Faarfannaa 14:1-7
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
14 Namni gowwaan* garaa isaatti,“Yihowaan hin jiru”+ jedha.
Namoonni akkanaa gochi isaanii mancaʼaa dha, wanti isaan hojjetanis jibbisiisaa dha;Wanta gaarii kan hojjetu tokko illee hin jiru.+
2 Yihowaan garuu namni hubannaa qabuu fi namni Yihowaa barbaaddatu jiraachuu fi dhiisuu isaa ilaaluuf,Samii irraa gara ilmaan namootaa gad ni ilaala.+
3 Hundi isaanii karaa irraa goraniiru;+Hundi isaanii mancaʼaniiru.
Wanta gaarii kan hojjetu hin jiru,Tokko illee hin jiru.
4 Warra balleessaa raawwatan keessaa tokko illee hin hubatuu?
Isaan akkuma nyaata nyaatanitti saba koo ni nyaatu.
Yihowaas hin waammatan.
5 Haa taʼu malee, Yihowaan dhaloota qajeelaa wajjin waan jiruuf,Isaan naasuu guddaadhaan ni liqimfamu.+
6 Isin warri balleessaa raawwattan karoora nama rakkataa taʼee fashaleessuuf yaalii gootu;Yihowaan garuu bakka inni kooluu itti galu isaaf ni taʼa.+
7 Fayyinni Israaʼel Xiyoon irraa haa dhufu!+
Yeroo Yihowaan saba isaa isa boojiʼame deebisee walitti qabutti,Yaaqoob haa gammadu, Israaʼel haa ililchu.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Namni hubannaa hin qabne.”