Faarfannaa 70:1-5
-
Gargaarsa hatattamaa gaafachuu
-
“Anaaf jedhii dafii tarkaanfii fudhadhu” (5)
-
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit akka yaadachiisaatti* tajaajilu.
70 Yaa Waaqayyo, na oolchi;Yaa Yihowaa, na gargaaruuf ariifadhu.+
2 Warri lubbuu koo balleessuu barbaadan,Haa qaaneffaman, haa salphifamanis.
Warri rakkina kootti gammadan,Salphinaan duubatti haa deebiʼan.
3 Warri, “Ishoo! Ishoo!” jedhan,Qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
4 Warri si barbaaddatan garuu,Sitti haa gammadan, haa ililchanis.+
Warri gochawwan fayyinaa kee jaallatan yeroo hundumaa,“Waaqayyo ulfina haa argatu!” haa jedhan.
5 Ani garuu nama gargaarsa hin qabnee fi hiyyeessa dha;+Yaa Waaqayyo, anaaf jedhii dafii tarkaanfii fudhadhu.+
Ati isa na gargaaruu fi isa na baraaru dha;+Yaa Yihowaa, hin turin.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “yaadannoodhaaf.”