjiiru;Bokkaan inni jalqabaas eebbawwaniin isa uwwisa.*   Isaan deemuu isaanii itti fufu, jabinni isaanii garuu hin laafu;+Tokkoon tokkoon isaaniis Xiyoon keessatti Waaqayyo duratti dhihaatu.   Yaa Yihowaa Waaqa Raayyaa, kadhannaa koo dhagaʼi;Yaa Waaqa Yaaqoob, dhagaʼi. (Seelaa)   Yaa gaachana keenya,+ yaa Waaqa keenya, ilaali,*Fuula isa dibde sanaa ilaali.+ 10  Guyyaa kuma bakka kan biraa jiraachuu irra guyyuma tokko mooraa kee keessa ooluu wayya!+ Dunkaanota hamminaa keessa jiraachuu mannaaGubanii balbala mana Waaqa kootii bira dhaabbachuun filadha. 11  Sababiin isaas, Yihowaan aduu+ fi gaachana+ dha;Inni gaarummaa ni argisiisa, ulfinas ni kenna. Yihowaan warra amanamummaadhaan deddeebiʼan,Wanta gaarii tokko iyyuu hin dhowwatu.+ 12  Yaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa,Namni sitti amanamu gammadaa dha.+

Miiljaleewwan

Ykn., “baayʼee jaallatamaa dha.”
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “sulula tusii baakaa.” Jechi, “baakaa” jedhu jecha Afaan Ibrootaa ti. Maalummaan biqiltuu kanaa hin beekamu.
Ykn tarii, “Barsiisaan eebbawwaniin of ni mara.”
Ykn tarii, “Yaa Waaqayyo, gaachana keenya ilaali.”