Hisqiʼel 23:1-49
23 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:
2 “Yaa ilma namaa, dubartoonni haadha takka irraa dhalatan lama jiru turan.+
3 Isaanis biyya Gibxii keessatti sagaagaltoota taʼan;+ dargaggummaa isaaniitii jalqabees sagaagalummaa irratti ni hirmaatu turan. Achitti harmi isaanii ni susukkuumame; bobaan durbummaa isaaniis ni tuttuqame.
4 Maqaan ishii angafaa Oholaa,* kan obboleettii ishii immoo Oholibaa* ture. Isaan kan koo ni taʼan; ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaas ni daʼan. Oholaan Samaariyaa+ dha, Oholibaan immoo Yerusaalemi.
5 “Oholaan utuma kan koo taatee jirtuu sagaagalummaa raawwachuu jalqabde.+ Ishiin kajeellaa ishiitiin warra baayʼee ishii jaallatan,+ jechuunis Asoorota warra olloota ishii taʼan duukaa ni buute.+
6 Isaan bulchitoota uffata bifa cuquliisaa uffatanii fi bulchitoota gad aanoo turan; hundi isaanii iyyuu dargaggoota mimmiidhagoo farda gulufuu irratti dandeettii qaban turan.
7 Ishiinis ilmaan Asoor warra filatamoo taʼan hundumaa wajjin sagaagalummaa raawwachuu ishii itti fufte; waaqolii tolfamoo balfamoo* kan warra kajeellaa ishiitiin duukaa buute sanaatiinis of xureessite.+
8 ishiin sagaagalummaa biyya Gibxii keessatti raawwatte sana hin dhiisne; sababiin isaas, isaan yeroo dargaggummaa ishiitti ishii wajjin ciisaniiru; bobaa durbummaa ishii tuttuqanii kajeellaa guddaadhaan ishii wajjin saalqunnamtii* raawwataniiru.+
9 Kanaafuu, ani harka warra baayʼee ishii jaallataniitti, jechuunis harka ilmaan Asoor warra ishiin kajeellaa ishiitiin duukaa buutee turte sanaatti dabarsee ishii nan kenne.+
10 Isaanis qullaa ishii saaxilan;+ ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa ishii ni fudhatan;+ ishiis goraadeedhaan ajjeesan. Ishiin dubartoota gidduutti hamtuu ni taate; isaanis ishii irratti murtii dabarsan.
11 “Obboleettiin ishii Oholibaan kana yommuu argitu, kajeellaan ishii caalaatti ni hammaate; sagaagalummaan ishiis kan obboleettii ishii irra hammaate.+
12 Ishiin kajeellaa ishiitiin ilmaan Asoor warra olloota ishii taʼan duukaa ni buute;+ isaan bulchitootaa fi bulchitoota gad aanoo warra uffata gaggaarii uffatanii fi farda gulufuu irratti dandeettii qaban yeroo taʼan, hundi isaanii iyyuu dargaggoota mimmiidhagoo turan.
13 Ishiinis yommuu of xureessitetti, lamaan isaanii iyyuu daandii tokko akka hordofan+ nan hubadhe.
14 Ishiin garuu ittuma caalchistee sagaagalummaa raawwachuu ishii itti fufte. Ishiin dhiirota girgiddaa irratti bocaman, fakkiiwwan Kaladootaa bocamanii halluu diimaa dibaman ni ilaalte;
15 isaan mudhii isaaniitti qabattoo, mataa isaaniittis marata rarraʼu hidhatanii turan; bifa loltootaa kan qaban yeroo taʼu, hundi isaanii iyyuu namoota Baabilon warra biyya Kaladootaatti dhalatan argisiisu turan.
16 Ishiinis akkuma isaan argiteen kajeellaa ishiitiin isaan duukaa buʼuu jalqabde; gara biyya Kaladootaattis ergamtoota isaanitti ni ergite.+
17 Kanaafuu, ilmaan Baabilon gara siree ishii isa jaalala itti waliif ibsanitti dhufanii kajeellaa isaaniitiin* ishii xureessan. Erga ishii xureessanii boodas, ishiin* isaan jibbitee irraa garagalte.
