Hisqiʼel 4:1-17

  • Yerusaalem akka marfamtu fakkeenyaan ibsame (1-17)

    • Yakka guyyaa 390 fi guyyaa 40f baatamu (4-7)

4  “Yaa ilma namaa, xuubii tokko fudhadhuutii of dura kaaʼi. Magaalaa tokko, jechuunis Yerusaalemiin isa irratti boci.  Ishiitti marsi,+ dallaa itti ijaari,+ ishiitti naannessii biyyoo tuuli,+ naannoo ishii buufadhu, meeshaa ittiin diiganis ishiitti marsi.+  Eelee sibiilaa tokko fudhadhuutii akka dallaa sibiilaatti ofii fi magaalattii gidduu dhaabi. Achiis fuula kee itti naannessi; ishiin ni marfamti; atis ishiitti marsita. Kun mana Israaʼeliif mallattoo dha.+  “Achiis cinaacha kee isa bitaatiin ciisiitii yakka mana Israaʼel baadhu.+ Guyyoota cinaacha keetiin ciistutti yakka isaanii ni baatta.  Anis waggoota isaan yakka itti raawwatanii wajjin haala wal gituun guyyoota 390 si irratti nan ramada;+ atis yakka mana Israaʼel ni baatta.  Guyyoota kana xumuruu qabda. “Achiis siʼa lammaffaadhaaf ni ciista; yeroo kanatti immoo cinaacha kee isa mirgaatiin ciista; yakka mana Yihudaas+ guyyoota 40f ni baatta. Anis tokkoon tokkoon waggaatiif guyyaa tokko tokko siif kenneera.  Atis harka kee irraa uffata sassaabbattee gara Yerusaalem ishii marfamte+ sanaatti fuula kee ni naannessita; raajiis ishii irratti dubbadhu.  “Kunoo, ani hamma guyyoonni ati ishiitti itti marsitu xumuramanitti cinaacha kee isa tokko irraa gara isa kan biraatti garagaluu akka hin dandeenyetti wadaroodhaan sin hidha.  “Atis qamadii, garbuu, baaqelaa, misira, bisingaa fi omborii* fuudhiitii miʼa tokko keessa kaaʼi; achiis daabboo ittiin tolfadhu. Guyyoota 390n cinaacha keetiin itti ciistu sanatti isa ni nyaatta.+ 10  Guyyaatti nyaata sheeqilii 20* madaaltee nyaatta. Isas saʼaatii dhaabbataa taʼetti nyaatta. 11  “Bishaanis safartee hiinii tokko keessaa harka jaʼa keessaa harka tokko* ni dhugda. Isas saʼaatii dhaabbataa taʼetti dhugda. 12  “Akkuma bixxillee garbuutti isa ni nyaatta; bobbaa namaa goge akka qoraaniitti fayyadamtee ijuma isaanii duratti isa tolchita.” 13  Yihowaan itti fufuudhaan, “Israaʼelonni saboota ani itti isaan bittinneessu gidduutti akka kanaan nyaata isaanii isa xuraaʼaa ni nyaatu”+ jedhe. 14  Anis, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, kun hin taʼin! Ani* ijoollummaa kootii jalqabee hamma ammaatti foon horii duʼee argamee yookiin foon horii bineensi cicciree nyaachuudhaan xuraaʼee hin beeku;+ akkasumas foon qulqulluu hin taane* afaaniin qabee hin beeku”+ nan jedhe. 15  Kanaafuu inni, “Tole, bobbaa namaatiin utuu hin taʼin koboota looniitti akka fayyadamtu siif heyyameera; atis daabboo kee isaan tolfatta” naan jedhe. 16  Achiis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, kunoo ani Yerusaalem keessaa karaa nyaanni ittiin argamu nan cufa;*+ isaanis daabboo isaaniif kennamu madaalliidhaan madaalanii dhiphina guddaadhaan nyaatu,+ bishaan isaaniif kennamus madaalliidhaan madaalanii sodaadhaan dhugu.+ 17  Kunis kan taʼu, hanqina nyaataa fi bishaaniitiin kan kaʼe naasuudhaan akka wal ilaalan, akkasumas balleessaa isaaniitiin kan kaʼe akka dhumaniifi.

Miiljaleewwan

Ykn., “aajjaa.”
Gara 230 g. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Gara 0.6 L. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn., “Lubbuun koo.”
Ykn., “xuraaʼaan.”
Kal., “ulee daabboo nan cabsa.” Tarii kun uleewwan daabboo kuusuuf oolan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.