Hisqiʼel 37:1-28
37 Harki Yihowaa na irra jira ture; Yihowaan hafuura isaatiin na fuudhee dirree sulula keessa jiru tokko gidduu na kaaʼe;+ dirreen sunis lafeedhaan kan guutame ture.
2 Innis hunda isaanii bira akkan darbu ni godhe; anis dirree sulula keessa jiru sana keessa lafee hedduun akka jiru nan arge; isaanis baayʼee kan goggogan turan.+
3 Innis, “Yaa ilma namaa, lafeewwan kun deebiʼanii lubbuudhaan jiraachuu ni dandaʼuu?” jedhee na gaafate. Anis, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, situ beeka”+ jedheen deebise.
4 Innis akkana naan jedhe: “Lafeewwan kana irratti raajii dubbadhu, akkana isaaniin jedhi: ‘Yaa lafeewwan goggogdan nana, dubbii Yihowaa dhagaʼaa:
5 “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan lafeewwan kanaan akkana jedha: “Hafuurri akka isinitti seenu nan godha; isinis deebitanii lubbuudhaan ni jiraattu.+
6 Ribuu fi foon isin irra nan kaaʼa; gogaadhaan isin nan uwwisa; hafuuras isin keessa nan kaaʼa; isinis deebitanii lubbuudhaan ni jiraattu; ani Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubattu.”’”
7 Achiis akkuman ajajametti raajii nan dubbadhe. Akkuman raajii dubbadheenis sagalee tokko, jechuunis sagalee sokoksu tokko nan dhagaʼe; lafeewwan sunis inni tokko isa kan biraa wajjin wal qabachuu jalqaban.
8 Achiis ribuunii fi foon yeroo isaan uwwisan nan arge; gogaanis isaan ni uwwise. Haa taʼu malee, amma iyyuu hafuurri isaan keessa hin turre.
9 Achiis akkana naan jedhe: “Bubbeetti raajii dubbadhu. Yaa ilma namaa, raajii dubbadhu, bubbeedhaan akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa bubbee* nana, kallattiiwwan bubbee arfan irraa kottu; akka isaan deebiʼanii lubbuudhaan jiraataniifis namoota ajjeefamanii turan kana irratti bubbisi.”’”
10 Anis akkuma inni na ajajetti raajii nan dubbadhe; hafuurris isaan keessa ni seene; isaanis gara jireenyaatti deebiʼanii miila isaaniitiin dhaabbachuu jalqaban;+ raayyaa baayʼee guddaa taʼes ni taʼan.
11 Achiis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, lafeewwan kun guutummaa mana Israaʼeli.+ Kunoo isaan, ‘Lafeewwan keenya goganiiru; abdiin keenyas badeera.+ Nuti guutummaatti dhumneerra’ jechaa jiru.
12 Kanaafuu, raajii dubbadhu, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa saba koo, iddoowwan awwaalchaa keessan banee+ awwaala keessan keessaa isin nan kaasa; gara biyya Israaʼelittis isin nan fida.+
13 Yaa saba koo, yommuun iddoowwan awwaalchaa keessan banee awwaala keessan keessaa isin kaasutti, ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.”’+
14 ‘Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa; isinis deebitanii lubbuudhaan ni jiraattu;+ ani biyya keessan keessa isin nan qubachiisa; isinis ani Yihowaan kana akkan dubbadhee fi akkan raawwadhe dhugumaan ni hubattu’ jedha Yihowaan.”
15 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:
16 “Yaa ilma namaa, ulee tokko fuudhiitii, ‘Yihudaa fi namoota Israaʼel warra isaa wajjin jiraniif’*+ jedhii irratti barreessi. Sana booda ulee kan biraa fuudhiitii, ‘Yoseefiif, ulee Efreemii fi guutummaa mana Israaʼel warra isaa wajjin jiranii’*+ jedhii irratti barreessi.
17 Achiis harka kee keessatti ulee tokko akka taʼaniif walitti isaan qabi.+
18 Yommuu sabni kee,* ‘Wantoonni kun hiika maalii akka qaban nutti hin himtuu?’ siin jedhan,
19 akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Ani ulee Yoseef isa harka Efreem keessa jiruu fi kan gosoota Israaʼel warra isaa wajjin jiranii taʼe sana fuudhee ulee Yihudaatti nan qabsiisa; ulee tokko isaan nan godha;+ isaanis harka koo keessatti tokko ni taʼu.”’
20 Uleewwan irratti barreessite sana akka isaan arganiif harka kee keessatti qabadhu.
21 “Achiis akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Ani saboota isaan gara isaanii dhaqan sana gidduudhaa Israaʼelota nan baasa; kallattii hundumaa irraa walitti isaan qabees gara biyya isaaniitti isaan nan fida.+
22 Biyyattii keessatti, gaarota Israaʼel irrattis saba tokko isaan nan godha;+ mootiin tokkos hunda isaanii ni bulcha;+ kana booda saboota lama hin taʼan; mootummoota lamattis hin hiraman.+
23 Isaan kana booda waaqolii isaanii warra balfamoo* taʼaniin, gochawwan isaanii warra jibbisiisoo taʼanii fi balleessaa isaaniitiin of hin xureessan.+ Gocha amanamummaa dhabuu isaanii isa ittiin cubbuu hojjetan sana hundumaa irraa isaan nan oolcha, isaan nan qulqulleessas. Isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii nan taʼa.+
24 “‘“Tajaajilaan koo Daawit mootii isaanii ni taʼa;+ hundi isaaniis tiksee tokko ni qabaatu.+ Akka heera kootti ni deddeebiʼu; dambiiwwan koos of eeggannoodhaan ni raawwatu.+
25 Isaan biyya ani tajaajilaa koo Yaaqoobiif kennee fi abbootiin keessan keessa jiraachaa turan keessa ni jiraatu;+ isaanis taʼan ijoolleen* isaanii fi ijoolleen ijoollee isaanii bara baraaf ishii keessa ni jiraatu;+ tajaajilaan koo Daawitis bara baraaf geggeessaa* isaanii ni taʼa.+
26 “‘“Anis isaanii wajjin kakuu nagaa nan gala;+ kakuun kunis kakuu bara baraa ani isaanii wajjin galu ni taʼa. Ani isaan nan dhaaba, isaan nan baayʼisa;+ iddoo qulqulluu koos bara baraaf isaan gidduu nan kaaʼa.
27 Dunkaanni* koo isaanii wajjin* ni taʼa; ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu.+
28 Iddoon qulqulluun koo bara baraaf isaan gidduu yommuu taʼutti, ani Yihowaan Israaʼeliin akkan qulqulleesse saboonni dhugumaan ni hubatu.”’”+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “hafuura.”
^ Ykn., “michoota isaa taʼaniif.”
^ Ykn., “michoota isaa taʼanii.”
^ Kal., “ilmaan saba keetii.”
^ Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
^ Ykn., “bulchaa.”
^ Kal., “ilmaan.”
^ Ykn., “Bakki jireenyaa; Manni.”
^ Ykn., “isaan irra.”