Dubartoota Kitaaba Qulqulluu Keessatti Ibsaman Irraa Maal Baranna?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Kitaaba Qulqulluu keessatti dubartoonni hedduun kan caqasaman siʼa taʼu, isaan irraa barumsawwan gaggaarii arganna. (Roomaa 15:4; 2 Ximotewos 3:16, 17) Mata duree kana irratti seenaa dubartoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii muraasa gabaabsinee ilaalla. Hedduun isaanii fakkeenya gaarii hordofuu dandeenyu nuuf taʼu. Kaan garuu fakkeenya akeekkachiisaa nuuf taʼu.—1 Qorontos 10:11; Ibroota 6:12.
Abigaayil
Abigaayil eenyu dha? Haadha manaa nama sooressaa fi hamaa Naabaal jedhamuu turte. Abigaayil garuu dubartii hubattuu fi gad of qabdu turte; akkasumas dubartii bareedduu fi amalawwan Yihowaa gammachiisan qabdu turte.—1 Saamuʼel 25:3.
Maal raawwatteetti? Abigaayil balaan akka maatii ishii irra hin geenye gochuuf, ogummaa fi hubannaadhaan tarkaanfii fudhatteetti. Ishiinii fi Naabaal magaalaa Daawit inni gara fuulduraatti Mootii Israaʼel taʼu baqataa taʼee keessa dhokate keessa jiraatu turan. Daawitii fi namoonni isaa yeroo achi turanitti, hoolota Naabaal saamtota irraa isaaf eeganiiru. Haa taʼu malee, namoonni Daawit biraa ergaman Naabaal nyaata akka isaaniif kennu gaafachuu yeroo dhufanitti, Naabaal kan isaan dhowwate taʼuu isaa irra iyyuu salphisee isaan deebise. Yeroo kanatti Daawit garmalee dheekkame! Kanaaf innii fi namoonni isaa Naabaalii fi dhiirota mana isaa keessa jiran hunda ajjeesuuf karaa irra buʼan.—1 Saamuʼel 25:10-12, 22.
Abigaayil wanta abbaan manaa ishii raawwate yommuu dhageessu saffisaan tarkaanfii fudhatte. Hojjettoonni ishii Daawitii fi namoota isaatiif nyaata akka geessan ergite; achiis Daawit gara laafina akka isaanitti argisiisu kadhachuuf ofii ishiitiif isaan duukaa buute. (1 Saamuʼel 25:14-19, 24-31) Daawit kennaa ishiin ergite yommuu argu, kan gad of qabdu taʼuu ishii yommuu hubatuu fi gorsa ishii isa ogummaa irratti hundaaʼe yommuu dhagaʼu, Waaqayyo Naabaalii fi namoota isaa ajjeesuu irraa isa oolchuuf akka ishii isatti erge hubate. (1 Saamuʼel 25:32, 33) Sana booda utuma baayʼee hin turin, Naabaal kan duʼe siʼa taʼu, Abigaayil immoo haadha manaa Daawit taate.—1 Saamuʼel 25:37-41.
Abigaayil irraa maal baranna? Abigaayil bareedduu fi soorettii kan turte taʼus, ofii ishiitiif ilaalcha madaalamaa qabdi turte. Nagaa buusuuf jecha, wanta balleessaa ishii hin taaneef dhiifama gaafachuuf fedhii qabdi turte. Haala nama dhiphisu kana tasgabbiidhaan kan qabde taʼuu ishii irra iyyuu, ija jabinaa fi tooftaadhaan tarkaanfii fudhatteetti.
▸ Abigaayiliin ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Hubannaadhaan Tarkaanfii Fudhatteetti” jedhu dubbisi.
Asteer
Asteer eenyu dha? Dubartii Yihudii Ahashweros Mootichi Faares mootuu akka taatu ishii filate turte.
