Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Galateeffachuu

Galateeffachuu

Galateeffachuun faayidaa hedduu qaba; gama qaamaa, sammuu fi miiraatiin ni fayyada. Kanaaf namni hundi amala kana barsiifata godhachuu qaba.

Galateeffachuun fayyaa keetiif kan fayyadu akkamitti?

SAAYINSIIN FAYYAA MAAL JEDHA?

Mata dureen barreeffama Harvard Mental Health Letter jedhamu irratti baʼe akka jedhutti, “galateeffachuun gammachuu guddaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba. Galateeffachuun namoonni miira gaarii akka qabaatan, muuxannoo gaarii akka horatan, fayyaa isaanii akka fooyyeffatan, rakkina akka damdamatanii fi michummaa gaarii akka qabaatan gargaara.”

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Kitaabni Qulqulluun amala galateeffachuu akka qabaannu nu jajjabeessa. Phaawulos “Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa” jechuudhaan barreesseera; ofii isaatiis gama kanaan fakkeenya gaarii taʼeera. Fakkeenyaaf namoonni ergaa inni isaanitti himeef deebii gaarii waan kennaniif, ‘utuu wal irraa hin kutin Waaqayyoon galateeffateera.’ (Qolosaayis 3:15; 1 Tasalonqee 2:13) Gammachuun dhugaa kan argamu darbee darbee galatoomi jechuudhaan qofa utuu hin taʼin barsiifata galateeffachuu qabaachuu irraa ti. Barsiifanni akkasii immoo amaloota namoonni akka nu irraa fagaatan godhanii fi gammachuu nu dhabsiisan kan akka of tuulummaa, hinaaffaa fi haaloo qabachuu irraa nu eega.

Uumaan keenya namoota illee kan dinqisiifatu siʼa taʼu, gama kanaan fakkeenya guddaa nuu taʼa. Ibroonni 6:10, “Waaqayyo jalʼaa miti; Inni hojii keessan, akkasumas . . . jaalala isin maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu” jedha. Eeyyee, Uumaan keenya galateeffachuu dhiisuu akka jalʼinaatti ilaala.

“Yeroo hunda gammadaa. Waan hundumaatiif galateeffadhaa.”1 Tasalonqee 5:16, 18.

Galateeffachuun hariiroo namootaa wajjin qabnu kan fooyyessu akkamitti?

MUUXANNOO IRRAA MAAL HUBATTA?

Nama kennaa nuu kenne, jechaan nu jajjabeesse ykn hojii taʼe irratti nu gargaare yommuu galateeffannu namni sun iddoo guddaa akka qabu akka itti dhagaʼamu goona. Namoonni nu hin beekne illee gocha gaarii isaan hojjettaniif, tarii balbala bananii ol nu galchuu isaaniitiif yommuu isaan galateeffannu miira gaariitu isaanitti dhagaʼama.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Yesuus Kiristoos “Kennaa, namoonnis isiniif ni kennu. Isaanis safartuu gaarii gad dhiibamee, sochoofamee irraa dhangalaʼuun safaranii kaasuu keessanitti isiniif kennu” jedheera. (Luqaas 6:38) Mee muuxannoo Intala Rooz jedhamtu, dhagaʼuu hin dandeenyee fi odoola Vaanuwaatuu ishii Paasifiik Kibbaa keessatti argamu jiraattuu akka fakkeenyaatti haa ilaallu.

Rooz walgaʼii gumii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti kan argamaa turte taʼus, ishiinis taate namoonni gumicha keessa jiran afaan mallattoo waan hin dandeenyeef walgaʼiiwwan irraa fayyadamuu hin dandeenye turte. Hiriyoonni gaaʼelaa afaan mallattoo sirriitti dandaʼan gara gumii isaanii dhufanii rakkina kana yommuu argan afaan mallattoo barsiisuu jalqaban. Rooz baayʼee isaan galateeffatte. “Michoota na jaallatan hedduu qabaachuu kootti baayʼee gammadeera” jetteetti. Hiriyoota gaaʼelaa ishii gargaaraniif, miira ishiitti dhagaʼamee fi walgaʼiiwwan irratti yeroo hirmaattu arguun gammachuu guddaa dha. Rooz warri kaanis ishii wajjin qunnamuuf jecha afaan mallattoo barachuuf carraaqqii gochuu isaanii baayʼee dinqisiifatti.—Hojii Ergamootaa 20:35.

‘Namni galata aarsaa godhee dhiʼeessu, Waaqayyoof ulfina in kenna.’ —Faarfannaa 50:23.

Barsiifata galateeffachuu qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Miirri keenya yaada keenyaa wajjin kan wal qabate dha. Daawit kadhannaa gara Waaqayyootti dhiheesse irratti, “Wanti ati goote hundinuus yaada koo keessa jira; hojii harka kees irra-deddeebiʼee itti nan yaada” jedheera. (Faarfannaa 143:5) Eeyyee, Daawit nama yaadi isaa hihhiramee fi beekumsa hin qabne hin turre. Barsiifata galateeffachuu qabaachuu kan dandaʼe yeroo hunda gocha Waaqayyoo irratti waan xiinxaluufi dha; jireenya isaa guutuu barsiifata akkasii qaba ture.—Faarfannaa 71:5, 17.

Kitaabni Qulqulluun ‘Wanta dhugaa taʼe hunda, wanta jaallatamaa taʼe hunda, wanta maqaa gaarii qabu hunda, wanta gaarii taʼe hunda, wanta galateeffamu hunda yaaduu keessan itti fufaa’ jechuudhaan gorsa gaarii nuu kenna. (Filiphisiyus 4:8) Yaanni “Yaaduu keessan itti fufaa” jedhu yeroo hunda xiinxaluu akka qabnu nu hubachiisa; kun immoo barsiifata galateeffachuu qabaachuuf nu gargaara.

‘Wanti ani garaatti yaadu hubannaa haa argisiisu!’Faarfannaa 49:3.