Mootiin Mootummaa Waaqayyoo Eenyu?

Mootiin Mootummaa Waaqayyoo Eenyu?

Waaqayyo namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan hedduun gara fuulduraatti Mootii Mootummaa Waaqayyoo kan taʼu eenyu akka taʼe balʼinaan akka ibsan godheera. Bulchaan kun:

  • Waaqayyoon kan filatamedha. ‘Ani mootii koo muudeera. Saboota dhaala kee, andaara lafaas qabeenya kee godhee siif nan kenna.’—Faarfannaa 2:6, 8.

  • Dhaaltuu Daawit Mootichaati. ‘Mucaan nuuf dhalateera, ilmi nuuf kennameera; teessoo Daawitii fi mootummaa isaa irratti, badhaadhinni bulchiinsa isaa, nagaan isaas dhuma hin qabaatu.’—Isaayyaas 9:6, 7.

  • Beetaliheemitti dhalata. ‘Yaa Beetaliheem, inni bulchaa taʼu si keessaa anaaf ni baʼa. Guddinni isaa andaara lafaa bira gaʼa.’—Miikiyaas 5:2, 4.

  • Namoonni isa ni tuffatu, ni ajjeesus. “Inni kan tuffatame ture, nutis akka waan gatii hin qabneetti isa ilaalle. Inni garuu yakka keenyaaf ni waraaname; balleessaa keenyaafis ni caccabsame.”—Isaayyaas 53:3, 5.

  • Duʼaa kaafamee ulfina argateera. “Ati Awwaala keessatti na hin dhiistu. Inni siif amanamaa taʼes boolla akka argu hin heyyamtu. . . . Gara harka mirgaa keetiinis bara baraaf gammachuutu jira.”—Faarfannaa 16:10, 11.

Yesuus Kiristoos Ulaagaa Isaa Sirriitti Guuta

Seenaa ilmaan namootaa keessatti ulaagaalee Bulchaa gaarii tokkorraa eegaman guutuu kan dandaʼe Yesuus Kiristoos qofadha. Maleekaan tokko, ‘Yihowaan teessoo abbaa isaa Daawit akka isaaf kennuu fi Mootummaan isaa dhuma akka hin qabaanne’ haadha isaa Maariyaamitti himeera.—Luqaas 1:31-33.

Yesuus lafarratti mootii taʼee hin beeku. Kanaa mannaa, Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuudhaan samiirra taaʼee ilmaan namootaa bulcha. Bulchaa hundarra caalu akka taʼu kan isa taasisu maalidha? Mee wanta yeroo lafarra turetti raawwate haa ilaallu.

  • Yesuus namootaaf ni yaada ture. Dhiirotaa fi dubartoota, akkasumas ijoollee fi maanguddoota akkaataan guddinaa isaanii fi sadarkaan jireenyaa isaanii garaa gara taʼe gargaareera. (Maatewos 9:36; Maarqos 10:16) Namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko, “Yoo fedhii kee taʼe, na fayyisuu dandeessa” jedhee yeroo isa kadhatetti gara laafinaan kakaʼee isa fayyiseera.—Maarqos 1:40-42.

  • Yesuus akkamitti Waaqayyoon gammachiisuu akka dandeenyu nu barsiiseera. “Waaqayyoo fi Qabeenyaaf garbicha taʼuu hin dandeessan” jedheera. Kana malees, wanta warri kaan akka nuuf godhan barbaannu nutis akka isaaniif goonu nutti himeera; seerri buʼuuraa kun Seera Isa Beekamaa jedhamee waamama. Waaqayyo wanta goonuuf qofa utuu hin taʼin, wanta yaannuu fi miira keenyaaf xiyyeeffannaa akka kennus ibseera. Kanaafuu, Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaanne miira keenya toʼachuu qabna. (Maatewos 5:28; 6:24; 7:12) Yesuus gammachuu dhugaa argachuu yoo barbaanne, wanta Waaqayyo nurraa barbaadu beekuu fi gochuu akka qabnu dubbateera.—Luqaas 11:28.

  • Yesuus namoota jaallachuu jechuun maal jechuu akka taʼe barsiiseera. Dubbii fi gochi Yesuus humna kan qabuu fi garaa dhaggeeffattoota isaa kan tuqu ture. “Namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee dinqisiifatan; sababiin isaas, inni . . . akka nama aangoo qabuutti isaan barsiisaa ture.” (Maatewos 7:28, 29) ‘Diinota isaanii akka jaallatan’ isaan barsiiseera. “Yaa Abbaa, isaan wanta gochaa jiran waan hin beekneef dhiifama isaaniif godhi” jechuudhaan warra duʼa isaatti itti gaafataman tokko tokkoofillee kadhateera.—Maatewos 5:44; Luqaas 23:34.

Yesuus inni warra kaan gargaaruu fi namootatti gaarummaa argisiisuu jaallatu Bulchaa addunyaa kanaa taʼuuf sirriitti gaʼumsa qaba. Haa taʼu malee, bulchuu kan jalqabu yoomi?