Faarfannaa 48:1-14

  • Xiyoon magaalaa Mootii isa Guddaa

    • Gammachuu guutummaa lafaa (2)

    • Magaalattii fi masaraawwan ishii qoraa (11-13)

Faarfannaa. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ 48  Yihowaan magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, gaara isaa isa qulqulluu irrattis,Guddaa dha, hunda caalaa jajamuunis kan isaaf malu dha.   Gaarri Xiyoon ishiin karaa kaabaatiin fagaattee argamtu,Magaalaan Mootii isa Guddaas,+Ol kaʼiinsa ishiitiin miidhagduu dha, ishiin gammachuu guutummaa lafaa ti.+   Waaqayyo masaraawwan ishii warra ciccimoo taʼan keessatti,Iddoo amansiisaa kooluu itti galan* taʼuu isaa beeksiseera.+   Kunoo, mootonni walitti qabamaniiru;*Waliin taʼaniis dhufaniiru.   Isaan kana yommuu argan ni ajaaʼibsiifatan. Naʼaniis sodaadhaan ni baqatan.   Achittis ni hollatan,Akkuma dubartii daʼuuf jettuuttis ni dhiphatan.   Ati bubbee bahaatiin dooniiwwan Tarshiish ni caccabsite.   Magaalaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa keessatti, magaalaa Waaqa keenyaa keessatti,Wanta dhageenye, amma ijuma keenyaan argineerra. Waaqayyo bara baraaf cimsee ishii dhaaba.+ (Seelaa)   Yaa Waaqayyo, nuti mana qulqullummaa kee keessatti,Jaalala kee isa amanamaa irratti ni xiinxalla.+ 10  Yaa Waaqayyo, akkuma maqaa keetti, ulfinni kees,Hamma andaara lafaa ni gaʼa.+ Harki kee mirgaa qajeelummaadhaan guutameera.+ 11  Murtiiwwan keetiin kan kaʼe,+ Gaarri Xiyoon+ haa gammadu,Magaalonni* Yihudaas haa ililchan. 12  Xiyoonitti marsaa; guutummaa naannoo ishii keessa deemaa;Masaraawwan ishii lakkaaʼaa.+ 13  Dallaawwan ittisaa ishii* qalbeeffadhaa.+ Waaʼee ishii dhaloota dhufutti himuu akka dandeessaniif,Masaraawwan ishii warra dallaa dhagaa qaban qoradhaa. 14  Waaqni kun baraa hamma bara baraatti Waaqa keenya dha.+ Inni baraa hamma bara baraatti* nu qajeelcha.+

Miiljaleewwan

Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
Ykn., “beellamaan wal arganiiru.”
Kal., “Ijoolleen durbaa.”
Ykn., “Dallaawwan ishii warra jajjaboo.”
Ykn tarii, “hamma duunutti.”