Maal raawwatteetti? Asteer Mootittiin aangoo ishiitti fayyadamuudhaan, duula dabaan sanyiin ishii akka balleeffamu qopheeffamee ture hambisuu dandeessetti. Asteer labsiin guyyaa Yihudoonni guutummaa Bulchiinsa Faares keessa jiran hundi itti ajjeefaman ajaju itti raawwatamu akka baʼe dhageesse. Daba kana kan qopheesse nama hamaa Haamaan jedhamuu fi ministeera muummee ture dha. (Asteer 3:13-15; 4:1, 5) Lubbuu ishii balaadhaaf kan saaxilu taʼu illee, gargaarsa Mordekaayi isa durbii ishii taʼee wajjin walii galuudhaan daba Haamaan qopheesse abbaa manaa ishii Ahashweros Mootichatti himte. (Asteer 4:10-16; 7:1-10) Achiis Ahashweros Asteerii fi Mordekaayi Yihudoonni balaa irraa of oolchuuf labsii kan biraa akka baasan isaaniif heyyame. Kanaaf Yihudoonni diinota isaanii hunda injifatan.—Asteer 8:5-11; 9:16, 17.
Asteer irraa maal baranna? Asteer Mootittiin ija jabinaa fi gad of qabuu irratti fakkeenya guddaa nuuf taati. (Faarfannaa 31:24; Filiphisiyus 2:3) Bareedinaa fi aangoo kan qabdu taʼu illee, gorsaa fi gargaarsa warra kaanii gaafatteetti. Abbaa manaa ishiitti malaanii fi kabajaan kan dubbatte taʼus, ija jabina akka qabdu argisiisteetti. Yeroo nama Yihudii taʼuun balaadhaaf kan nama saaxilu turetti illee, nama Yihudii taʼuu ishii ija jabinaan dubbatteetti.
▸ Asteeriin ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata dureewwan “Saba Waaqayyootiif Falmiteetti,” akkasumas “Sabasheetiif Jecha Ogummaafi Ija Jabinaan Tarkaanfii Fudhatteetti” jedhan dubbisi.
Deliilaa
Deliilaan eenyu dha? Dubartii Siimson inni abbaa murtii Israaʼel ishii jaallate turte.—Abboota Firdii 16:4, 5.
Maal raawwatteetti? Ishiin Siimson isa Waaqayyo Israaʼeloota harka Filisxeemotaa jalaa bilisa baasuuf itti fayyadamaa ture, bulchitoota Filisxeemotaatti dabarsitee kennuuf isaan irraa qarshii fudhatteetti. Siimsoon jabina qaamaa guddaa Waaqayyo irraa argate waan qabuuf Filisxeemonni isa moʼuu hin dandeenye turan. (Abboota Firdii 13:5) Kanaaf bulchitoonni Filisxeemotaa Deliilaan akka isaan gargaartu ishii gaafatan.
Filisxeemonni Deliilaadhaaf mattaʼaa kennanii, Siimson jabina guddaa akkasii kan qabaate akkamitti akka taʼe akka beektu ishii gaafatan. Deliilaanis qarshicha argachuu waan barbaaddeef iccitii isaa beekuuf yaalii hedduu erga gootee booda; dhuma irratti wanti ishiin yaadde ni milkaaʼeef. (Abboota Firdii 16:15-17) Achiis iccitii isaa Filisxeemotatti kan himte siʼa taʼu, isaanis Siimsoniin qabanii mana hidhaatti isa galchan.—Abboota Firdii 16:18-21.
Deliilaa irraa maal baranna? Deliilaan fakkeenya akeekkachiisaa nuuf taati. Ofittoo fi sassattuu taʼuun ishii tajaajilaa Yihowaa akka gowwoomsituu fi akka gantu ishii taasiseera.
Deboraa
Deboraan eenyu dha? Raajittii Yihowaa isa Waaqa Israaʼel taʼee fi Yihowaan sabni isaa maal akka godhan akka barbaadu itti himuuf itti fayyadamaa ture dha. Kana malees, Waaqayyo rakkoowwan Israaʼeloota gidduutti uumamaniif furmaata kennuuf itti fayyadamaa ture dha.—Abboota Firdii 4:4, 5.
Maal raawwatteetti? Deboraa raajittiin ija jabinaan namoota Waaqayyoon waaqeffatan deggerteetti. Qajeelfama Waaqayyo kenneen Baaraaq Kanaʼaanota mormitoota isaanii taʼan irratti loltoota Israaʼel akka geggeessu isa waamteetti. (Abboota Firdii 4:6, 7) Baaraaq Deboraan isaa wajjin akka deemtu yommuu ishii gaafatu hin sodaanne; kanaa mannaa, fedhiidhaan kaatee isaa wajjin deemteetti.—Abboota Firdii 4:8, 9.
