YIHOWAA ‘GAMMACHUUDHAAN FAARFADHAA’

“Amantii Keenya Nuu Guddisi” (Faarfannaa 118)

Afaan Oromoo
“Amantii Keenya Nuu Guddisi” (Faarfannaa 118)
/assets/ct/a5f5be13b3/images/syn_placeholder_sqr.png
sjj far. 118

FAARFANNAA 118

“Amantii Keenya Nuu Guddisi”

“Amantii Keenya Nuu Guddisi”

(Luqaas 17:5)

  1. 1. Yaa Yihowaa cubbamoota waan taaneef,

    Garaan keenya fedhii hamaa qaba.

    Cubbuun salphaatti nu sakaalu jira,

    Garaan keenya sittʼ amantii dhaba.

    (BUUSAA)

    Yaa Yihowaa nuu guddisi amantaa;

    Hamma nutti hirʼate ni beekta.

    Dubbiif gochaan akka si kabajnutti,

    Adaraa nuuf guddisi amantii.

  2. 2. Amantii dhabnaan si hin gammachiisnu.

    Akka nu kiistu amanuu qabna.

    Hin sodaannu yeroo gara fuulduraa.

    Amantiin nu eega nuuf gaachana.

    (BUUSAA)

    Yaa Yihowaa nuu guddisi amantaa;

    Hamma nutti hirʼate ni beekta.

    Dubbiif gochaan akka si kabajnutti,

    Adaraa nuuf guddisi amantii.

(Dabalataan, Uma. 8:21; Ibr. 11:6; 12:1 ilaali.)