Hisqiʼel 28:1-26

  • Raajii mootii Xiiros irratti dubbatame (1-10)

    • “Ani waaqa dha” (2, 9)

  • Faaruu gaddaa mootii Xiirosiif faarfatame (11-19)

    • ‘Ati Eedan keessa turte’ (13)

    • “Kiruubel isa golguuf dibame” (14)

    • “Jalʼinni si keessatti argame” (15)

  • Raajii Siidoon irratti dubbatame (20-24)

  • Israaʼel iddootti deebifamti (25, 26)

28  Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:  “Yaa ilma namaa, geggeessaa Xiirosiin akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Garaan kee waan of tuuleef,+ irra deddeebitee, ‘Ani waaqa dha. Galaanicha walakkaa teessoo waaqaa irra nan taaʼa’+ jetteetta. Garaa keetti waaqa akka taate yoo sitti dhagaʼame iyyuu,Ati nama dha malee waaqa miti.   Kunoo, ati Daaniʼel caalaa ogeessa dha.+ Iccitiin si jalaa dhokate hin jiru.   Ogummaa fi hubannaa keetiin of sooromsiteetta,Warqii fi meetiis manneen qabeenyaa kee keessatti kuufachuu kee itti fufteetta.+   Daldala irratti dandeettii qabaachuun kee qabeenya guddaa siif argamsiiseera,+Qabeenya keetiin kan kaʼes garaan kee of tuuleera.”’  “‘Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Garaa keetti waaqa akka taate waan sitti dhagaʼameef,   Ani namoota biyya ormaa warra saboota hundumaa caalaa gara jabeeyyii taʼan sitti nan fida,+Isaanis miidhagina ogummaa keetii irratti goraadee isaanii ni luqqifatu,Simboo kee isa ulfina qabeessa taʼes ni xureessu.+   Isaan gara boollaatti* gad si buusu,Galaana walakkaattis duʼa hamaa ni duuta.+   Ati amma iyyuu isa si ajjeesu sanaan, ‘Ani waaqa dha’ ni jettaa? Ati harka warra si xureessan sanaa keessatti waaqa utuu hin taʼin nama dha.”’ 10  ‘Harka namoota biyya ormaa keessatti duʼa warra dhaqna hin qabannee ni duuta,Sababiin isaas, ani kana dubbadheera’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.” 11  Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 12  “Yaa ilma namaa, waaʼee mootii Xiiros faaruu gaddaa tokko faarfadhu, akkanas isaan jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Ati mudaa kan hin qabne taʼuudhaan fakkeenya turte,Ogummaadhaan kan guutamte turte,+ miidhaginni kees mudaa kan hin qabne ture.+ 13  Ati Eedan ishii iddoo biqiltuu Waaqayyoo taate keessa turte. Dhagoota gatii guddaa qaban* hundumaatiin,Jechuunis ruubii, tophaaziyon, yaasphis, kirisoliixos, oniiksii, jeed, safiroos, tarkooyisii+ fi imeraaldiidhaan of miidhagsitee turte;Baattuun dhagoota kanaa fi iddoon isaan irratti maxxanfamanis warqii irraa kan tolfame ture. Isaan kan qopheeffaman guyyaa ati uumamtetti ture. 14  Ani kiruubel isa golguuf dibame sana godhee si muudeera. Ati gaara Waaqayyoo isa qulqulluu irra turte,+ dhagoota bobaʼan gidduus asii fi achi deddeebiteetta. 15  Hamma jalʼinni si keessatti argametti,Guyyaa uumamte irraa jalqabee daandiiwwan keetiin mudaa hin qabdu turte.+ 16  Daldalli kee baayʼachuu isaatiin kan kaʼe,+Jeequmsaan ni guutamte, cubbuu hojjechuus ni jalqabde.+ Yaa kiruubel isa golgitu nana, ani dhagoota bobaʼan sana irraa fageessee,Akka waan xuraaʼaatti gaara Waaqayyoo irraa sin darbadha, sin balleessas.+ 17  Miidhagina keetiin kan kaʼe garaan kee of tuuleera.+ Simboo kee isa ulfina qabeessa taʼeen kan kaʼes ogummaa kee mancaasteetta.+ Ani gara lafaatti gad sin darbadha.+ Mootonni lafaas ajaaʼibsiifannaadhaan akka si ilaalan nan godha. 18  Yakka kee isa guddaa fi daldala kee isa gowwoomsaadhaan guutameen kan kaʼe iddoowwan qulqulluu kee xureessiteetta. Ani ibiddi si gidduutti akka kaʼu nan godha, innis si nyaata.+ Warra si ilaalan hundumaa duratti lafa irratti daaraa sin godha. 19  Saboota gidduudhaa warri si beekan hundi ajaaʼibsiifannaadhaan si ilaalu.+ Dhumni kee akkuma tasaa ni taʼa, sodaachisaas ni taʼa;Atis bara baraaf akkuma baddetti hafta.”’”+ 20  Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 21  “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Siidoonitti+ naannessiitii ishii irratti raajii dubbadhu. 22  Akkana jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa Siidoon, kunoo ani si irratti kaʼeera, si gidduuttis ulfina nan argadha;Yommuun murtii koo ishii irratti dabarsuttii fi ishii keessatti qulqulluu taʼutti namoonni ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu. 23  Ani golfaa ishiitti nan erga, daandiiwwan ishii irrattis dhiigni ni dhangalaʼa. Kallattii hundumaatiin yommuu goraadeen ishiitti dhufutti namoonni ajjeefaman ishii gidduutti ni kukkufu;Isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.+ 24  “‘“Sana booda manni Israaʼel sokorruu hamaa fi qoree dhukkubbii cimaa geessisuun,+ jechuunis warra isaan tuffataniin hin marfaman; namoonnis ani Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”’ 25  “‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yommuun mana Israaʼel saboota isaan gidduu isaaniitti bittinnaaʼan keessaa walitti qabutti,+ saboota duratti isaan gidduutti qulqulluu nan taʼa.+ Isaanis biyya isaanii isa ani tajaajilaa koo Yaaqoobiif kenne+ irra ni jiraatu.+ 26  Achi irras tasgabbiidhaan ni jiraatu;+ manneen ni ijaarratu, muka wayiniis ni dhaabbatu;+ yommuu ani warra isaanitti marsanii jiranii fi isaan tuffatan hundumaa irratti murtii dabarsutti+ isaan tasgabbiidhaan ni jiraatu; ani Waaqa isaanii Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubatu.”’”

Miiljaleewwan

Ykn., “awwaala.”