Faarfannaa 116:1-19
116 Sagalee koo, kadhatan gargaarsa argachuuf dhiheessus waan dhagaʼuuf,+Ani Yihowaa nan jaalladha.*
2 Inni gurra isaa natti qaba,*+Hamman lubbuudhaan jirutti* isa nan waammadha.
3 Wadaroon duʼaa natti marame;Awwaallis cimsee na qabatee ture.*+
Dhiphinaa fi gaddaan liqimfameen ture.+
4 Garuu, “Yaa Yihowaa, na* oolchi!”
Jedhee maqaa Yihowaa nan waammadhe.+
5 Yihowaan gara laafessaa* fi qajeelaa dha;+Waaqni keenya araara qabeessa dha.+
6 Yihowaan warra muuxannoo hin qabne ni eega.+
Ani gad qabameen ture, inni garuu na oolche.
7 Yihowaan gaarummaadhaan waan na qabeef,Lubbuun* koo ammas haa boqotu.
8 Ati lubbuu koo duʼa irraa,Ija koo imimmaan irraa, miila koos gufachuu irraa oolchiteetta.+
9 Biyya namoota jiraatoo keessatti Yihowaa dura nan deddeebiʼa.
10 Amantii waanan qabuuf, dubbadheera;+Akka malee cunqurfameen ture.
11 Ani garuu naʼee,“Namni hundi sobduu dha”+ nan jedhe.
12 Wanta gaarii inni naaf godhe hundumaatiif,Yihowaadhaaf maalan deebisa?
13 Xoofoo fayyinaa* nan kaasa,Maqaa Yihowaas nan waammadha.
14 Saba isaa hundumaa durattiWareega koo Yihowaadhaaf nan raawwadha.+
15 Duuti warra isaaf amanamoo taʼanii,Yihowaa duratti dhimma ulfaataa taʼe dha.*+
16 Ani taajilaa kee waanan taʼeef,Yaa Yihowaa, sin kadhadha.
Ani tajaajilaa kee ti, ilma garbittii teetis.
Ati hidhaa koo na irraa hiikteetta.+
17 Aarsaa galataa siif nan dhiheessa;+Maqaa Yihowaa nan waammadha.
18 Saba isaa hundumaa durattis+Wareega koo Yihowaadhaaf nan raawwadha.+
19 Mooraawwan mana Yihowaa keessatti,+Yaa Yerusaalem, si gidduutti wareega koo nan raawwadha.
Yaahiin jajadhaa!*+
Miiljaleewwan
^ Ykn tarii, “Yihowaan waan dhagaʼuuf, ani nan jaalladha.”
^ Ykn., “na dhaggeeffachuuf gad jedha.”
^ Kal., “Guyyoota kootti.”
^ Kal., “Dhiphinni Siʼool na argate.”
^ Ykn., “lubbuun koo.”
^ Ykn., “arjaa.”
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “fayyina guddaa.”
^ Kal., “gatii guddaa qaba.”
^ Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.