Faarfannaa 126:1-6

  • Xiyoon iddootti deebiʼuun ishii gammachuu argamsiise

    • “Yihowaan wantoota guguddaa nuuf raawwate” (3)

    • Booʼicha irraa gara gammachuutti (5, 6)

Faarfannaa Ol Baʼuu. 126  Yihowaan yeroo namoota Xiyoon warra boojiʼaman deebisee walitti qabetti+Abjuu keessa kan jirru nutti fakkaate.   Yeroo sanatti afaan keenya kolfaanArrabni keenyas ililchuudhaan guutame.+ Yeroo sanatti isaan saboota gidduutti,“Yihowaan wantoota guguddaa isaaniif raawwate”+ jedhan.   Yihowaan wantoota guguddaa nuuf raawwate,+Nutis baayʼee gammanne.   Yaa Yihowaa, akkuma burqaawwan Negeeb* keessa jiraniitti,Boojiʼamtoota keenya deebisii walitti qabi.*   Warri imimmaaniin sanyii facaasanIlilchuudhaan ni haammatu.   Namni korojoo sanyii isaa baatee baʼu,Booʼaa kan gad baʼu taʼus,Bissiiwwan midhaanii isaa baatee,+Ililchaa akka deebiʼu beekamaa dha.+

Miiljaleewwan

Ykn., “lageen gogaa gara kibbaatti argaman.”
Ykn., “iddootti deebisi.”