Faarfannaa 140:1-13

  • Yihowaan Fayyisaa jabaa dha

    • Hamoonni akkuma bofaa ti (3)

    • Jalʼoonni ni kufu (11)

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. 140  Yaa Yihowaa, namoota hamoo irraa na oolchi;Jalʼoota irraa,+   Warra garaa isaaniitti wanta hamaa yaadan,+Warra guyyaa guutuu lola kakaasan irraas na eegi.   Isaan arraba isaanii akkuma kan bofaatti qaratu;+Summiin buutiis afaan isaanii keessa jira.+ (Seelaa)   Yaa Yihowaa, harka isa hamaa jalaa na eegi;+Jalʼoota na gufachiisuufNa irratti malatan jalaas na baraari.   Warri of tuulan dhoksanii kiyyoo naaf kaaʼu;Wadarootti fayyadamanii saaphana isaanii daandii koo cinaatti diriirsu.+ Isaan qamaaxira naaf kaaʼu.+ (Seelaa)   Ani Yihowaadhaan, “Ati Waaqa koo ti. Yaa Yihowaa, kadhatan gargaarsa argachuuf dhiheessu dhagaʼi”+ nan jedha.   Fayyisaa koo isa cimaa kan taate, yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa,Guyyaa waraanaatti mataa koo naaf eegda.+   Yaa Yihowaa, fedhii nama hamaa isaaf hin guutin. Isaan akka ol hin kaaneef, malli haxxummaa isaanii milkaaʼina akka argatu hin godhin. (Seelaa)+   Mataan warra natti marsanii Hammina afaan isaaniitiin dubbatameen haa uwwifamu.+ 10  Barbadaan isaan irratti haa roobu.+ Isaan matumaa deebiʼanii akka hin kaanetti ibiddatti,Boolla gad fagoo* keessattis haa darbataman.+ 11  Maqaa balleessituun lafa irratti* iddoo hin qabaatin.+ Namoonni jalʼoota taʼan hamminni isaan haa hordofu, isaan haa rukutus. 12  Yihowaan isa rakkataadhaaf akka falmu,Hiyyeessaafis haqa akka kennu nan beeka.+ 13  Dhugumaan warri qajeeloon maqaa keetiif galata ni galchu;Warri garaa qajeelaa qabanis fuula kee dura* ni jiraatu.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Boolla bishaan qabu.”
Ykn., “biyyattii keessatti.”
Ykn., “si dura.”