Faarfannaa 140:1-13
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
140 Yaa Yihowaa, namoota hamoo irraa na oolchi;Jalʼoota irraa,+
2 Warra garaa isaaniitti wanta hamaa yaadan,+Warra guyyaa guutuu lola kakaasan irraas na eegi.
3 Isaan arraba isaanii akkuma kan bofaatti qaratu;+Summiin buutiis afaan isaanii keessa jira.+ (Seelaa)
4 Yaa Yihowaa, harka isa hamaa jalaa na eegi;+Jalʼoota na gufachiisuufNa irratti malatan jalaas na baraari.
5 Warri of tuulan dhoksanii kiyyoo naaf kaaʼu;Wadarootti fayyadamanii saaphana isaanii daandii koo cinaatti diriirsu.+
Isaan qamaaxira naaf kaaʼu.+ (Seelaa)
6 Ani Yihowaadhaan, “Ati Waaqa koo ti.
Yaa Yihowaa, kadhatan gargaarsa argachuuf dhiheessu dhagaʼi”+ nan jedha.
7 Fayyisaa koo isa cimaa kan taate, yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa,Guyyaa waraanaatti mataa koo naaf eegda.+
8 Yaa Yihowaa, fedhii nama hamaa isaaf hin guutin.
Isaan akka ol hin kaaneef, malli haxxummaa isaanii milkaaʼina akka argatu hin godhin. (Seelaa)+
9 Mataan warra natti marsanii
Hammina afaan isaaniitiin dubbatameen haa uwwifamu.+
10 Barbadaan isaan irratti haa roobu.+
Isaan matumaa deebiʼanii akka hin kaanetti ibiddatti,Boolla gad fagoo* keessattis haa darbataman.+
11 Maqaa balleessituun lafa irratti* iddoo hin qabaatin.+
Namoonni jalʼoota taʼan hamminni isaan haa hordofu, isaan haa rukutus.
12 Yihowaan isa rakkataadhaaf akka falmu,Hiyyeessaafis haqa akka kennu nan beeka.+
13 Dhugumaan warri qajeeloon maqaa keetiif galata ni galchu;Warri garaa qajeelaa qabanis fuula kee dura* ni jiraatu.+