Faarfannaa 136:1-26
136 Inni gaarii waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa;+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+
2 Waaqa waaqoliitiif galata galchaa,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
3 Gooftaa gooftotaatiif galata galchaa,Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
4 Isa qofatu dinqiiwwan guguddaa raawwata,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+
5 Ogummaadhaan* samiiwwan tolche,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
6 Lafa bishaanota irra diriirse,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
7 Ifawwan guguddaa tolche,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata,
8 Aduun guyyaa irratti aangoo akka qabaattu godhe,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata,
9 Addeessii fi urjiileen halkan irratti aangoo akka qabaatan godhe,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
10 Angafa warra Gibxii rukute,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
11 Israaʼeliin isaan gidduudhaa baase,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
12 Harka jabaa+ fi irree diriirfameen isaan baase,Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
13 Galaana Diimaa bakka lamatti hire,*+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
14 Israaʼel isa gidduu akka darbu godhe,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
15 Fara’oonii fi raayyaa waraanaa isaa Galaana Diimaa keessatti darbate,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
16 Saba isaa lafa onaa keessa geggeesse,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
17 Mootota jajjaboo rukute,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
18 Mootota jajjaboo ajjeese,Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata,
19 Sihoon+ mootii Amoorotaa ni ajjeese,Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata,
20 Oog+ mootii Baashaanis ni ajjeese,Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
21 Biyya isaanii dhaalaan ni kenne,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata,
22 Israaʼel isa tajaajilaa isaa taʼeef dhaalaan ni kenne,Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
23 Yeroo dhiphannee* turretti nu yaadate,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.+
24 Yeroo baayʼee diinota keenya jalaa nu oolche,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
25 Uumama jiraataa* hundumaatiif nyaata ni kenna,+Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
26 Waaqa samiiwwaniitiif galata galchaa,Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Hubannaadhaan.”
^ Kal., “ni kukkute.”
^ Ykn., “salphifamnee.”
^ Kal., “Foon.”