18 “Ishiin qaanii malee sagaagalummaa raawwachuu fi qullaa ishii saaxiluu ishii yommuu itti fuftetti,+ akkuman obboleettii ishii irraa jibbaan garagaletti, ishii irraas jibbaan nan garagale.+
19 Ishiinis bara dargaggummaa ishii isa biyya Gibxii keessatti sagaagalummaa itti raawwatte+ sana yaadachuudhaan caalaatti sagaagalummaa raawwachuu ishii itti fufte.+
20 Akkuma saajjatoota* dhiirota qaamni saalaa isaanii kan akka harree fi kan akka fardaa taʼe sanaattis kajeellaa ishiitiin isaan duukaa ni buute.
21 Ati gocha qaanessaa bara dargaggummaa keetti biyya Gibxii keessatti+ yommuu isaan bobaa kee, jechuunis harma ijoollummaa kee itti tuttuqaa turanitti raawwatte sana ni hawwite.+
22 “Kanaafuu, yaa Oholibaa, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani warra si jaallatan, warra ati* jibbitee irraa garagalte sana nan kakaasa;+ kallattii hundumaa irraas si irratti isaan nan fida;+
23 ilmaan Baabilonii+ fi Kaladoota+ hundumaa, namoota Pheeqod,+ namoota Shoʼaa fi namoota Qoʼaa ilmaan Asoor hundumaa wajjin si irratti nan fida. Hundi isaanii dargaggoota mimmiidhagoo, bulchitoota, bulchitoota gad aanoo, loltootaa fi namoota of eeggannoodhaan filataman* yeroo taʼan, hundi isaanii iyyuu farda gulufuu irratti dandeettii kan qabani dha.
24 Isaan gaariiwwan fardaa waraanaa geengoowwan qabanii fi gungumaniin, akkasumas yaaʼii loltootaa guddaa warra gaachana guddaa, gaachana xinnoo* fi baarmeexaa sibiilaa qabaniin si haleelu. Isaan sitti marsanii iddoo isaanii ni qabatu; anis murtii akka dabarsaniif isaaniif aangoo nan kenna; isaanis akka barbaadanitti sitti murteessu.+
25 Ani dheekkamsa koo si irratti nan mulʼisa; isaanis aarii isaaniitiin si adabu. Isaan funyaan kee fi gurra kee si irraa ni kutu; si keessaa warri hafan goraadeedhaan ajjeefamu. Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee ni fudhatu; si keessaa warri hafan ibiddaan gubatu.+
26 Isaan uffata kee si irraa baasu;+ faaya kee isa miidhagaas ni saamu.+
27 Gochi kee inni qaanessaanii fi sagaagalummaan kee inni biyya Gibxii keessatti jalqabe+ akka dhaabbatu nan godha.+ Atis isaan ilaaluu ni dhiista; kana booda Gibxii hin yaadattu.’
28 “Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani harka warra ati jibbitu, warra ati* jibbitee irraa garagalte sanaatti dabarsee sin kenna.+
29 Isaan jibbaan si adabu; wanta ati itti dhamaate hundumaa fudhataniis+ guutummaatti qullaatti si hambisu. Qullaan kee inni qaanessaan inni yeroo ati ejja raawwattetti mulʼate, gochi kee inni qaanessaanii fi sagaagalummaan kee ni saaxilama.+
30 Ati akkuma dubartii sagaagaltuutti saboota duukaa waan buuteef,+ waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼaniinis waan of xureessiteef,+ wantoonni kun si irratti ni raawwatamu.
31 Ati daandii obboleettii tee duukaa buuteetta;+ anis xoofoo ishii harka kee irra nan kaaʼa.’+
32 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
‘Ati xoofoo obboleettii tee isa gad fagoo fi balʼaa taʼe ni dhugda,+Xoofoon sunis qoosaadhaan kan guutame dha; kanaafuu, namoonni sitti ni kolfu, sitti ni qoosus.+
33 Atis machii fi gaddaan,Xoofoo sodaa fi xoofoo badiisaatiin ni guutamta,Kunis, xoofoo obboleettii tee Samaariyaa ti.
34 Atis isa dhuguuf, isa xuruurfachuu+ fi qiraacii isaa alanfachuuf,Achiis harma kee of irratti cicciruuf ni dirqamta.
“Sababiin isaas, ani kana dubbadheera” jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.’
35 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ati waan na irraanfatteef, guutummaattis waan na tuffatteef,*+ miidhaa gocha kee isa qaanessaa taʼee fi sagaagalummaa keetiin kan kaʼe dhufu ni baatta.’”
