Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 3:1-17
3 Achiis Solomoon Yerusaalem keessatti, Gaara Mooriyaa+ isa Yihowaan abbaa isaa Daawititti itti mulʼatee ture,+ jechuunis iddoo Daawit bakka oobdii Ornaan+ Yebuusichaa irratti qopheesse irratti mana Yihowaa ijaaruu jalqabe.+
2 Inni mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, jiʼa lammaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa lammaffaatti manicha ijaaruu ni jalqabe.
3 Buʼuurri Solomoon mana Waaqa dhugaa ijaaruuf kaaʼe, akka safartuu duriitti* dheerinni isaa dhundhuma 60, dalgi isaa immoo dhundhuma 20 ture.+
4 Barandaan inni fulduraa dheerinni isaa dhundhuma 20 yeroo taʼu, dalga manichaa wajjin qixxee ture; ol dheerinni isaas 120 ture;* innis keessa manichaa warqii qulqulluudhaan ni uwwise.+
5 Inni mana isa guddaa muka birbirsaatiin ni uwwise; achiis warqii qulqulluudhaan ni uwwise;+ sana booda fakkiiwwan muka meexxii+ fi funcaawwaniin+ ni miidhagse.
6 Kana malees, inni manicha dhagoota mimmiidhagoo gatii guddaa qabaniin ni uwwise;+ warqiin+ inni itti fayyadames warqii Paarwaayim irraa dhufe ture.
7 Innis manicha, baattuuwwan baaxii isaa, gubaniiwwan balbalaa isaa, girgiddaawwan isaa fi balbaloota isaa warqiidhaan ni uwwise;+ girgiddaawwan isaa irrattis fakkii kiruubelotaa ni boce.+
8 Achiis inni kutaa* isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe ni ijaare;+ dheerinni isaa dalga manichaa wajjin qixxee kan ture yeroo taʼu, dhundhuma 20 ture; dalgi isaas dhundhuma 20 ture. Innis warqii baʼeessa taalaantii* 600n isa ni uwwise.+
9 Ulfaatinni warqii mismaaronni ittiin tolfaman sanaa sheeqilii* 50 ture; inni kutaawwan baaxii irraa warqiidhaan ni uwwise.
10 Achiis kutaa* Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe keessatti bifawwan kiruubelotaa lama hojjetee warqiidhaan isaan uwwise.+
11 Qoochoowwan* kiruubelotaa+ walumaa galatti dhundhuma 20 dheeratu turan; qoochoon kiruubel isa jalqabaa inni tokko dhundhuma shan kan dheeratu yeroo taʼu, innis girgiddaa manichaa ni tuqa ture; qoochoon isaa inni kan biraanis dhundhuma shan kan dheeratu yeroo taʼu, innis qoochoowwan kiruubel isa kan biraa keessaa isa tokko ni tuqa ture.
12 Akkasumas, qoochoon kiruubel isa kan biraa inni tokko dhundhuma shan kan dheeratu yeroo taʼu, innis girgiddaa manichaa isa kan biraa ni tuqa ture; qoochoon isaa inni kan biraanis dhundhuma shan kan dheeratu yeroo taʼu, innis qoochoowwan kiruubel isa jalqabaa keessaa isa tokko ni tuqa ture.
13 Qoochoowwan kiruubelotaa diriiran kun dhundhuma 20 turan; kiruubelonni kunis fuula isaanii gara keessaatti* garagalchanii miila isaaniitiin dhaabbatanii turan.
14 Kana malees, inni foʼaa bifa cuquliisaatiin, suufii bifa dhiilgeetiin, foʼaa bildiimaatiin, akkasumas huccuu baʼeessaan golgaa+ tolchee, bifawwan kiruubel irratti ni dhaʼe.+
15 Achiis fuuldura manichaatti utubaawwan+ dhundhuma 35 dheeratan lama ni hojjete; gubbeen tokkoon tokkoon mataa utubaa sanaa irra jirus dhundhuma shan ture.+
16 Inni funcaawwan amartii mormaa fakkaatan hojjetee mataa utubaawwan sanaa irra ni kaaʼe; romaanota 100 hojjetees funcaawwan sana irra ni kaaʼe.
17 Inni utubaawwan sana isa tokko gara mirgaa,* isa tokko immoo gara bitaa* godhee fuuldura mana qulqullummaa ni dhaabe; achiis isa gara mirgaa jiru Yaakiin,* isa gara bitaa jiru immoo Boʼaaz* jedhee moggaase.
Miiljaleewwan
^ Dhundhumni tokko 44.5 cm dha; namoonni tokko tokko garuu, “safartuun durii” dhundhuma dheeraa 51.8 cm taʼe akka argisiisu isaanitti dhagaʼama. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Safartuun isaa maal akka taʼe hin ibsamne.
^ Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Kal., “mana.”
^ Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Kal., “mana.”
^ Jechuunis, goflaawwan.
^ Jechuunis, gara Kutaa Qulqulluutti.
^ Ykn., “karaa kibbaa.”
^ Ykn., “karaa kaabaa.”
^ “Inni [jechuunis, Yihowaan] Jabeessee haa Dhaabu” jechuu dha.
^ Tarii, “Jabinaan” jechuu dha.