Waaqayyo injifannoo murteessaa erga isaaniif kennee booda, Deboraan faarfannaa haala sana ibsu kan ishiinii fi Baaraaq waliin faarfatan hamma tokko qindeessiteetti. Faarfannaa kana keessatti Yaaʼel, ishii dubartii ija jabeettii turte kan biraan, Kanaʼaanota injifachuu irratti gaʼee qabdu ibsiteetti.—Abboota Firdii, boqonnaa 5.
Deboraa irraa maal baranna? Deboraan dubartii fedhii ishii aarsaa gootuu fi ija jabina qabdu turte. Namoonni kaan wanta ija Waaqayyoo duratti sirrii taʼe akka raawwatan jajjabeessiteetti. Yeroo isaan kana raawwatanittis wanta isaan raawwataniif isaan galateeffatteetti.
▸ Deboraa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Ani Israaʼeliif Haadha Taʼee Kaʼeera” jedhu dubbisi.
Haadha manaa Loox
Haati manaa Loox eenyu dha? Kitaabni Qulqulluun maqaa ishii hin ibsu. Taʼus, intaloota lama akka qabdu, akkasumas ishiinii fi maatiin ishii magaalaa Sodoom keessa jiraachaa akka turan ibsa.—Uumama 19:1, 15.
Maal raawwatteetti? Ajaja Waaqayyo isaaniif kenneef utuu hin ajajamin hafteetti. Waaqayyo Sodoomii fi magaalota naannoo ishii jiran saalqunnamtii seeraan ala taʼe kan raawwatan waan turaniif isaan balleessuuf murteesse. Waaqayyo jaalala Looxii fi maatii isaatiif qabuun kakaʼee maleekota lama erguudhaan Sodoom keessaa akka isaan baasan godhe.—Uumama 18:20; 19:1, 12, 13.
Maleekonni sun maatiin Loox naannoo sanaa akka baqatanii fi gara duubaatti akka hin garagalle isaanitti himan; gara duubaa yoo ilaalan garuu akka duʼan isaan akeekkachiisan. (Uumama 19:17) Haati manaa Loox garuu, “gara booddee ishee milʼattee, utubaa soogiddaa taate.”—Uumama 19:26.
Haadha manaa Loox irraa maal baranna? Seenaan ishii jaalalli qabeenyaaf qabnu hanga ajaja Waaqayyoo cabsinutti kan nu geessisu yoo taʼe balaan akka nu irra gaʼu addeessa. Yesuus akka fakkeenya akeekkachiisaatti ishii ibseera. “Haadha manaa Loox yaadadhaa” jedheera.—Luqaas 17:32.
Haannaa
Haannaan eenyu dha? Haadha manaa Elqaanaa siʼa taatu, haadha Saamuʼel raajichaa isa seenaa Israaʼel durii keessatti bakka guddaa qabuu turte.—1 Saamuʼel 1:1, 2, 4-7.
Maal raawwatteetti? Haannaan utuu dhala hin godhatin yeroo haftetti jajjabina argachuuf gara Waaqayyootti garagalteetti. Abbaan manaa Haannaa haadhotii manaa lama qaba ture. Haati manaan isaa ishiin tokko Phiniinaan garuu ijoollee qabdi turte; haa taʼu malee, Haannaan garuu erga gaaʼela godhattee yeroo dheeraa booda illee ijoollee hin godhanne. Phiniinaan gara jabinaan ishiitti qoosti ture; Haannaan garuu jajjabina argachuuf Waaqayyotti kadhannaa dhiheessiteetti. Waaqayyo yoo ilma ishiidhaaf kenne mucicha godoo qulqullaaʼaa, jechuunis dunkaana Israaʼeloonni waaqeffannaadhaaf itti fayyadamanii fi iddootii iddootti geeffamuu dandaʼu keessatti akka tajaajilu akka isa kennitu dubbachuudhaan wareega wareegde.—1 Saamuʼel 1:11.
