Waxabajjii 9-15
FAKKEENYA 17
Faarfannaa 157 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)
Hiriyoonni gaaʼelaa nagaa qaban tokko waliin nyaachaa jiru
1. Gaaʼela Keessan Keessatti Nagaa Qabaadhaa
(Daq. 10)
Gaaʼela keessatti nagaa qabaachuun carraaqqii guddaa kan gaafatu taʼus, carraaqqiin godhamu nama hin gaabbisiisu (Fak 17:1; fakkii jiru ilaali)
Wantoota xixinnoorratti wal hin falminaa (Fak 17:9; g-AM 9/14 11 key. 2)
Miira keessan toʼadhaa (Fak 17:14; w08-AM 5/1 ful. 10 key. 6–ful. 11 key. 1)
2. Albuuda Hafuuraa
(Daq. 10)
-
Fak 17:24—Yaanni, ‘Ijji nama gowwaa hamma handaara lafaatti asii fi achi joora’ jedhu hiika akkamii qaba? (it-1-E 790 key. 2)
-
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?
3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Daq. 4) Fak 17:1-17 (th qoʼannaa 10)
4. Marii Jalqabuu
(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. (lmd barumsa 3 qabxii 5)
5. Marii Jalqabuu
(Daq. 4) LALLABA ADDABAABAAYII. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 6 qabxii 4)
6. Haasaa
(Daq. 5) ijwbv mata duree 60—Mata duree: Fakkeenyi 17:17 Hiika Akkamii Qaba? (th qoʼannaa 13)
Faarfannaa 113
7. Barsiifata Waliin Haasaʼuun Akka Isinitti Salphatu Godhu Qabaadhaa
(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.
Maatiin tokko gammachuu akka qabaatuuf akka gaariitti waliin haasaʼuu qaba. Miseensonni maatichaa iftoominaan kan waliin haasaʼan yoo taʼe, waliin taʼanii galma tokkorra gaʼuu fi yeroo rakkinaatti wal deggeruu dandaʼu. (Fak 15:22) Maatii keessan keessatti iftoominaan waliin haasaʼuuf maal gochuu dandeessu?
Yeroo waliin dabarsaa. (Kes 6:6, 7) Miseensonni maatii yeroo waliin hojjetan, sochiiwwan hafuuraarratti yeroo waliin hirmaatanii fi yeroo waliin bashannanan jaalallii waliif qabanii fi amantiin walirratti qaban ni cima. Bilisummaadhaan waliin haasaʼuufis carraa argatu. Yeroo tokko tokko, wanta miseensonni maatii keessan barbaadan gochuuf fedhii keessan aarsaa gochuun isin barbaachisuu dandaʼa; taʼus, aarsaan kaffaltan isin hin gaabbisiisu! (Flp 2:3, 4) Maarree, yeroo waliin dabarsitanitti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeessan akkamitti?—Efe 5:15, 16.
VIIDIYOO Gorsa Nagaa Maatiitiif Fayyadu Hordofaa—Akka Gaariitti Yaada Wal Jijjiiraa jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:
-
Meeshaalee elektiroonikiitti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuun maatiin sirriitti akka waliin hin haasofne kan godhu akkamitti?
-
Viidiyoo kanarraa akka gaariitti waliin haasaʼuu ilaalchisee barumsa kan biraa akkamii argattan?
Sirriitti dhaggeeffadhaa. (Yaq 1:19) Ijoolleen miira isaanii akka isaaniif hubannuu fi akka isaanitti hin murteessine yoo isaanitti dhagaʼame miirasaanii bilisummaadhaan ibsuuf kakaʼuu dandaʼu. Kanaafuu, ijoolleen keessan wanta isin yaaddessu tokko yoo dubbatan miira keessan toʼachuuf yaalaa. (Fak 17:27) Garaadhaa isaan dhaggeeffadhaa. Karaa jaalala qabuun isaan gargaaruu akka dandeessaniif, yaadasaanii fi miirasaanii isaaniif hubachuuf yaalaa.
8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii
(Daq. 30) bt boq. 27 key. 19-22, saanduqa ful. 242rra jiru