Faarfannaa 24:1-10
-
Mootiin ulfina qabeessi karrichatti ol seena
-
‘Lafti kan Yihowaa ti’ (1)
-
Faarfannaa Daawit. Faarfannaa.
24 Laftii fi wanti ishii keessa jiru hundi,Lafti oomisha kennituu fi warri ishii irra jiraatan kan Yihowaa ti.+
2 Sababiin isaas, inni galaanota irra cimsee ishii dhaabeera,+Lageen irras cimsee ishii hundeesseera.
3 Gara gaara Yihowaatti kan ol baʼu eenyu?+
Iddoo qulqulluu isaa keessa kan dhaabbatu hoo eenyu?
4 Nama harki isaa yakka hin raawwannee fi garaan isaa qulqulluu taʼe,+Nama lubbuu kootiin* sobaan hin kakanne,Akkasumas nama gowwoomsaadhaan hin kakanne dha.+
5 Inni Yihowaa biraa eebba,Waaqa fayyisaa isaa taʼe+ biraas qajeelummaa* ni argata.+
6 Yaa Waaqa Yaaqoob, dhaloonni warra isa barbaaddatanii,Kan warra fuula kee barbaaddataniis kana dha. (Seelaa)
7 Isin karroonni mataa keessan ol qabaa;+Mootiin ulfina qabeessi akka seenuuf,Isin balbaloonni bara durii banamaa!*+
8 Mootiin ulfina qabeessi kun eenyu?
Yihowaa isa cimaa fi jabaa taʼe,+Yihowaa isa waraanatti jabaa taʼe dha.+
9 Isin karroonni mataa keessan ol qabaa;+Mootiin ulfina qabeessi akka seenuuf,Isin balbaloonni bara durii banamaa!
10 Mootiin ulfina qabeessi kun eenyu?
Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti; inni Mootii ulfina qabeessa dha.+ (Seelaa)
Miiljaleewwan
^ Kun lubbuu Yihowaa isa namichi ittiin kakatu kan argisiisu dha.
^ Ykn., “haqa.”
^ Ykn., “kaʼaa.”