Waaqayyo kadhannaa Haannaa dhagaʼee ilma kan ishiidhaaf kenne siʼa taʼu, mucichis Saamuʼel jedhame. Haannaan waadaa galte eeguudhaan utuma inni mucaa xinnoo taʼee jiruu, Saamuʼeliin godoo qulqullaaʼaa keessatti akka tajaajiluuf isa geessite. (1 Saamuʼel 1:27, 28) Waggaa waggaadhaan, uffata baʼeessa irra keessatti uffatan qopheessitee isaaf geessiti turte. Yeroo booda, Waaqayyo ijoollee shan jechuunis, ilmaan sadii fi intaloota lama ishiidhaaf kennuudhaan ishii eebbiseera.—1 Saamuʼel 2:18-21.
Haannaa irraa maal baranna? Haannaan garaadhaa kadhannaa dhiheessuun ishii, rakkina ishii mudate dandamachuuf ishii gargaareera. Kadhannaan galataa ishiin 1 Saamuʼel 2:1-10 irratti dhiheessite Waaqayyo irratti amantii cimaa kan qabdu akka turte argisiisa.
▸ Haannaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Waan Garaashee Keessa Jiru Waaqayyotti Himatteetti” jedhu dubbisi.
▸ Waaqayyo bara duriitti saboonni isaa durii haadha manaa tokkoo ol akka fuudhan maaliif heyyamee akka ture beekuuf mata duree, “Waaqayyo Niitii Tokkoo Ol Fuudhuu Ni Deggeraa?” jedhu dubbisi.
Hewaan
Hewaan eenyu dha? Dubartii jalqabaa ti; dubartiin Kitaaba Qulqulluu keessatti jalqaba irratti ibsamtes ishii dha.
Maal raawwatteetti? Hewaan ajaja ifa taʼee fi Waaqayyo ishiidhaaf kenne utuu hin ajajamin hafteetti. Akkuma Abbaa manaa ishii Addaam, Hewaanis mudaa kan hin qabne turte; mirga filannoo fi dandeettii amalawwan Waaqayyoo, akka jaalalaa fi ogummaa jiran horachuu akka dandeessu godhamtee uumamte. (Uumama 1:27) Hewaan Waaqayyo muka tokko irraa yoo nyaatan akka duʼan Addaamitti himee akka ture beekti turte. Haa taʼu malee, Seexanni akka hin duune itti himuudhaan ishii gowwoomse. Ajaja Waaqayyoo yoo cabsite jireenya gaarii akka jiraattu akka amantu ishii taasise. Kanaaf, ija mukaa sana irraa kan nyaatte siʼa taʼu, boodas abbaan manaa ishii akka nyaatu isa amansiiste.—Uumama 3:1-6; 1 Ximotewos 2:14.
Hewaan irraa maal baranna? Hewaan fakkeenya akeekkachiisaa nuuf taati; hawwii dogoggoraa irratti xiinxaluun balaa akkamii akka geessisu seenaa ishii irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama. Hewaan fedhiin wanta kan ishii hin taʼin argachuuf qabdu guddatee qajeelfama ifaa Waaqayyo kenneef akka hin ajajamne ishii taasiseera.—Uumama 3:6; 1 Yohaannis 2:16.
Iizaabel
Iizaabel eenyu dha? Haadha manaa Ahaab Mootii Israaʼelootaa ti. Ishiin nama Israaʼel miti; Yihowaas hin waaqeffattu turte. Kanaa mannaa, waaqa Kanaʼaanotaa Baʼaaliin waaqeffatti.
Maal raawwatteetti? Iizaabel Mootittiin mirga namaa kan sarbitu, gara jabeettii fi hamtuu dha. Waaqeffannaan Baʼaalii fi sagaagalummaan isaa wajjin wal qabatu akka babalʼatu gooteetti. Kana malees, waaqeffannaa Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼeef dhihaatu balleessuuf yaalii gooteetti.—1 Mootota 18:4, 13; 19:1-3.
Iizaabel dubartii wanta barbaadde argachuuf jettee, sobuu fi lubbuu namaa balleessuu irraa duubatti hin deebine turte. (1 Mootota 21:8-16) Akkuma Waaqayyo raajii dubbatee ture, Iizaabel haala suukanneessaa taʼeen duuteetti, akkasumas hin awwaalamne.—1 Mootota 21:23; 2 Mootota 9:10, 32-37.
Iizaabel irraa maal baranna? Iizaabel fakkeenya akeekkachiisaa nuuf taati. Naamusa mancaʼaa kan qabduu fi wanta kam iyyuu gochuu irraa duubatti kan hin deebine waan turteef, maqaan ishii dubartoota qaanii hin qabne, addaggee fi of hin toʼanne argisiisuuf itti hojjetama.
