Dhugaan Faayidaa Akkamii Siif Argamsiisa?
Waaqayyo inni yeroo hunda dhugaa dubbatu abdii “jireenya bara baraa” akka qabaattu si affeereera.—Yohaannis 3:16.
MAAL GOCHUU QABDA?
Wanta Dubbiin Waaqayyoo inni dhugaan jedhu baradhu.—Yohaannis 17:3, 17.
Waaqayyoof ajajamuuf filadhu.—Keessa Deebii 30:19, 20.
Jireenya kee keessatti qajeelfama Waaqayyoo hojiirra oolchi.—Yaaqoob 1:25.
Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman dhugaa Kitaaba Qulqulluu barachuudhaan faayidaa hedduu argachaa jiru. Wanta baratan sitti himuun isaan gammachiisa.
Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu dabalataa barachuuf birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe ilaali; weebsaayitii jw.org/om irrattis ni argama.