Hojii Maxxansaa Addunyaa Maratti Namoonni Waaʼee Waaqayyoo Akka Baran Gargaaraa Jiru
Addunyaa maratti namoonni barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa ni dubbisu. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman akkuma ati amma gochaa jirtu bifa elektiroonikiitiin isa qophaaʼe dubbisu. Haataʼu malee balʼina hojii maxxansuu keenya yeroo beektu si ajaaʼibsiisuu dandaʼa taʼa. Bara 2013tti barreeffamoota Macaafa Qulqulluu irratti hundaaʼan afaanota gara 700 taʼaniin maxxansuudhaan biyyoota 239 keessatti raabsineerra.
Bara 1920 dura warshaalee daldalaatu barreeffamoota keenya nuu maxxansa ture. Bara sanatti, Biruukiliin, Niiwu Yoorki keessatti gamoo xinnoo tokko kireeffannee barruulee fi buukleetota muraasaa maxxansuu jalqabne. Jalqabbii xinnoo kana irraa kaʼuudhaan, yeroo ammaatti Afriikaa, Eeshiyaa, Ameerikaa Kaabaa fi Kibbaatti warshaalee maxxansaa 15 sochoosuu dandeenyeerra.
Kitaaba Keenya Isa Caalaatti Faayida Qabeessa Taʼe
Kitaabni hunda caalaa faayida qabeessa taʼee fi maxxansinu Macaafa Qulqulluu dha. Bara 1942tti Macaafa Qulqulluu guutuu tokko meeshaa maxxansaa keenyaan maxxansine; kunis Macaafa Qulqulluu afaan Ingiliffaa King James Version jedhamu dha. Bara 1961 irraa kaasee Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu guutuu Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa jedhamu hiikanii jildii tokkoon maxxansaa turaniiru. Hanga bara 2013tti Macaafa Qulqulluu kana koppii miliyoona 184 ol afaanota 121n maxxansineerra.
Warra maxxanfame irraa akkaataa inni itti hojjetame guutummaatti hubachuun hin dandaʼamu. Macaafni Qulqulluun nuti qopheessinu yeroo dheeraa turuu kan dandaʼani dha. Fuulli isaanii waraqaa asiidii bifa keelloo akka qabaatu godhu hin qabne irra kan hojjetaman siʼa taʼu, akka gaariitti walitti kan hodhamani dha. Kun immoo Macaafa Qulqulluutti guyyaa guyyaatti akka itti fayyadamamu taasisa.
Barreeffamoota Kaan
Akkasumas barreeffamoota namoonni Macaafa Qulqulluu akka hubatan gargaaran ni maxxansina. Bara 2013tti warra maxxanfaman akka fakkeenyaatti ilaali:
Barruun keenya beekamaa taʼee fi Masaraa Eegumsaa jedhamu, afaanota 210n kan qophaaʼe siʼa taʼu, addunyaa irratti barruu baayʼinaan raabsame dha. Tokkoon tokkoon barruu fuula 16 qabu kanaa koppii 45,000,000n maxxanfama.
Barruun Dammaqaa! Masaraa Eegumsaa wajjin baʼuu fi Masaraa Eegumsaatti aanee raabsamuudhaan sadarkaa lammaffaa irra jiru immoo afaanota 99n maxxanfama. Tokkoon tokkoon barruu kanaa koppii 44,000,000n maxxanfama.
Kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fuula 224 fi qola lallaafaa kan qabu siʼa taʼu, namoonni barumsawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu akka hubatan gargaaruuf kan qophaaʼe dha. Bara 2005 irraa kaasee, koppiin miliyoona 214 ol taʼu afaanota 240 oliin maxxanfameera.
Birooshurri Waaqayyoon Dhaggeeffadhu jedhamuu fi fuula 32 qabu namoota akka gaariitti dubbisuu hin dandeenye gargaaruuf kan qophaaʼe dha. Dhugaa Macaafa Qulqulluu salphaa taʼe fakkiiwwan babbareedoo fi ibsa gabaabaadhaan barsiisa. Koppii miliyoona 42 oltu afaanota 400 oliin qophaaʼe.
Barreeffamoota kana dabalatee, Dhugaa Baatonni Yihowaa kitaabota, birooshurootaa fi tiraaktota, barattoonni Macaafa Qulqulluu gaaffii Macaafa Qulqulluutiif deebii akka argatan gargaaran, akkasumas rakkina jireenyaa moʼuu fi maatii gammachuu qabu qabaachuuf gargaaran qopheessu. Bara 2012tti Dhugaa Baatonni Yihowaa warshaa maxxansaa isaaniitiin barruulee biliyoona 1.3 ol taʼan, akkasumas kitaabotaa fi Macaafota Qulqulluu miliyoona 80 maxxansaniiru.
Bara 2012tti Dhugaa Baatonni Yihowaa warshaa maxxansaa isaaniitiin barruulee biliyoona 1.3 ol taʼan, akkasumas kitaabotaa fi Macaafota Qulqulluu miliyoona 80 maxxansaniiru.
Namoonni iddoo maxxansaa keenya daawwatan namoota barreeffamoota kana qopheessuuf tattaafatan yeroo argan baayʼee dinqisiifatu. Dhiironnii fi dubartoonni iddoowwan maxxansaa kanatti hojjetan yeroo fi humna isaanii fedhiidhaan kennu. Baayʼeen isaanii yeroo jalqaba gara Betʼel isa hiikni isaa “Mana Waaqayyoo,” jechuu taʼee dhufan, waaʼee hojii maxxansaa muuxannoo hin qaban turan. Haataʼu malee, naannoo hojii leenjii jajjabeessu keessatti leenjiʼuun isaanii buʼaa gaarii argamsiiseera. Fakkeenyaaf, meeshaalee maxxansaa saffisa guddaa qabanii fi saʼaatii tokkotti barruu fuula 16 qabu 200,000 maxxansan biratti dargaggoota umrii waggoota 20nii keessa jiran arguun baramaa dha.
Qarshiin Eessaa Argama?
Addunyaa maratti hojiin Dhugaa Baatonni Yihowaa hojjetan buusii fedhiidhaan godhamuun deggerama. Maxxansi Hagayya 1879 Masaraa Eegumsaa Xiyoon, yeroo ammaatti Masaraa Eegumsaa jedhamee beekamu akkas jedheera: “‘Masaraa Eegumsaa Xiyoon’ kan gargaaru YIHOWAA akka taʼe ni amanna; inni immoo matumaa gargaarsa namootaa hin kadhatu ykn hin gaafatu.” Harʼas akkasuma nutti dhagaʼama.
Hojii kanaaf yeroo fi humna kana hunda kan oolchinu, akkasumas hamma kana kan carraaqnu maaliifi? Macaafni Qulqulluun ykn kitaabonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi maxxansinus taʼe Intarneetii irratti baasnu, Waaqayyotti akka dhihaattu si gargaaru jennee waan abdannuufi dha.