Hisqiʼel 31:1-18

  • Kufaatii Gibxii ishii akka muka gaattiraa taatee (1-18)

31  Waggaa 11ffaatti, jiʼa sadaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa jalqabaatti ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:  “Yaa ilma namaa, Faraʼoon mootii Gibxii fi namoota hedduu isaa wajjin jiraniin akkana jedhi:+ ‘Akka kee guddaa kan taʼe eenyu?   Namni biyya Asoor tokko akka muka gaattiraa Libaanon ture;Inni akkuma mukeetii gobbatanii biqilanii fi gaaddisa taʼaniitti dameewwan mimmiidhagoo kan qabu yeroo taʼu, baayʼee dheeraa ture;Fiixeen isaa duumessoota gidduu jira ture.   Bishaanonni akka inni guddatu ni godhan, bishaanonni gad fagoonis akka inni dheeratu godhan. Yaaʼaawwan bishaanii bakka inni dhaabametti marsanii jiru turan;Boʼoowwan isaaniis mukeetii dirree hundumaa bishaan ni obaasan.   Inni mukeetii dirree kan biroo hundumaa caalaa kan dheerate kanaafi. Dameewwan isaa ni babalʼatan;Yaaʼaawwan bishaanii isaa bishaan baayʼee waan qabaniif, dameewwan isaa ni dheeratan.   Simbirroonni samii hundi dameewwan isaa jalatti manʼee ijaarratan,Bineensonni bosonaa hundi dameewwan isaa jalatti ni dhalan,Saboonni uummata hedduu qaban hundis gaaddisa isaa jala jiraatu turan.   Hiddawwan isaa bishaanota hedduutti waan gad lixaniif,Inni miidhagina isaa fi dheerina dameewwan isaatiin ulfina qabeessa ni taʼe.   Mukeetiin gaattiraa iddoo biqiltuu Waaqayyoo+ keessa jiran kaan isaa wajjin wal gituu hin dandaʼan. Mukeetii birbirsaa keessaa dameewwan kan akka damee isaa taʼan qabu tokko illee hin jiru,Mukeetii armoon* keessaa dameewwan isaa wajjin wal gituu kan dandaʼu hin jiru. Mukti iddoo biqiltuu Waaqayyoo keessatti argamu kan biraan kam iyyuu miidhagina isaatiin isaa wajjin wal gituu hin dandaʼu.   Ani miidhagaa fi baala hedduu kan qabu akka taʼu isa nan godhe,Mukeetiin Eedan, jechuunis mukeetiin iddoo biqiltuu Waaqa dhugaa keessatti argaman kaan hundis isatti hinaafan.’ 10  “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Inni* fiixee isaa duumessoota gidduutti ol kaasuudhaan akka malee dheeraa waan taʼeef, dheerina isaa irraa kan kaʼes garaan isaa waan of tuuleef, 11  ani bulchaa sabootaa isa jabaa taʼe sanatti dabarsee isa nan kenna.+ Innis dhugumaan isa irratti tarkaanfii ni fudhata; anis hammina isaatiin kan kaʼe isa nan jibba. 12  Namoonni biyya ormaa warri saboota gidduudhaa hundumaa caalaa gara jabeeyyii taʼan isa ni kutu; gaarota irrattis isa ni gatu; baalli isaa sululawwan hundumaa keessatti ni harcaʼa; dameewwan isaas caccabanii yaaʼaawwan bishaanii biyyattii hundumaa keessa ni ciciisu.+ Namoonni lafa irraa hundis gaaddisa isaa jalaa ni baqatu, isa dhiisaniis ni deemu. 13  Simbirroonni samii hundi jirma isaa isa jige irra, bineensonni bosonaa hundis dameewwan isaa irra ni jiraatu.+ 14  Kunis kan taʼu, mukti bishaanota biratti argamu kam iyyuu baayʼee akka hin dheeranne yookiin fiixee isaa duumessoota gidduutti akka ol hin kaasnettii fi mukti akka gaariitti bishaan argatu kam iyyuu hamma isaanii akka hin dheeranneefi. Sababiin isaas, hundi isaanii iyyuu ilmaan namootaa warra gara boollaatti* gad buʼanii wajjin duʼatti, jechuunis biyya isa lafa jalaatti dabarfamanii kennamu.’ 15  “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Guyyaa inni gara Awwaalaatti* gad buʼutti gaddi akka jiraatu nan godha. Kanaafuu, bishaanonni hedduun akka ittifamaniif, bishaanota gad fagoo sana haguugee yaaʼaawwan isaa akka dhaabbatan nan godha. Sababii isaatiin Libaanoniin nan dukkaneessa; mukeetiin dirree hundis ni coolligu. 16  Warra gara boollaatti* gad buʼan hundumaa wajjin yommuun gara Awwaalaatti* gad isa buusu saboonni hundi sagalee kufaatii isaatiin akka romʼan nan godha; mukeetiin Eedan+ warri Libaanon keessaa filatamoo taʼanii fi hunda irra wayyan, warri akka gaariitti bishaan argatan hundi biyya lafa jalaa keessatti jajjabina ni argatu. 17  Isaan isaa fi deggertoota* isaa warra gaaddisa isaa jala saboota gidduu jiraatanii wajjin gara Awwaalaatti,* gara warra goraadeedhaan ajjeefamaniitti gad buʼaniiru.’+ 18  “‘Mukeetii Eedan keessaa ulfinaa fi guddinaan kan si fakkaatu isa kami?+ Haa taʼu malee, ati dhugumaan mukeetii Eedanii wajjin gara biyya isa lafa jalaatti gad buufamta. Ati warra goraadeedhaan ajjeefamanii wajjin warra dhaqna hin qabanne gidduu ciista. Kun Faraʼoonii fi namoota isaa wajjin jiran hundumaa irra ni gaʼa’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”

Miiljaleewwan

Muka dameen isaa babalʼatuu fi qolli isaa ofuma isaatiin ququncaʼu.
Kal., “Ati.”
Ykn., “awwaalaatti.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “awwaalaatti.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “irree.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.