Faarfannaa 28:1-9

  • Kadhannaan faarfatichaa deebii argate

    • “Yihowaan jabina koo fi gaachana koo ti” (7)

Faarfannaa Daawit. 28  Qarsaa koo kan taate yaa Yihowaa, ani yeroo hundumaa sin waammadha;+Gurra kee naaf bani. Ati calluma yoo naan jette,Ani akka warra gara boollaatti* gad buʼanii nan taʼa.+  2  Harka koo gara kutaa isa keessaa iddoo qulqulluu keetti argamuutti ol kaasee,Gargaarsa argachuuf gara keetti yommuun iyyadhu kadhata koo dhagaʼi.+  3  Hamoota warra wanta nama miidhu raawwatanii wajjin na hin gatin;+Isaan utuma garaa isaanii keessa hamminni jiruu, namootaa wajjin waaʼee nagaa dubbatu.+  4  Akkuma gocha hamminaa isaaniitti,Wanta raawwatan isaanitti deebisi.+ Akkuma isaan godhanittis,Hojii harka isaanii isaaniif deebisi.+  5  Sababiin isaas, isaan gochawwan Yihowaatiif,Hojii harka isaatiifis xiyyeeffannaa hin kennine.+ Inni isaan ni diiga, isaan hin ijaarus.  6  Kadhata ani gargaarsa argachuuf dhiheesse waan dhagaʼeef,Yihowaan haa jajamu.  7  Yihowaan jabina koo+ fi gaachana koo+ ti;Garaan koo isatti amanama.+ Gargaarsa isaa argadheera, garaan koos gammadeera;Kanaafuu, faarfannaa kootiin isa nan jajadha.  8  Yihowaan saba isaatiif jabina dha;Inni isa dibe sanaaf dahoo fayyina guddaa fidu dha.+  9  Saba kee oolchi, dhaala kees eebbisi.+ Bara baraaf isaan tiksi, irree keettis isaan baadhu.+

Miiljaleewwan

^ Ykn., “awwaalatti.”