Intala mandara Shuleem
Intalli mandara Shuleem eenyu dha? Intala baadiyyaa bareedduu siʼa taatu, kutaan Kitaaba Qulqulluu Weedduu Weedduu Caalu jedhamu adda durummaadhaan seenaa ishii irratti xiyyeeffata. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun maqaa ishii hin ibsu.
Maal raawwatteetti? Durbi mandara Shuleem gurbaa tiksee isa jaallattuuf yoom iyyuu amanamtuu akka taate argisiisteetti. (Weedduu Weedduu Caalu 2:16) Haa taʼu malee, Solomoon Mootichi inni sooressa taʼe miidhagina ishii isa ajaaʼibsiisaa taʼeen xiyyeeffannaan isaa waan harkifameef ishii sossobuuf yaalii godhee ture. (Weedduu Weedduu Caalu 7:6) Warri kaan Solomooniin akka filattu ishii gorsuuf yaalanis, intalli mandara Shuleem garuu tole hin jenne. Ishiin kan jaallatte tiksee sana siʼa taʼu, isaafis amanamtuu taateetti.—Weedduu Weedduu Caalu 3:5; 7:10; 8:6.
Intala mandara Shuleem irraa maal baranna? Bareedduu kan taatee fi xiyyeeffannaa namoota hedduu kan harkistu taatus, kan gad of qabdu taʼuu ishii argisiisteetti. Sossobbiin hiriyoonni ishii sooressa akka taatuu fi beekamtii akka argattu ishiidhaaf dhiheessan tiksee isa jaallattu sana akka dhiistu akka ishii godhu hin heyyamne. Miira ishii kan toʼatte taʼuu ishii irra iyyuu, qulqullina gama naamusaatiin qabdu eegdeetti.
Liyaa
Liyaan eenyu dha? Haadha manaa Yaaqoob ishii jalqabaa isa abbaa amantii taʼee turte. Raahel ishiin obboleettii ishii quxisuu taates haadha manaa isaa turte.—Uumama 29:20-29.
Maal raawwatteetti? Liyaan Yaaqoobiif ilmaan jaʼa deesseetti. (Ruut 4:11) Yaaqoob fuudhuu yaadee kan ture Liyaa utuu hin taʼin Raaheliin ture. Haa taʼu malee, abbaan isaanii Laabaan bakka Raahel Liyaa akka fuudhu godhe. Yaaqoob gowwoomfamee Liyaa akka fuudhe yommuu beeku, komii isaa Laabaatti hime. Laabaanis utuu ishiin hangafti jirtuu ishii quxisuu heerumsiisuun aadaa isaanii akka hin taane isaaf ibse. Yaaqoobis torban tokko booda Raaheliin fuudhe.—Uumama 29:26-28.
Yaaqoob Liyaa caalaa Raaheliin jaallata ture. (Uumama 29:30) Kunis Liyaan akka hinaaftu waan taasiseef, jaalala abbaa manaa ishii argachuuf obboleettii ishii wajjin wal morkachuu jalqabde. Waaqayyo miira Liyaa waan hubateef, ijoollee torba, jechuunis dhiira jaʼaa fi intala tokko ishiidhaaf kennuudhaan ishii eebbiseera.—Uumama 29:31.
Liyaa irraa maal baranna? Liyaan gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessuudhaan isatti akka amanamtu argisiisteetti; akkasumas rakkinni maatii ishii mudate ragaa Waaqayyo ishii deggeraa akka jiru argisiisu akka hin hubanne ishii hin goone. (Uumama 29:32-35; 30:20) Seenaan waaʼee ishii ibsu Waaqayyo yeroo muraasaaf haadha manaa tokkoo ol fuudhuu heyyamee akka ture argisiisa; kun taʼuun isaa garuu rakkoowwan hedduu geessisa. Kaayyoon Waaqayyo gaaʼelli dhiira tokkoo fi dubartii tokko gidduutti qofa akka taʼu dha.—Maatewos 19:4-6.
