Faarfannaa 124:1-8

  • “Yihowaan utuu nuu wajjin taʼuu baatee”

    • Kiyyoo cabe jalaa miliquu (7)

    • ‘Isa maqaan isaa Yihowaa jedhamu irraa gargaarsa arganna’ (8)

Faarfannaa Ol Baʼuu. Faarfannaa Daawit. 124  “Yihowaan utuu nuu wajjin taʼuu baatee,”+Israaʼel akkana haa jedhu:  2  “Yihowaan utuu nuu wajjin taʼuu baatee,+Yeroo namoonni nu haleeluuf nu irratti kaʼanitti,+  3  Yommuu aariin isaanii nu irratti bobaʼetti,+Silaa jiraatti nu liqimsu turan.+  4  Silaa bishaanonni nu haranii deemu turan,Lolaanis nu* irra yaaʼa ture.+  5  Dhaʼaan bishaanotaas nu* liqimsa ture.  6  Inni akka wanta adamsamuutti ilkaan isaaniitti dabarsee waan nu hin kennineefYihowaan haa jajamu.  7  Nuti* akkuma simbirrooKiyyoo adamsituu jalaa miliqxee ti;+Kiyyichi ni cabe,Nutis ni miliqne.+  8  Nuti isa maqaan isaa Yihowaa jedhamuIsa samii fi lafa tolche irraa gargaarsa arganna.”+

Miiljaleewwan

^ Ykn., “lubbuu keenya.”
^ Ykn., “lubbuu keenya.”
^ Ykn., “Lubbuun keenya.”