Hisqiʼel 25:1-17

  • Raajii Amoon irratti dubbatame (1-7)

  • Raajii Moʼaab irratti dubbatame (8-11)

  • Raajii Edoom irratti dubbatame (12-14)

  • Raajii Filisxeem irratti dubbatame (15-17)

25  Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:  “Yaa ilma namaa, fuula kee gara Amoonotaatti+ naannessiitii isaan irratti raajii dubbadhu.+  Amoonota ilaalchisee akkana jedhi: ‘Dubbii Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa dhagaʼaa. Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Ati yommuu iddoon qulqulluu koo xureeffametti, yommuu biyyi Israaʼel ona taatetti, akkasumas yommuu manni Yihudaa boojuudhaan fudhatametti, ‘Ishoo!’ waan jetteef,  namoota Bahaatiif dhaala godhee sin kenna. Isaan si keessatti buufatawwan* isaanii, si gidduuttis dunkaanota isaanii ni dhaabu. Firii kee ni nyaatu, aannan kees ni dhugu.  Ani Raabaa+ bakka gaalonni dheedan, biyya Amoonotaas bakka bushaayeen itti boqotu nan godha; isinis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.”’”  “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ati harka kee waan walitti rukutteef,+ miila keetiin waan lafa dhidhiitteef, biyya Israaʼel irratti akka malee qoosuudhaanis waan* gammaddeef,+  akka isaan si saamaniif sabootatti dabarsee si kennuuf si irratti harka koo nan diriirsa. Saboota keessaa sin kuta, biyyoota keessaas sin balleessa.+ Haxaaʼee sin balleessa; atis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatta.’  “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Moʼaabii+ fi Seʼiir,+ “Kunoo, manni Yihudaa akkuma saboota kan biroo hundumaa ti” waan jedhaniif,  magaalota isaa warra hundumaa caalaa gaggaarii taʼan, jechuunis Beet Yeshiimoot, Baʼaal Meʼoonii fi Qiriyaataayim+ dabalatee magaalonni daangaa Moʼaab irratti argaman akka haleelaman nan godha. 10  Amoononni saboota gidduutti akka hin yaadatamneef,+ ani Moʼaabiin Amoonotaa wajjin saba Bahaatiif dhaala godhee nan kenna.+ 11  Moʼaab irratti murtii nan dabarsa;+ isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’ 12  “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Edoom mana Yihudaa irratti haaloo baʼeera; isaan irratti haaloo baʼuudhaanis yakka guddaa of irratti fideera;+ 13  kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Harka koo Edoom irratti diriirsee namas taʼe horii isa keessaa nan balleessa; isas ona nan godha.+ Isaan Temaan irraa jalqabee hamma Deedaanitti goraadeedhaan ni kufu.+ 14  ‘Harka saba koo Israaʼelitti fayyadamee Edoom irratti haaloo nan baʼa.+ Warri Edoom haaloo ani isaan irratti baʼu akka hubataniif, isaan aarii koo fi dheekkamsa koo Edoom irratti ni fidu’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”’ 15  “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Filisxeemonni diinummaa cimaadhaan kakaʼanii hamminaan* isaan irratti haaloo baʼuu fi isaan balleessuuf yaalii godhaniiru.+ 16  Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani harka koo Filisxeemota irratti nan diriirsa;+ Kereetotas taʼe jiraattota qarqara galaanaa warra hafan nan balleessa.+ 17  Adaba cimaa taʼeen akka malee isaan irratti haaloo nan baʼa; yommuun isaan irratti haaloo baʼus ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”’”

Miiljaleewwan

Ykn., “buufatawwan dallaa dhagaa.”
Ykn., “lubbuun kee waan.”
Ykn., “lubbuutti qoosuudhaan.”