Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELA

Dulluma Keessa Wal Hiikuu

Dulluma Keessa Wal Hiikuu

 Bara 1990 hanga 2015​tti Yuunaayitid Isteetis keessatti lakkoofsi namoota umuriinsaanii waggaa 50 fi isaa ol erga taʼee booda wal hiikanii dachaadhaan dabaleera, akkasumas lakkoofsi namoota umuriinsaanii waggaa 65 ol erga taʼee booda wal hiikanii dachaa sadiin dabaleera. Dulluma keessas wal hiikuun kan baayʼate maaliifi? Gaaʼela keessan keessatti haalli akkasii akka hin uumamneef maal gochuu dandeessu?

Mata duree kana keessatti

 Namoonni dulluma keessa kan wal hiikan maaliifi?

  •    Yeroo baayʼee hiriyoonni gaaʼelaa dulluma keessa kan wal hiikan hariiroonsaanii suutuma suuta laafaa deemeeti. Yeroo booda abbootiin manaa fi haadhotiin manaa tokko tokko fedhiin isaanii garaa gara taʼa, wanti wal isaani fakkeessuus homtuu waan hin jirre fakkaata. Ijoolleen erga of dandaʼanii booda, hiriyoonni gaaʼelaa yeroo dheeraadhaaf itti gaafatamummaa haadhaa fi abbaa taʼuudhaan qaban irratti xiyyeeffachaa waan turaniif abbaa manaa fi haadha manaa gaarii taʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe akka irraanfatan isaanitti dhagaʼamu dandaʼa.

  •    Waggoota dhihoodhaa asitti namoonni hayyoota akka taʼanitti ilaalaman hiriyoonni gaaʼelaa wanta dhuunfaatti isaan barbaachisurratti akka xiyyeeffatan gorsu. Hiriyoonni gaaʼelaa gaaffilee armaan gadii akka of gaafatan jajjabeessu: ‘Gaaʼelli koo gammachuu naaf argamsiisaa jiraa?’ ‘Nama gaarii akkan taʼu na gargaaraa jiraa?’ ‘Hiriyaan gaaʼelaa koo akkan jaallatamuu fi akkan barbaadamu akka natti dhagaʼamu godhaa?’ Deebiin gaaffilee kanaaf kennan ‘lakki’ kan jedhu yoo taʼe, wanta isaaniif wayyu akka godhan, jechuunis wal hiikanii jireenya haaraa akka jalqaban isaan jajjabeessu.

  •   Namoonni baayʼeen wal hiikuun dogoggora akka taʼe isaanitti hin dhagaʼamu. Hayyuu hawaasummaa (sociologist) kan taʼan Eeriik Kiliinenbargi akkana jedhaniiru: “Waggoota muraasa dura namni tokko hiriyaa gaaʼelaasaatti yoo gammaduu baatee fi wal hiikuu yoo barbaade sababa quubsaa dhiheessuu qaba ture. Haalli yeroo harʼaa jiru garuu faallaa kanaati: Gaaʼela keetti gammadaa hin jirtu taanaan, wal hiikuu dhiisuuf ragaa quubsaa qabaachuu qabda. Kunis kan taʼe, namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun ilaalcha, wanti baayʼee barbaachisaa taʼe wanta ofiif wayyu gochuudha jedhu waan qabaniifi.” a

 Dhugaadha, namni tokko hiriyaa gaaʼelaasaa yoo hiike rakkina duraaniirraa walaba taʼus, rakkinni kan biraan isa mudachuusaa hin oolu. Fakkeenyaaf, qoʼannaan tokko akka argisiisetti “namoonni dulluma keessa wal hiikan, keessumaa dubartoonni yeroo baayʼee rakkinni maallaqaa isaan mudata.”

 Wanti irratti yaaduu qabdu kan biraanis jira. Kitaabni Donʼt Divorce jedhamu akkana jedheera: “Jireenya haaraa jalqabuuf yaaltus namummaan kee isuma duraaniiti. Akkaataa duraan hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin itti haasaʼaa turte sirreessuuf maal gooteetta? Wal dhabiinsa furuurratti fooyyaʼiinsa gochuuf carraaqqii akkamii gootetta?” b

 Wanta gochuu qabdu

  •   Jijjiirama uumamutti bari. Walittti dhufeenyi kamiyyuu yeroo booda ni jijjiirama. Ijoolleen keessan of dandaʼaniif manaa waan baʼaniif ykn lamaan keessaniyyuu fedhii garaagara taʼe waan horattaniif hariiroon keessan jijjiiramee taʼuu dandaʼa. Haala gaarii isa duriirratti xiinxaluu mannaa, haala keessan isa ammaa akkamitti akka fooyyessitan irratti yaadaa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “‘Guyyoonni duraanii warra ammaa irra kan wayyan maaliifi?’ hin jedhin. Sababiin isaas, kana gaafachuun kee ati ogeessa akka hin taane argisiisa.”—Lallaba 7:10.

  •   Michummaa hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin qabdu cimsadhu. Wanta haaraa hiriyaan gaaʼelaa kee jaallatu atis jaallachuuf carraaqqii ni gootaa? Yookiin hiriyaan gaaʼelaa kee wanta haaraa ati jaallattu akka jaallatu ni gargaartaa? Sochiiwwan haaraarratti waliin hirmaachuuf carraaqqii ni gootuu? Akka nama akkasumaan waliin jiraatutti utuu hin taʼin, hiriyoota gaaʼelaa akka taatanitti akka isinitti dhagaʼamuuf yeroo waliin dabarsuuf carraaqqii godhaa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni hundi yeroo hundumaa faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kan biraa haa barbaadu.”—1 Qorontos 10:24.

  •   Amala gaarii walitti argisiisaa. Bara dheeraa waliin jiraachuun keessan kabaja waliif qabdan akka isin jalaa balleessu hin heyyaminaa. Kabajaan wal haasofsiisaa; amala yeroo wal qorachaa turtanitti walitti argisiisaa turtan argisiisaa. Jechoota kabajaa “maaloo” fi “galatoomi!” jedhanitti fayyadamaa. Jaalala waliif qabdan yeroo hunda ibsaa; wanta hiriyaan gaaʼelaa keessan isiniif godheef isa galateeffadhaa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Gaarummaa walitti argisiisaa, akkasumas garaa waliif laafaa.”—Efesoon 4:32.

  •   Yeroo gaarii waliin dabarsitan yaadadhaa. Suuraa yeroo cidha keessanitti ykn yeroo kan biraatti waliin kaatan ilaalaa. Kana gochuun keessan jaalalaa fi kabaja waliif qabdan cimsachuuf ykn haareessuuf isin gargaara.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Tokkoon tokkoon keessan akkuma of jaallattanitti haadha manaa keessan jaalladhaa; karaa biraa immoo, haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu.”—Efesoon 5:33.

a Kitaaba Going Solo—The Extraordinary Rise and Surprising Appeal of Living Alone jedhamurraa kan fudhatame.

b Kitaabni Qulqulluun wal hiikuu kan heyyamu ejji yoo raawwatame qofadha. (Maatewos 19:5, 6, 9) Mata duree “Kitaabni Qulqulluun Wal Hiikuu ni Heyyamaa?” jedhu ilaali.