Dhimma ijoo ta'etti seeni

Naayijeeriyaa Keessatti Galmawwan Mootummaa 3,000 Ijaaramaniiru

Naayijeeriyaa Keessatti Galmawwan Mootummaa 3,000 Ijaaramaniiru

Sanbadduraa, Bitootessa 1, 2014tti namoonni gammachuudhaan guutamanii fi 823 taʼan, Naayijeeriyaatti guyyaa seena qabeessa taʼe tokko irratti argamuuf Galma Walgaʼii Gurguddaa Dhugaa Baatota Yihowaa Beeniin Siitiitti argamutti walitti qabaman. Bara 1999tti biyyoota Galma Mootummaa ofii isaaniitii ijaarrachuu hin dandeenyeef galma ijaaruuf qophiin yeroo itti taasifamee kaasee, Dhugaa Baatonni Yihowaa Naayijeeriyaatti Galmawwan Mootummaa 3,000 ijaaraniiru.

Duraan

Walgaʼicha irratti gumiiwwan iddoo itti walgaʼii geggeeffatan akka argatan gochuuf bara 1920 irraa eegalee hojiin hojjetame gabaabaatti ibsameera. Jalqaba irratti, manneen namoota dhuunfaa, akkasumas galmawwan kiraadhaan argaman hojii irra oolaa turan. Manni jalqabaa Dhugaa Baatonni Yihowaa qofti walgaʼii itti geggeeffachuuf itti fayyadamaa turan galma naannoo bara 1935tti Iileesaatti ijaarame dha. Bara 1938 fi 1990 gidduutti, lakkoofsi gummiiwwanii 14 ture harka 200n guddatee 2,681 gaʼe; taʼus hedduu isaaniitiif iddoo itti walgaʼan argachuun rakkisaa ture. Galmawwan Mootummaa tokko tokkotti gumiiwwan jaʼatu itti fayyadama ture. Iddoo kaanitti immoo, namoonni walgaʼii irratti argaman baayʼachuu isaaniitiin kan kaʼe, namoonni ala dhaabatanii karaa foddaa walgaʼii hordofu turan. Yeroo kanattis, gumiiwwan hedduun mana namoota dhuunfaa fi dareewwan manneen barumsaa keessatti walgaʼan jiru turan.

After

Bara 1990tti waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa liqii kennuudhaan ijaarsa galmawwanii deggeruu jalqabe. Hanga bara 1997tti, Koreen Ijaarsaa Naannoo, gumiiwwan 105 taʼan galma akka ijaarratanii fi akka haareffatan gargaareera. Bara 1997 hanga 1999tti galmawwan 13 kan ijaaraman siʼa taʼu, ijaarsi isaanii guyyaa 7 hanga 15 fudhatee ture.

Ijaarsi kun ariitii akkasiitiin raawwatamus, guddina lakkoofsa Dhugaa Baatota Yihowaa Naayijeeriyaatti argamanii wajjin yeroo wal bira qabamu gaʼaa hin turre. Ebla 1998tti waajjirri damee, biyyattii keessatti Galmawwan Mootummaa 1,114 taʼan akka barbaachisan tilmaamee ture.

Miseensa Koree Waajjira Damee Naayijeeriyaa kan taʼe Daan Tiroost, walgaʼii addaa Beeniin Siitiitti geggeeffame kana irratti dhaggeeffattootaan, “Hojii baayʼee guddaa ture! ‘Akkamitti ijaarree xumurra’ jennee yaaddofnee turre” jedheera. Bara 1999 eegalee Tuutawwan Ijaarsa Galma Mootummaa miseensota jaʼaa hanga saddeetii qaban gumiiwwan guutummaa biyyattiitti argaman gargaaruu yeroo jalqaban gaaffiin kun deebii argate. Diizaayinii salphaa taʼetti fayyadamuudhaan waggoottan 14n darban keessatti gidduu galeessaan galmawwan 17 jiʼa jiʼatti ijaaraniiru.

Obboleessi keenya Daan Tiroost milkaaʼina argame kanaaf dhaggeeffattoota erga galateeffatee booda, ammas hojiin hojjetamuu qabu hedduun akka jiru dubbate. Bara 2013tti baayʼinni Dhugaa Baatota Yihowaa Naayijeeriyaa keessatti argamanii 8,000 oliin akka dabales dubbateera. “Guddina gara fuulduraatti argamuu wajjin qixxee deemuuf, waggaa waggaatti Galmawwan Mootummaa 100tu barbaachisa” jedhe. Bara 2013tti Naayijeeriyaa keessa gumiiwwan 5,700 keessa babalʼistoota 351,000tu ture.