Nama Sanyiin Isaa kan Biraa Taʼe Hiriyaa Gaaʼelaa Godhachuu Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Sanyiin namaa hundi ija Waaqayyoo duratti qixxee waan taʼeef, dhiirrii fi dubartiin sanyii garaa garaa qaban gaaʼela waliin godhachuu isaanii ni deggera. Kitaabni Qulqulluun, ‘Waaqayyo namoota wal hin caalchisu; saba hundumaa keessaa namni isa sodaatu fudhatama qaba’ jedha.—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.
Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu keessa jiranii fi waaʼee wal qixxummaa sanyii fi waaʼee gaaʼelaa dubbatan kan biraa tokko tokko ilaali.
Sanyiin hundi madda tokko irraa dhufe
Ilmaan namootaa hundi Addaam isa nama jalqabaa taʼee fi haadha manaa isaa Hewaan ishii Kitaabni Qulqulluun “haadha warra jiraatan hundumaa” jedhee ishii waamu irraa dhufan. (Uumama 3:20) Kanaan kan kaʼes Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyoo, “Namoota saba hundumaa nama tokko irraa uume” jedha. (Hojii Ergamootaa 17:26) Sanyiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe, ilmaan namootaa hundi miseensota maatii tokko ti. Taʼus, naannoo ati jiraattutti sanyiidhaan nama jibbuun ykn wal qoqqooduun cimaa yoo taʼe hoo?
Ogummaan ‘namoota gorsa fudhatan’ bira jira
Nama sanyii kan biraa keessaa dhufe hiriyaa gaaʼelaa godhachuun Waaqayyo biratti guutummaatti fudhatamaa taʼus, yaada kana irratti kan walii galu nama hunda miti. (Isaayaas 55:8, 9) Nama sanyii kan biraa qabu wajjin gaaʼela godhachuuf yaadaa kan jirtu yoo taʼe, atii fi hiriyaan gaaʼelaa kee dhimmoota kanaa gadii irratti waliin mariʼachuu qabdu:
Hawaasa ykn maatii dhiibbaa isin irraan geessisuuf deebii akkamii kennitu?
Ijoolleen keessan jibba halaalaa isaan irra gaʼu akka dandamatan kan isaan gargaartan akkamitti?
Gama kanaan ‘gorsa fudhachuun’ keessan gaaʼela milkaaʼaa akka qabaattan isin gargaaruu dandaʼa.—Fakkeenya 13:10; 21:5.