YAADA QOʼANNAADHAAF TAʼU
Fakkiiwwanirraa Guutummaatti Fayyadami
Barreeffamoonni keenya fakkiiwwan qabxiilee barbaachisoo taʼan barsiisaniin kan guutamanidha. Maarree, fakkiiwwan kanarraa guutummaatti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?
-
Mata duree tokko dubbisuu kee dura fakkii achi keessa jiru ilaali. Fakkiiwwan fedhii barachuuf qabdu dabaluu fi mata duricha dubbisuuf si kakaasuu dandaʼu. Nyaata miʼaawaa tokko yeroo argitu nyaachuuf ni kakaata. Haaluma wal fakkaatuun, jalqaba fakkiiwwan jiran yoo ilaalte mata duree sana dubbisuuf caalaatti kakaata. Kanaafuu, mata duree tokko dubbisuu kee dura, ‘Maaltu natti mulʼata?’ jedhii of gaafadhu.—Amo. 7:7, 8.
-
Mata duricha yeroo dubbistu fakkichi kan filatame maaliif akka taʼe yaadi. Yaada fakkicha jala jiru ykn ibsa fakkichaaf kenname dubbisi. Fakkichi mata duricha wajjin akkamitti akka wal qabatu ykn barumsa irraa argatte akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu yaadi.
-
Erga dubbistee booda qabxiilee ijoo mata durichaa irra deebiʼuuf fakkichatti fayyadami. Achiis ija kee dunuunfadhuutii fakkichaa fi barumsa irraa argatte yaadachuuf yaali.
-
Fakkiiwwan barruu kana keessatti argaman irra deebitee ilaaluudhaan barumsa irraa argatte yaadachuuf maaliif hin yaaltu?