Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GARGAARSA NAMOOTA GADDI IRRA GAʼEEF TAʼU

Miidhaa Guddaa Gaddi Geessisu

Miidhaa Guddaa Gaddi Geessisu

“Soofiyaan a ishiin waggoota 39 oliif gaaʼela keessa waliin turre yeroo dheeraadhaaf erga dhukkubsattee booda duʼaan boqotte. Michoonni koo yeroo hunda kan na jajjabeessan yeroo taʼu, anis hamma naaf dandaʼame hojiidhaan qabamuufan yaala ture. Haa taʼu malee, waggaa tokko guutuudhaaf dhiphina cimaatu natti dhagaʼama ture. Miira koo toʼachuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama ture. Amma Soofiyaan erga duutee waggaa sadii guutuuf jedha; garuu amma illee darbee darbee akkuma tasaa dhiphina cimaatu natti dhagaʼama.”—Koostaas.

Atis nama jaallattu duʼaan dhabdeettaa? Taanaan, miira Koostaasitti dhagaʼame hubachuu dandeessa. Wanti hiriyaa gaaʼelaa, fira ykn michuu duʼaan dhabuu caalaa dhiphina guddaa geessisu ykn nama miidhu hin jiru jechuun ni dandaʼama. Ogeeyyiin miidhaa guddaa gaddi geessisu qoratan yaada kana irratti walii galu. Mata dureen barruu The American Journal of Psychiatry jedhamu irratti baʼe tokko, namoonni hedduun michuu isaanii duʼaan dhaban wajjin deebiʼanii akka wal hin argine waan yaadaniif, garmalee akka dhiphatan ibseera. Namni gadda isa irra gaʼeen kan kaʼe dhiphinni cimaan akkasii isatti dhagaʼamu, ‘Akkas kan natti dhagaʼamu hanga yoomiitti? Kana booda gammachuu qabaachuu nan dandaʼaa laata? Dhiphina koo irraa boqonnaa argachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jedhee yaada taʼa.

Maxxansi Dammaqaa! kun deebii gaaffiiwwan kanaa qabateera. Mata duree itti aanu irratti wantoota gaddi geessisuu dandaʼu tokko tokko ibsamaniiru. Mata dureewwan kaan irratti immoo yaadawwan gadda dandamachuuf gargaaran caqasamaniiru; atis dhiheenyatti gaddi si irra gaʼeera taanaan, mata dureewwan kana dubbisuun kee si fayyada.

Yaadawwan mata dureewwan itti aanan irratti ibsaman, namoota gadda isaan irra gaʼeen kan kaʼe baayʼee dhiphachaa jiran akka jajjabeessanii fi akka gargaaran ni abdanna.

a Maxxansa kana keessatti maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.