Faarfannaa 146:1-10

  • Namootatti utuu hin taʼin Waaqatti amanamaa

    • Namni yeroo duʼutti yaanni isaa ni bada (4)

    • Waaqni warra gad jedhan ol ni kaasa (8)

146  Yaahiin jajadhaa!*+ Guutummaan eenyummaa kootii* Yihowaa haa jajatu.+   Umurii koo guutuu Yihowaa nan jajadha. Hamman lubbuudhaan jirutti Waaqa kootiif faarfannaa galataa nan faarfadha.*   Bulchitootatti,*Ilmaan namootaa warra fayyina argamsiisuu hin dandeenyettis hin amanaminaa.+   Hafuurri isaa ni baʼa, innis gara biyyootti ni deebiʼa;+Guyyuma sanatti yaanni isaa ni bada.+   Namni Waaqni Yaaqoob gargaaraa isaa taʼe,+Namni Waaqa isaa Yihowaa abdatus gammadaa dha;+   Samii, lafa,Galaanaa fi wantoota isaan keessa jiran hundumaa kan tolche isa dha;+Inni yeroo hundumaa amanamaa dha;+   Warra gowwoomfamaniif haqa kan argamsiisu,Warra beelaʼaniifis nyaata kan kennu isa dha.+ Yihowaan hidhamtoota ni hiika.+   Yihowaan ija qaro dhabeeyyii ni bana;+Yihowaan warra gombifaman ol ni kaasa;+Yihowaan qajeelota ni jaallata.   Yihowaan namoota biyya ormaa ni eega;Mucaa abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼe ni gargaara,+Karoora hamootaa garuu ni fashaleessa.*+ 10  Yihowaan bara baraaf Mootii ni taʼa;+Yaa Xiyoon, Waaqni kee dhalootaa hamma dhalootaatti mootii ni taʼa. Yaahiin jajadhaa!*

Miiljaleewwan

Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
Ykn., “Guguddootatti.”
Ykn., “Daandii hamootaa akka jalʼatu godha.”
Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.