Hisqiʼel 37:1-28

  • Mulʼata waaʼee sulula lafeewwan goganii ibsu (1-14)

  • Uleewwan lamaan walitti qabsiifaman (15-28)

    • Saba mootii tokko jalatti bulu (22)

    • Kakuu nagaa bara baraa (26)

37  Harki Yihowaa na irra jira ture; Yihowaan hafuura isaatiin na fuudhee dirree sulula keessa jiru tokko gidduu na kaaʼe;+ dirreen sunis lafeedhaan kan guutame ture.  Innis hunda isaanii bira akkan darbu ni godhe; anis dirree sulula keessa jiru sana keessa lafee hedduun akka jiru nan arge; isaanis baayʼee kan goggogan turan.+  Innis, “Yaa ilma namaa, lafeewwan kun deebiʼanii lubbuudhaan jiraachuu ni dandaʼuu?” jedhee na gaafate. Anis, “Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, situ beeka”+ jedheen deebise.  Innis akkana naan jedhe: “Lafeewwan kana irratti raajii dubbadhu, akkana isaaniin jedhi: ‘Yaa lafeewwan goggogdan nana, dubbii Yihowaa dhagaʼaa:  “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan lafeewwan kanaan akkana jedha: “Hafuurri akka isinitti seenu nan godha; isinis deebitanii lubbuudhaan ni jiraattu.+  Ribuu fi foon isin irra nan kaaʼa; gogaadhaan isin nan uwwisa; hafuuras isin keessa nan kaaʼa; isinis deebitanii lubbuudhaan ni jiraattu; ani Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubattu.”’”  Achiis akkuman ajajametti raajii nan dubbadhe. Akkuman raajii dubbadheenis sagalee tokko, jechuunis sagalee sokoksu tokko nan dhagaʼe; lafeewwan sunis inni tokko isa kan biraa wajjin wal qabachuu jalqaban.  Achiis ribuunii fi foon yeroo isaan uwwisan nan arge; gogaanis isaan ni uwwise. Haa taʼu malee, amma iyyuu hafuurri isaan keessa hin turre.  Achiis akkana naan jedhe: “Bubbeetti raajii dubbadhu. Yaa ilma namaa, raajii dubbadhu, bubbeedhaan akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa bubbee* nana, kallattiiwwan bubbee arfan irraa kottu; akka isaan deebiʼanii lubbuudhaan jiraataniifis namoota ajjeefamanii turan kana irratti bubbisi.”’” 10  Anis akkuma inni na ajajetti raajii nan dubbadhe; hafuurris isaan keessa ni seene; isaanis gara jireenyaatti deebiʼanii miila isaaniitiin dhaabbachuu jalqaban;+ raayyaa baayʼee guddaa taʼes ni taʼan. 11  Achiis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, lafeewwan kun guutummaa mana Israaʼeli.+ Kunoo isaan, ‘Lafeewwan keenya goganiiru; abdiin keenyas badeera.+ Nuti guutummaatti dhumneerra’ jechaa jiru. 12  Kanaafuu, raajii dubbadhu, akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa saba koo, iddoowwan awwaalchaa keessan banee+ awwaala keessan keessaa isin nan kaasa; gara biyya Israaʼelittis isin nan fida.+ 13  Yaa saba koo, yommuun iddoowwan awwaalchaa keessan banee awwaala keessan keessaa isin kaasutti, ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.”’+ 14  ‘Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa; isinis deebitanii lubbuudhaan ni jiraattu;+ ani biyya keessan keessa isin nan qubachiisa; isinis ani Yihowaan kana akkan dubbadhee fi akkan raawwadhe dhugumaan ni hubattu’ jedha Yihowaan.” 15  Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 16  “Yaa ilma namaa, ulee tokko fuudhiitii, ‘Yihudaa fi namoota Israaʼel warra isaa wajjin jiraniif’*+ jedhii irratti barreessi. Sana booda ulee kan biraa fuudhiitii, ‘Yoseefiif, ulee Efreemii fi guutummaa mana Israaʼel warra isaa wajjin jiranii’*+ jedhii irratti barreessi. 17  Achiis harka kee keessatti ulee tokko akka taʼaniif walitti isaan qabi.+ 18  Yommuu sabni kee,* ‘Wantoonni kun hiika maalii akka qaban nutti hin himtuu?’ siin jedhan, 19  akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Ani ulee Yoseef isa harka Efreem keessa jiruu fi kan gosoota Israaʼel warra isaa wajjin jiranii taʼe sana fuudhee ulee Yihudaatti nan qabsiisa; ulee tokko isaan nan godha;+ isaanis harka koo keessatti tokko ni taʼu.”’ 20  Uleewwan irratti barreessite sana akka isaan arganiif harka kee keessatti qabadhu. 21  “Achiis akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Ani saboota isaan gara isaanii dhaqan sana gidduudhaa Israaʼelota nan baasa; kallattii hundumaa irraa walitti isaan qabees gara biyya isaaniitti isaan nan fida.+ 22  Biyyattii keessatti, gaarota Israaʼel irrattis saba tokko isaan nan godha;+ mootiin tokkos hunda isaanii ni bulcha;+ kana booda saboota lama hin taʼan; mootummoota lamattis hin hiraman.+ 23  Isaan kana booda waaqolii isaanii warra balfamoo* taʼaniin, gochawwan isaanii warra jibbisiisoo taʼanii fi balleessaa isaaniitiin of hin xureessan.+ Gocha amanamummaa dhabuu isaanii isa ittiin cubbuu hojjetan sana hundumaa irraa isaan nan oolcha, isaan nan qulqulleessas. Isaan saba koo ni taʼu, anis Waaqa isaanii nan taʼa.+ 24  “‘“Tajaajilaan koo Daawit mootii isaanii ni taʼa;+ hundi isaaniis tiksee tokko ni qabaatu.+ Akka heera kootti ni deddeebiʼu; dambiiwwan koos of eeggannoodhaan ni raawwatu.+ 25  Isaan biyya ani tajaajilaa koo Yaaqoobiif kennee fi abbootiin keessan keessa jiraachaa turan keessa ni jiraatu;+ isaanis taʼan ijoolleen* isaanii fi ijoolleen ijoollee isaanii bara baraaf ishii keessa ni jiraatu;+ tajaajilaan koo Daawitis bara baraaf geggeessaa* isaanii ni taʼa.+ 26  “‘“Anis isaanii wajjin kakuu nagaa nan gala;+ kakuun kunis kakuu bara baraa ani isaanii wajjin galu ni taʼa. Ani isaan nan dhaaba, isaan nan baayʼisa;+ iddoo qulqulluu koos bara baraaf isaan gidduu nan kaaʼa. 27  Dunkaanni* koo isaanii wajjin* ni taʼa; ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu.+ 28  Iddoon qulqulluun koo bara baraaf isaan gidduu yommuu taʼutti, ani Yihowaan Israaʼeliin akkan qulqulleesse saboonni dhugumaan ni hubatu.”’”+

Miiljaleewwan

Ykn., “hafuura.”
Ykn., “michoota isaa taʼaniif.”
Ykn., “michoota isaa taʼanii.”
Kal., “ilmaan saba keetii.”
Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
Ykn., “bulchaa.”
Kal., “ilmaan.”
Ykn., “Bakki jireenyaa; Manni.”
Ykn., “isaan irra.”