Hisqiʼel 42:1-20

  • Gamoowwan kutaawwan nyaataa (1-14)

  • Kallattiiwwan mana qulqullummaa arfan ni safaraman (15-20)

42  Achiis inni kallattii kaabaatiin gara mooraa isa alaatti na geesse.+ Sana booda gara gamoo kutaa nyaataa isa iddoo banaa sanatti aansee,+ gamoo isa bira jiru irraa karaa kaabaatiin argamutti+ na fide.  Karaa balbala kaabaatiin dheerinni isaa dhundhuma* 100, dalgi isaa immoo dhundhuma 50 ture.  Innis mooraa isa keessaa isa dalgi isaa dhundhuma 20 taʼee+ fi mooraa isa alaa isa dhagaadhaan uwwifame gidduutti argama ture. Iddoowwan isaa warri keessa darbaman walitti kan garagalan yeroo taʼu, darbii sadii ol dheeratu turan.  Kutaawwan nyaataa* fuuldura karaa keessaatiin daandiin+ dalgi isaa dhundhuma 10, dheerinni isaa immoo dhundhuma 100* taʼe jira ture; balballi isaanii gara kaabaatti kan garagale ture.  Iddoowwan keessa darbaman bakka balʼaa waan fudhataniif, kutaawwan nyaataa gamoo sanaa warri gara olii jiran kutaawwan nyaataa warra darbii isa gadii fi isa gidduu keessatti argaman caalaa dhiphoo turan.  Isaan darbii sadii kan ol dheeratan taʼus, utubaawwan akka utubaa mooraawwan sanaa taʼan hin qaban turan. Darbii isa gadii fi isa gidduu caalaa isaan irraa iddoon dabalataa kan fudhatame kanaafi.  Girgiddaan dhagaa inni alaa inni kutaawwan nyaataa biratti argamu dhundhuma 50 dheerata ture; innis mooraa isa alaa bira, kutaawwan nyaataa kaanitti garagalee argama ture.  Kutaawwan nyaataa warri mooraa isa alaa biratti argaman dhundhuma 50, warri gara iddoo qulqulluutti garagalanii jiran immoo dhundhuma 100 dheeratu turan.  Kutaawwan nyaataa sun kallattii bahaatiin karaa ittiin seenanii fi mooraa isa alaa irraa gara isaaniitti geessu qabu turan. 10  Dallaa dhagaa mooraa sanaa isa kallattii bahaatiin argamu keessatti,* iddoo banaa sanaa fi gamoo sana birattis kutaawwan nyaataa ni argamu turan.+ 11  Isaan fuuldura karaan karaa kutaawwan nyaataa kallattii kaabaatiin argamanii wajjin wal fakkaatu tokko jira ture.+ Dheerinnii fi dalgi isaanii wal qixa ture; karaan ittiin baʼamuu fi akkaataan itti tolfaman wal fakkaata ture. Balbaloonni isaanii 12  balbaloota kutaawwan nyaataa kallattii kibbaatiin argamanii wajjin wal fakkaatu turan. Bakka daandiin itti jalqabu irratti, dallaa dhagaa kallattii bahaatiin argamu fuuldura, balballi namni itti seenuu dandaʼu tokko jira ture.+ 13  Achiis inni akkana naan jedhe: “Kutaawwan nyaataa kallattii kaabaatiin argamanii fi kutaawwan nyaataa kallattii kibbaatiin argaman warri iddoo banaatti aansanii jiran+ sun kutaawwan nyaataa qulqulluu bakka luboonni Yihowaatti dhihaatan aarsaa hundumaa caalaa qulqulluu taʼe itti nyaatani dha.+ Iddoon sun qulqulluu waan taʼeef, isaan aarsaa hundumaa caalaa qulqulluu taʼe, aarsaa midhaanii, aarsaa cubbuu fi aarsaa yakkaa achi kaaʼu.+ 14  Luboonni yommuu iddoo qulqulluutti seenan, jalqaba uffata ittiin tajaajilan sana utuu of irraa hin baasin achi keessaa gara mooraa isa alaatti gad baʼuu hin qaban;+ sababiin isaas, uffanni kun qulqulluu dha. Isaan gara iddoo sabichaaf heyyamametti dhihaachuuf uffata kan biraa ni uffatu.” 15  Inni iddoo mana qulqullummaa* isa keessaa safaree yommuu xumuretti, karaa karra isa kallattii bahaatti garagalee jiruun+ gad na baase; achiis iddoo sana guutummaa isaa ni safare. 16  Kallattii isa karaa bahaatiin argamu shomboqqoo safaraatiin* ni safare. Innis akka shomboqqoo safaraatti kallattii isa tokko irraa hamma kallattii isa kan biraatti dheerinni isaa shomboqqoo 500 ture. 17  Kallattii isa karaa kaabaatiin argamu ni safare; akka shomboqqoo safaraatti dheerinni isaa shomboqqoo 500 ture. 18  Kallattii isa karaa kibbaatiin argamu ni safare; akka shomboqqoo safaraatti dheerinni isaa shomboqqoo 500 ture. 19  Achiis gara kallattii isa karaa dhihaatiin argamuutti naannaʼe. Shomboqqoo safaraatiinis dheerina shomboqqoo 500 ni safare. 20  Innis kallattii arfaniin iyyuu ni safare. Iddoo qulqulluu taʼe iddoo tajaajila kan biraatiif oolu irraa addaan baasuuf,+ girgiddaan dheerinni isaa shomboqqoo 500, dalgi isaas shomboqqoo 500 taʼe+ naannoo isaatti argama ture.+

Miiljaleewwan

Kun dhundhuma dheeraa argisiisa. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Kutaawwan.”
Akka Septuujantii Giriikiitti, “dheerina dhundhuma 100.” Afaan Ibrootaatiin, “Daandii dhundhuma tokkoo” jedha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “dalga isaa keessatti.”
Kal., “Inni mana.”