Dhimma ijoo ta'etti seeni

Maqaa Yesuusiin Kadhachuu kan Qabnu Maaliifi?

Maqaa Yesuusiin Kadhachuu kan Qabnu Maaliifi?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Waaqayyo karaa Yesuus qofa gara isaatti akka dhihaannu waan barbaaduuf, maqaa Yesuusiin gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessuu qabna. Yesuus akkana jedheera: “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu.” (Yohaannis 14:6) Kana malees Yesuus ergamoota isaa amanamoo taʼaniin akkana jedheera: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin wanta akkamii iyyuu Abbaa yoo kadhattan, inni maqaa kootiin isiniif ni kenna.”—Yohaannis 16:23.

Sababiiwwan maqaa Yesuusiin kadhachuun barbaachisaa itti taʼe dabalataa

  •   Yesuusii fi Yihowaa isa Abbaa isaa taʼeef ulfina kennuuf.—Filiphisiyus 2:9-11.

  •   Qophii Waaqayyo nu fayyisuuf jecha, Yesuus akka duʼu gochuudhaan nuuf qopheesse akka dinqisiifannu argisiisuuf.—Maatewos 20:28; Hojii Ergamootaa 4:12.

  •   Gahee addaa Yesuus Waaqayyoo fi namoota gidduutti araarsaa taʼee tajaajiluuf qabu akka fudhanne argisiisuuf.—Ibroota 7:25.

  •   Yesuus Waaqayyoo duratti ejjennoo fudhatama qabu akka argannu gochuuf, gahee Luba Ol Aanaa taʼuudhaan raawwatu akka kabajnu argisiisuuf.—Ibroota 4:14-16.