Sodaa Duʼaa—Akkamitti Injifachuu Dandeessa?

Sodaa Duʼaa—Akkamitti Injifachuu Dandeessa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Duʼa akka diina keenyaatti sodaachuu fi jireenya keenya eeguuf tarkaanfii sirrii fudhachuun keenya barbaachisaa dha. (1 Qorontos 15:26) Haa taʼu malee sodaan duʼaa sirrii hin taanee fi soba irratti hundaaʼe namoonni ‘jireenya isaanii guutuu garbummaa jala’ akka galan godha. (Ibroota 2:15) Dhugaa isaa beekuun kee duʼa garmalee sodaachuu isa jireenyatti akka hin gammanne si gochuu dandaʼu jalaa bilisa si baasa.—Yohaannis 8:32.

Waaʼee duʼaa dhugaa jiru

  •   Namoonni duʼan homaa hin beekan. (Faarfannaa 146:4) Kitaabni Qulqulluun duʼa hirribaa wajjin waan wal fakkeessuuf, yommuun duʼu dhukkubbiin natti dhagaʼama ykn nan dhiphadha jettee sodaachuu hin qabdu.—Faarfannaa 13:3; Yohaannis 11:11-14.

  •   Namoonni duʼan nu miidhuu hin dandaʼan. Diinonni warri hamoo turan illee ‘duʼaan ni moʼamu.’ (Fakkeenya 21:16) Kitaabni Qulqulluun “jibbii fi hinaaffaan isaanii badeera” jedha.—Lallaba 9:6.

  •   Duʼuu jechuun sana booda deebinee hin jiraannu jechuu miti. Waaqayyo namoota duʼan karaa duʼaa kaʼuutiin gara jireenyaatti ni deebisa.—Yohaannis 5:28, 29; Hojii Ergamootaa 24:15.

  •   Waaqayyo yeroon ‘duuti hin jiraanne’ akka dhufu waadaa nuuf galeera. (Mulʼata 21:4) Guyyaa sana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu” jedha. Kanaafuu sodaa duʼaa irraa guutummaatti bilisa taana.—Faarfannaa 37:29.