Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waxabajjii 30–Adoolessa 6

FAKKEENYA 20

Waxabajjii 30–Adoolessa 6

Faarfannaa 131 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

QABEENYA DUBBII WAAQAYYOO KEESSA JIRU

1. Wal Qorachuurratti Milkaaʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

(Daq. 10)

Ilaalcha Yihowaan wal qorachuuf qabu yaadadhaa (Fak 20:24, 25; w24.05 26-27 key. 3-4)

Wal qorachuu jalqabuu keessan dura waaʼee nama sanaa beekuuf yaalaa (Fak 20:18; w24.05 22 key. 8)

Yeroo wal qorattanitti sirriitti wal beekuuf yaalaa (Fak 20:5; w24.05 28 key. 7-8)

KANA YAADADHU: Namoonni wal qorachaa jiran milkaaʼaniiru kan jedhamu yoo wal fuudhan qofa miti; dhaabuuf yoo murteessanis milkaaʼaniiru jechuun ni dandaʼama.

2. Albuuda Hafuuraa

(Daq. 10)

  • Fak 20:27—Yaanni, “Hafuurri namni baafatu ibsaa Yihowaa ti” jedhu maal jechuudha? (it-2-E 196 key. 7)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Namni haasofsiistu dhiheenya kana biyya biraadhaa akka dhufe sitti hime. (lmd barumsa 3 qabxii 3)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) LALLABA ADDABAABAAYII. Nama haasofsiistutti waaʼee appilikeeshinii JW Library® itti himi, moobaayilii isaarratti akka buufatus isa gargaari. (lmd barumsa 9 qabxii 5)

6. Wanta Itti Amantu Ibsi

(Daq. 4) Hojiin argisiisa. ijwbq mata duree 159—Mata duree: Bineeldonni Gara Samii ni Dhaquu? (lmd barumsa 3 qabxii 4)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 78

7. Barumsa Kitaaba Qulqulluu Nuti Kenninu Akka Yaalan Namoota Jajjabeessaa

(Daq. 5) Mareedhaan kan dhihaatu.

Namoonni qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu akka jalqaban affeeruun kutaa tajaajila keenyaati. Namoonni barattoota akka taʼan gargaaruu kan dandeenyu Kitaaba Qulqulluu yoo isaan qoʼachiisnedha. (Rom 10:13-15) Yeroo manaa gara manaatti lallabdanitti Kitaaba qulqulluu akka qoʼatan kallattiidhaan namoota affeeruuf maaliif galma hin baafattan? Jalqaba, mata dureen nama haasofsiistan hawwatu maal akka taʼe beekuuf yaalaa. Achiis, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuunsaa gaaffiisaatiif deebii argachuufis taʼe karaa kan biraatiin akkamitti akka isa gargaaru itti argisiisaa.

Liinkiin “Barumsa Kitaaba Qulqulluu Keenya Hordofi” jedhuu fi jw.org irratti argamu namoota qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuuf isin gargaara.

  • Namoonni Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan affeeruuf liinkii “Barumsa Kitaaba Qulqulluu Keenya Hordofi” jedhutti fayyadamuu kan dandeessan akkamitti?

  • Naannoo keessanitti malli namoonni qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu akka jalqaban affeeruuf gaarii taʼee argattan isa kami?

8. Viidiyoo Wantoota Jaarmiyichi Raawwate Jedhamuu fi Jiʼa Waxabajjiitiif Qophaaʼe

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 150 fi Kadhannaa