36 Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ati Oholaa fi Oholibaa+ irratti murtii ni dabarsitaa? Gochawwan isaanii warra balfamoo taʼan hoo fuulleetti isaanitti ni himtaa?
37 Isaan ejja* raawwataniiru;+ harka isaanii irras dhiigatu jira. Isaan waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼanii wajjin ejja raawwachuu qofa utuu hin taʼin, ilmaan isaanii warra anaaf daʼan sanas waaqolii tolfamoo isaaniitiif nyaata akka taʼaniif ibiddaan gubaniiru.+
38 Kana malees, isaan wanta kana ana irratti raawwataniiru: Guyyaa sanatti iddoo koo isa qulqulluu xureessaniiru; sanbatawwan koos salphisaniiru.
39 Isaan waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼaniif ilmaan isaanii gorraʼanii aarsaa godhanii erga dhiheessanii+ booda, guyyuma sanatti iddoo qulqulluu koo xureessuuf achitti ni seenan.+ Wanti isaan manuma koo keessatti raawwatan kana dha.
40 Isaan dhiirota waamsisuuf gara bakka fagootti ergamaa tokko erganiiru.+ Yommuu isaan dhufanis ati ni dhiqatte, ija kee ni kuullatte, faayawwaniinis of miidhagsite.+
41 Achiis siree baayʼee bareedu irra teesse;+ fuuldura isaas minjaalli tokko kaaʼamee ture;+ atis ixaana+ koo fi zayitii koo minjaalicha irra keesse.+
42 Sagaleen tuuta dhiirota yaaddoo hin qabnees achii ni dhagaʼama ture; isaan gidduus warri machooftuun lafa onaa keessaa fidaman jiru turan. Isaanis harka dubartoota sanaatti bitaawoo harkaa ni kaaʼan; gonfoo bareedaas mataa isaanii irra ni kaaʼan.
43 “Achiis ishii ejjaan dadhabde sana ilaalchisee, ‘Ammas ishiin sagaagalummaa raawwachuu ishii ittuma fufti’ nan jedhe.
44 Akkuma namni tokko gara dubartii sagaagaltuu dhaqutti, isaanis gara ishii dhaquu isaanii itti fufan. Akka kanaan isaan gara Oholaa fi Oholibaa dubartoota gocha qaanessaa taʼe raawwatan sanaa ni dhaqan.
45 Haa taʼu malee, ejjaa fi dhiiga dhangalaasuu ishiitiin dhiironni qajeeloo taʼan murtii ishiidhaaf malu ishii irratti ni murteessu;+ sababiin isaas, isaan ejjitoota dha, harka isaanii irras dhiigatu jira.+
46 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Isaan wanta sodaachisu akka taʼanii fi qabeenyi isaanii akka saamamu gochuuf raayyaan waraanaa tokko isaan irratti ni ergama.+
47 Raayyaan waraanaa sunis dhagaa isaanitti ni darbata,+ goraadeedhaanis isaan ni kukkuta. Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii ni ajjeesu,+ manneen isaaniis ibiddaan ni gubu.+
48 Anis gochi qaanessaan biyyattii keessatti raawwatamu akka dhaabbatu nan godha; dubartoonni hundi kana irraa barumsa ni argatu; gocha keessan isa qaanessaa taʼes hin hordofan.+
49 Isaan miidhaa gocha keessan isa qaanessaa taʼee fi cubbuu waaqolii tolfamoo warra balfamoo taʼan waaqeffachuudhaan raawwattaniin kan kaʼe dhufu isin irratti ni fidu; isinis ani Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.’”+
Miiljaleewwan
^ “Dunkaanni Koo Ishii Keessa Jira” jechuu dha.
^ “Dunkaana Ishii” jechuu dha.
^ Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
^ Ykn., “saalqunnamtii seeraan ala taʼe.”
^ Ykn., “saalqunnamtii seeraan ala taʼeen.”
^ Ykn., “lubbuun ishii.”
^ Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.
^ Ykn., “lubbuun kee.”
^ Kal., “namoota waamaman.”
^ Gaachana xinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.
^ Ykn., “lubbuun kee.”
^ Kal., “gara duuba keetti waan na gatteef.”
^ Jechuunis, ejja hafuuraa.