Faarfannaa 57:1-11
Geggeessaa muuziqaatiif; “Badiisa hin Fidin.” Faarfannaa Daawit. Miktaam.* Yeroo inni Saaʼol jalaa baqatee holqa keessa turetti.+
57 Ani sitti kooluu waanan galeef,+Hamma rakkinni darbuttis gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu waanan galeef,+Gaarummaa natti argisiisi, yaa Waaqayyo, gaarummaa natti argisiisi.
2 Ani Waaqa Isa Hundaa Olii,Waaqa dhugaa isa isaaniin naaf balleessu nan waammadha.
3 Inni samii irraa gargaarsa ergee na oolcha.+
Isa wanta nama miidhu natti dubbatus abdii kutachiisa. (Seelaa)
Waaqayyo jaalala isaa isa amanamaa fi amanamummaa isaa ni erga.+
4 Ani* leencotaan marfameera;+Namoota na nyaachuu barbaadan gidduu,Warra ilkaan isaanii eeboo fi xiyya taʼe,Warra arrabni isaanii goraadee qaramaa+ taʼe gidduu ciiseera.
5 Yaa Waaqayyo, samiiwwanii olitti ol kan qabamte taʼi.
Ulfinni kee guutummaa lafaa irra haa taʼu.+
6 Isaan miila koo qabuuf saaphana qopheessaniiru;+Ani* dhiphinaan gad qabameera.+
Isaan na duratti boolla qotaniiru,Taʼus isaanumatu achi keessatti kufe.+ (Seelaa)
7 Garaan koo cimaa dha,Yaa Waaqayyo, garaan koo cimaa dha.+
Ani nan faarfadha, muuziqaas nan qopheessa.
8 Yaa ulfina koo dammaqi.
Yaa meeshaa muuziqaa ribuu qabdu nana, dammaqi, yaa baganaa, atis dammaqi.
Ani barraaqaan nan kaʼa.+
9 Yaa Yihowaa, namoota gidduutti sin jajadha;+Saboota gidduuttis faarfannaa galataa siif nan faarfadha.*+
10 Sababiin isaas, jaalalli kee inni amanamaan guddaa dha, akka samiiwwaniittis ol kaʼaa dha,+Amanamummaan kees duumessoota bira gaʼa.
11 Yaa Waaqayyo, samiiwwanii olitti ol kan qabamte taʼi.
Ulfinni kee guutummaa lafaa irra haa taʼu.+
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “Lubbuun koo.”
^ Ykn., “Lubbuun koo.”
^ Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”