Amalawwan Waaqayyoon Gammachiisan Horachuu
Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Galateeffachuu Maal Jedha?
Amala kana argisiisuun faayidaa hedduu qaba. Kan si gargaaru akkamitti? Qabaachuu kan dandeessu hoo akkamitti?
Faayidaa Kennuun Argamsiisu Dhamdhamadhu
Kennuun siifis taʼe warra kaaniif gaarii dha. Waltaʼinsii fi michummaan akka cimu godha. Ati hoo nama gammachuudhaan kennu taʼuu ni dandeessaa?
Gaarummaa Argisiisuun—Waaqayyo Duratti Iddoo Guddaa Qaba
Namoota hundaatti gaarummaa argisiisuun gaarii akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Waaqayyo gaarummaa argisiisuu akkamitti ilaala?
Jibba Halaalaa—Jaalala Argisiisaa
Jaalala argisiisuun jibba halaalaa balleessuu dandaʼa. Karaawwan kana gochuun itti dandaʼamu tokko tokko ilaali.
Jibba Halaalaa—Miira Namaa Hubadhaa
Miira namaa hubachuu dhiisuu mallattoo maalii taʼuu dandaʼa?
Jibba Injifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?—Loogii Irraa Fagaadhu
Fakkeenya Waaqayyoo hordofuudhaan loogii irraa fagaadhu, miira gadhee namootaaf qabdus of keessaa balleessi.
Aarii Kee Toʼachuu kan Dandeessu Akkamitti?
Aariin akka nu toʼatu gochuunii fi aarii keenya ukkaamsuun fayyummaa keenya balaa irra buusuu dandaʼa. Yommuu hiriyaan gaaʼelaa keessan isin aarsutti maal gochuu dandeessu?
Gaarummaa—Daandii Ogummaa
Sababii malee yommuu isinitti dubbatamu of toʼachuun salphaa miti; taʼus Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni garraamii akka taʼan isaan jajjabeessa. Amala Waaqayyo biraa dhufu kana horachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?
Amanamaa Taʼuun Faayidaa Qabaa?
Muuxannoon namicha tokkoo amanamummaan faayidaa akka qabu argisiisa.

