Hisqiʼel 15:1-8
-
Yerusaalem ishii muka wayinii gatii hin qabne taate (1-8)
15 Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:
2 “Yaa ilma namaa, mukti wayinii mukeetii bosonaa keessaa muka yookiin damee kan biraa kam iyyuu wajjin akkamitti wal bira qabama?
3 Mukti isa irraa argamu wanta tokko raawwachuuf ni fayyadaa? Yookiin namoonni miʼa irratti fannisuuf isa irraa hookkoo ni tolchuu?
4 Kunoo, inni akka qoraaniitti ibiddatti ni gatama; ibiddichis fiixee isaa lamaan ni nyaata, gidduu isaas ni waxala. Kana booda hojii akkamiitiif iyyuu ooluu ni dandaʼaa ree?
5 Utuu hin gubatin illee wanta akkamiitiif iyyuu ooluu hin dandaʼu ture. Erga ibiddi isa nyaatee fi isa waxalee booda immoo caalaatti gatii kan hin qabne hin taʼuu ree?”
6 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Akkuma muka wayinii isa mukeetii bosonaa gidduu jiru, isa ani akka qoraaniitti ibiddaaf kenne sanaa, jiraattota Yerusaalem irrattis akkanuma nan godha.+
7 Ani fuula koo isaan irra kaaʼeera. Isaan ibiddicha jalaa miliqaniiru; garuu ibiddi isaan ni nyaata. Yommuun fuula koo isaan irra kaaʼutti, isin ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu.’”+
8 “‘Amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniitiin+ kan kaʼes biyyattii nan onsa’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”