Kitaaba Qulqulluu—Madda Dhugaa Amansiisaa Taʼe
Guutummaa seenaa ilmaan namootaa keessatti namoonni akkaataa guddinaa garaagaraa qaban hedduun Kitaaba Qulqulluu madda dhugaa amansiisaa akka taʼetti ilaalu. Yeroo harʼaatti, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman barumsa Kitaaba Qulqulluu ni hordofu. Namoonni kaanimmoo bara keenyaaf kan hin taane ykn soba akka taʼetti ilaalu. Atoo maal sitti fakkaata? Kitaabni Qulqulluu kitaaba dhugaa qabatedhaa?
KITAABA QULQULLUUTTI AMANUU KAN DANDEESSU MAALIIFI?
Kitaaba Qulqulluutti amanuuf maaltu si kakaasa? Mee fakkeenya tokko haa ilaallu: Michuun kee tokko waggoota hedduudhaaf yeroo hunda dhugaa kan sitti dubbatu yoo taʼe, nama amanamaa akka taʼetti isa ilaaluun kee hin oolu. Kitaabni Qulqulluun hoo akkuma michuu amanamaa taʼe tokkoo wanta dhugaa taʼe qofa dubbataa? Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.
Barreessitoota Amanamoo
Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu baayʼee amanamoo waan taʼaniif, yeroo hedduu waaʼee dogoggoraa fi dadhabina ofiisaanii barreessaniiru. Fakkeenyaaf, Yoonaas raajichi yeroo tokko ajajamuu didee akka ture barreesseera. (Yoonaas 1:1-3) Kitaabasaa kan xumureyyuu ilaalchasaa akkamitti akka sirreesse dubbachuudhaan utuu hin taʼin, Waaqayyo akkamitti akka isa adabe ibsuudhaani. (Yoonaas 4:1, 4, 10, 11) Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu hundi amanamummaadhaan barreessuunsaanii waaʼeen dhugaa baayʼee akka isaan yaaddessu argisiisa.
Gorsa Dhugaa Faayidaa Qabu
Gorsi Kitaaba Qulqulluu yeroo hunda nu fayyadaa? Eeyyee. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun namoota wajjin hariiroo gaarii qabaachuu ilaalchisee maal akka jedhu hubadhu: “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa.” (Maatewos 7:12) “Deebii laafaan aarii qabbaneessa, dubbii hamaan garuu aarii kakaasa.” (Fakkeenya 15:1) Eeyyee, gorsi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu akkuma yeroo barreeffametti ture yeroo harʼaattis nu fayyada.
Seenaa Dhugaa
Argannoowwan arkiyooloojii hedduun namoonnii fi iddoowwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman dhugumaan akka turanii fi taʼeewwan achi keessatti caqasaman sirrii taʼuusaanii mirkaneessaniiru. Mee ragaa tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Kitaabni Qulqulluun bara Nahimiyaatti namoonni Xiiros (warri Fiinqee Xiirosii dhufan) Yerusaalem keessa jiraachaa turan, “qurxummii fi shaqaxa gosa hundumaa fidanii” akka turan dubbata.—Nahimiyaa 13:16.
Ragaan caqasa Kitaaba Qulqulluu kana deeggaru jiraa? Eeyyee. Arkiyooloojistoonni Israaʼel keessatti miʼoota warra Fiinqee, waaʼee daldala biyyoota durii lamaan gidduutti godhamuu ibsan argataniiru. Kana malees, lafeen qurxummii Meditiraaniyaa Yerusaalem keessatti qotamee argameera. Arkiyooloojistoonni qurxummii kana kan fide daldaltoota qarqara galaanaa jiraatan akka taʼan amanu. Hayyuun tokko ragaa kanarratti qorannaa erga godhanii booda, “Yaanni Nah[imiyaa] 13:16 irra jiruu fi namoonni Xiiros Yerusaalem keessatti qurxummii gurguraa akka turan ibsu dhugaa fakkaata” jedhaniiru.
Dhugaa Saayinsaawaa
Kitaabni Qulqulluun kitaaba amantii fi seenaati. Yaanni Kitaaba Qulqulluu saayinsii wajjin wal qabatu garuu saayinsii dhugaa wajjin wal sima. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu.
Gara waggaa 3,500 dura Kitaabni Qulqulluun lafti “homtuu utuu jala hin jiraatin [rarraatee]” akka jirtu ibseera. (Iyyoob 26:7) Kun sheekkoo lafti bishaanirra akka bololiitu ykn qocaa guddaarra teessee akka jirtu ibsurraa baayʼee addadha. Kitaabni Iyyoob erga barreeffamee waggaa 1,100 booda namoonni lafti rarraʼuu akka hin dandeenyee fi wanta taʼe tokkorra teessee akka jirtu amanuu isaanii itti fufanii turan. Aayizaak Niwutan qorannaa humna harkisa lafaarratti godheen lafti humna ijaan hin mulʼanneen oorbiitii ishiirra akka jirtu kan dubbate bara 1687tti, jechuunis waggaa dhibba sadan harʼaati. Guddinni gama saayinsiitiin argame kun wanti Kitaabni Qulqulluun waggaa 3,000 dura dubbate dhugaa taʼuusaa mirkaneessa!
Raajii Dhugaa
Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanoo sirriidhaa? Mee raajii Isaayyaas waaʼee kufaatii Baabilon dubbate akka fakkeenyaatti haa ilaallu.
Raajii: Barreessaa Kitaaba Qulqulluu kan taʼe Isaayyaas Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti, Baabilon akka kuftuu fi boodammoo ona akka taatu raajii dubbatee ture; Baabilon magaalaa mootummaa humna guddaa qabdu kan taateyyuu yeroo boodadha. (Isaayyaas 13:17-20) Isaayyaas namni kana raawwatu Qiiros akka jedhamullee dubbateera. Kana malees, lageen akka ‘gogan’ akka godhu dubbachuudhaan tooftaa Qiiros itti fayyadamu ibseera. Karri magaalattii banaa akka taʼus raajii dubbateera.—Isaayyaas 44:27–45:1.
Raawwiisaa: Isaayyaas raajii kana dubbatee gara waggaa 200 booda mootiin Faarsi, Baabiloniin weerare. Maqaan mootii kanaa eenyu ture? Qiirosi. Gara Baabilon seenuun ulfaataa waan tureef, Qiiros Laga Efraaxis isa magaalattii keessa darbutti fayyadamuuf murteesse. Namoonnisaa lagichi kallattii isaa jijjiiree gara lafa caffee taʼetti akka yaaʼu gochuuf boʼoo qotan. Kunis bishaan dallaa magaalattiitti aanee jiru akka hirʼatu waan godheef, loltoonni Qiiros bishaan keessa deemanii karra magaalattii bira gaʼuu dandaʼaniiru. Kan nama ajaaʼibu Baabilononni karra magaalattii isa gara lagichaatti baʼu utuu hin cufin hafanii turan! Achiis loltoonni Qiiros karaa karrichaa ol seenanii magaalattii kuffisan.
Haa taʼu malee, wanti tokko ni hafa: Baabilon ona taateettii? Jaarraawwan muraasaaf namoonni magaalattii keessa jiraachuusaanii itti fufaniiru. Yeroo harʼaatti garuu jijjigaan Baabilon inni Baagdaad ishii magaalaa Iraaq taate biratti argamu raajiin Kitaaba Qulqulluu kun raawwatamuusaa mirkaneessa. Eeyyee, wanti Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee dubbatu amansiisaadha.