Faarfannaa 42:1-11
Geggeessaa muuziqaatiif. Maaskiilii* ilmaan Qoraa.+
42 Akkuma gadamsi bishaan yaaʼu hawwitu,Yaa Waaqayyo, ani sin* hawwa.
2 Ani Waaqa, Waaqa isa jiraataa nan dheebodhe.+
Dhaqee Waaqa duratti kanan mulʼadhu yoomi?+
3 Imimmaan koo halkanii fi guyyaa nyaata koo taʼeera;Namoonni guyyaa guutuu, “Waaqni kee eessa jira?”+ jedhanii natti qoosu.
4 Wantoota kana nan yaadadha, lubbuu* koos nan dhangalaasa,Sababiin isaas, yeroo tokko namoota hedduu wajjin nan deeman ture;Sagalee gammachuu fi sagalee galataatiin,Sagalee namoota hedduu ayyaana kabajaniinis,+Isaan dura buʼee ulfinaan* gara mana Waaqayyoo nan deeman ture.
5 Abdii kanan kutadhu maaliifi?+
Keessi koo kan jeeqamu maaliifi?
Waaqayyoon nan eeggadha,+Ani amma iyyuu akka Fayyisaa koo Isa Guddaatti isa nan jajadha.+
6 Yaa Waaqa koo, ani abdii kutadheera.+
Biyya Yordaanosii fi fiixeewwan gaara Hermoon irraa,Gaara Mizaar* irraasKanan si yaadadhu kanaafi.+
7 Huursaa fincaaʼaa bishaaniitiinBishaanonni gad fagoon bishaanota gad fagoo ni waamu.
Dhaʼaan dambaliiwwan keetii hundi na liqimseera.+
8 Guyyaa guyyaa Yihowaan jaalala isaa isa amanamaa natti argisiisa,Halkan halkanis faarfannaan isaa, jechuunis kadhannaan ani Waaqa lubbuu kootiitiif dhiheessu naa wajjin taʼa.+
9 Ani Waaqa qarsaa koo taʼeen,“Maaliif na irraanfatte?+
Cunqursaa diina kootiin kan kaʼe gaddaan asii fi achi kanan jooru maaliifi?”+ nan jedha.
10 Diinonni koo jibba hamaa na jibbanii* natti qoosu;Guyyaa guutuus, “Waaqni kee eessa jira?”+ jedhanii natti qoosu.
11 Abdii kanan kutadhu maaliifi?
Keessi koo kan jeeqamu maaliifi?
Waaqayyoon nan eeggadha,+Ani amma iyyuu akka Fayyisaa koo Isa Guddaatti, akka Waaqa koottis isa nan jajadha.+
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “lubbuun koo si.”
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “suuta jedhee.”
^ Ykn., “Gaara isa xinnaa.”
^ Ykn tarii, “akka waan lafee koo caccabsaniitti.”

