FAARFANNAAWWAN ADDAA

Yeroo Koo Hin Gubu

Afaan Oromoo
Yeroo Koo Hin Gubu
https://cms-imgp.jw-cdn.org/img/p/502900115/univ/art/502900115_univ_sqr_xl.jpg

Yeroo Koo Hin Gubu

Yeroo Koo Hin Gubu

Buufadhu:

  1. 1. Yeroon darbe osoo hin yaadin;

    Jireenyis osoo hin beekamin.

    Ammumaa xiyyeeffannaa kennina;

    Jaalala keenya ibsina, ammuma.

    (BUUSAA)

    Yeroo koo gubuu hin qabu, salphisees hin ʼlaalu,

    Jaallachuun qaba warra ʼsaaniif malu.

    Jaalala koo hin sassatu, harʼaa bor hin jedhu,

    Carraan kun na darbee gaabbuu hin fedhu.

    Yeroo koo maaliifan guba? Sirriittan fayyadama.

  2. 2. Yihowaan waan hedduu naaf kenne,

    Jaalala guddaadhaan kakaʼee,

    Lubbuu koo isaaf kennuu nan fedha.

    Yeroo koo maaliifan qusadha? Nan kenna.

    (BUUSAA)

    Yeroo koo gubuu hin qabu, salphisees hin ʼlaalu,

    Jaallachuun qaba warra ʼsaaniif malu.

    Jaalala koo hin sassatu, harʼaa bor hin jedhu,

    Carraan kun na darbee gaabbuu hin fedhu.

    Yeroo koo maaliifan guba? Sirriittan fayyadama.

    (CEESISA)

    Addunyaa moofaan kun darbuuf jedha,

    Addunyaa haaraa seenna.

    Yeroo koo gubuun maal fayyada amma?

    Abdiidhaan nan eeggadha!

    (BUUSAA)

    Yeroo koo gubuu hin qabu, salphisees hin ʼlaalu,

    Jaallachuun qaba warra ʼsaaniif malu.

    Jaalala koo hin sassatu, harʼaa boru hin jedhu,

    Carraan kun na darbee gaabbuu hin fedhu.

    Yeroo koo maaliifan guba? Sirriittan fayyadama.