Faarfannaa 121:1-8

  • Yihowaan saba isaa ni eega

    • ‘Kan na gargaaru Yihowaa dha’ (2)

    • Yihowaan matumaa hin rafu (3, 4)

Faarfannaa Ol Baʼuu. 121  Ija koo gara gaarotaatti ol nan kaasa.+ Kan na gargaaru eenyu?  2  Kan na gargaaru Yihowaa+Isa samii fi lafa tolche dha.  3  Inni matumaa miilli kee akka mucucaatu* hin heyyamu.+ Inni si eegu matumaa hin mugu.  4  Kunoo, inni Israaʼeliin eeguMatumaa hin mugu, hin rafus.+  5  Yihowaan si eega. Yihowaan karaa harka mirgaa keetiin+ gaaddisa siif taʼa.+  6  Guyyaa aduun,Halkan immoo addeessi si hin rukutu.+  7  Yihowaan miidhaa hundumaa irraa si eega.+ Inni lubbuu kee ni eega.+  8  Yihowaan ammaa jalqabee bara baraafWanta raawwattu hundumaa* irratti si eega.

Miiljaleewwan

^ Ykn., “akka gatantaru.”
^ Kal., “Gad baʼuu kee fi ol galuu kee.”