Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MASARAA EEGUMSAA Lakk. 1 2024 | Wanta Sirrii fi Dogoggora T⁠a⁠ʼe​​—⁠Adda Baafachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Wanta sirrii fi dogoggora taʼe adda baafachuu kan dandeessu akkamitti? Namoonni baayʼeen kana adda baafachuuf qalbiisaanii fi ulaagaalee baratanirratti hundaaʼu. Tokko tokkommoo ilaalcha namoota kan biroorratti hundaaʼanii murtoo godhu. Atoo wanta sirrii fi dogoggora taʼe adda kan baafattu akkamitti? Gama kanaan murtoo gaarii siifis taʼe maatii keetiif faayidaa argamsiisu gochuuf maaltu si gargaara?

 

Wanta Sirrii fi Dogoggora T⁠a⁠ʼe: Dhimma Nama Hunda Ilaallatu

Dhimma naamusaa ilaalchisee murtoo gochuun yeroo si barbaachisu qajeelfama akkamii hordofta?

Wanta Sirrii fi Dogoggora T⁠a⁠ʼe: Qajeelfama Namoonni Baa⁠⁠y⁠ʼeen Hordofan

Wanta sirrii fi dogoggora t⁠a⁠ʼe ilaalchisee murtoo yeroo goonu miira nutti ykn warra kaanitti dhag⁠a⁠ʼamu hordofuu dandeenya. Qajeelfamni kana caalaa amansiisaa t⁠a⁠ʼe jiraa?

Wanta Sirrii fi Dogoggora T⁠a⁠ʼe: Kitaabni Qulqulluun Qajeelfama Amansiisaa Kenna

Kitaabni Qulqulluun dhimma naamusaa ilaalchisee qajeelfama amansiisaa akka qabate mirkana⁠a⁠ʼaa t⁠a⁠ʼuu kan dandeessu akkamitti?

Wanta Sirrii fi Dogoggora T⁠a⁠ʼe: Qajeelfama Si Fayyadu

Kallattiiwwan jireenyaa namoonni miliyoonaan lakka⁠a⁠ʼaman qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu faayidaa akka qabuu fi amansiisaa akka t⁠a⁠ʼe itti hubatan afur ilaali.

Yeroo Ha⁠⁠r⁠ʼaatti Qajeelfama Amansiisaa T⁠a⁠ʼe Eessaa Argachuu Dandeessa?

Kitaabni Qulqulluun filannaa yoomiyyuu itti hin gaabbine gochuuf si gargaara.