▸ Liyaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Dhiphina Obboleettota ‘Manni Israaʼel Irraa Argame’” jedhu dubbisi. (Amaariffa)
▸ Waaqayyo bara duriitti saboonni isaa durii haadha manaa tokkoo ol akka fuudhan maaliif heyyamee akka ture beekuuf mata duree “Waaqayyo Niitii Tokkoo Ol Fuudhuu Ni Deggeraa?” jedhu dubbisi.
Maariyaam (haadha Yesuus)
Maariyaam eenyu dha? Shamarree lammii Yihudii siʼa taatu, yeroo Yesuus isa ilma Waaqayyoo karaa dinqii taʼeen ulfooftetti durba turte.
Maal raawwatteetti? Maariyaam fedha Waaqayyoo gad of qabuudhaan raawwatteetti. Maleekaan tokko ishiitti mulʼatee akka ulfooftuu fi Masiihiicha isa yeroo dheeraadhaaf eegamaa ture akka deessu yeroo ishiitti himetti nama Yoseef jedhamuuf kaadhimamtee turte. (Luqaas 1:26-33) Maariyaam itti gaafatamummaa ishiidhaaf kenname raawwachuuf tole jetteetti. Erga Yesuus dhalatee booda, Maariyaamii fi Yoseef ilmaan afurii fi yoo xinnaate intaloota lama godhataniiru. Kanaaf Maariyaam durba taatee hin hafne jechuu dha. (Maatewos 13:55, 56) Maariyaam mirga addaa kan argatte taʼus, yeroo Yesuus lafa irratti tajaajila isaa raawwachaa turettis taʼe yeroo gumiin Kiristiyaanaa durii hundeeffametti galanni addaa akka ishiidhaaf kennamu matumaa hin barbaanne.
Maariyaam irraa maal baranna? Maariyaam dubartii amanamtuu itti gaafatamummaa guddaa ishiidhaaf kenname fedhiidhaan fudhatte dha. Waaʼee Kitaaba Qulqulluu beekumsa hedduu qabdi turte. Akka tilmaama tokkootti, yaada Luqaas 1:46-55 irratti argamu irratti Kitaaba Qulqulluu irraa caqasoota 20 dubbatteetti.
▸ Maariyaamiin ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Fakkeenya Maariyaamirraa Maal Baranna?” jedhu dubbisi.
Maariyaam (obboleettii Maartaa fi Alaazaar)
Maariyaam eenyu dha? Ishiinis akkuma obboleessa ishii Alaazaarii fi obboleettii ishii Maartaa michuu Yesuus turte.
Maal raawwatteetti? Maariyaam Yesuus isa Ilma Waaqayyoo taʼeef ulfina akka qabdu irra deddeebitee argisiisteetti. Maariyaam Yesuus obboleessi ishii Alaazaar akka hin duune gochuu kan dandaʼu taʼuu isaa akka amantu dubbatteetti; yeroo Yesuus duʼaa isa kaasettis isaa wajjin turte. Yeroo tokko Maartaan obboleettiin ishii Maariyaam hojii mana keessaa ishii gargaaruu dhiistee Yesuusiin dhaggeeffachuuf filachuu ishiitiin ishii ceephaatee turte. Yesuus garuu Maariyaam wanta kam iyyuu caalaa wanti ishiidhaaf barbaachisaa taʼe dhugaa Waaqayyo biraa dhufe waan taʼeef ishii dinqisiifateera.—Luqaas 10:38-42.
Yeroo biraatti immoo Maariyaam “zayitii urgaaʼuu fi gatii guddaa qabu” mataa fi miilla Yesuus irratti dhangalaasuudhaan arjummaa addaa isatti argisiisteetti. (Maatewos 26:6, 7) Namoonni bakka sana turan kaan gochi Maariyaam qarshii qisaasessuu akka taʼe dubbachuudhaan ishii ceephaʼanii turan. Yesuus garuu ishii deggeruudhaan akkana jedhe: “Guutummaa addunyaa irratti bakka misiraachoon [Mootummaa Waaqayyoo] kun lallabamu hundatti, wanti dubartiin kun gootes yaadannoo ishiitiif ni dubbatama.”—Maatewos 24:14; 26:8-13.
Maariyaam irraa maal baranna? Maariyaam dubartii amantii cimaa qabdu turte. Dhimmoota guyyaa guyyaa caalaa waaqeffannaa Waaqayyootiif dursa kenniteetti. Akkasumas ulfina Yesuusiif qabdu argisiisuuf jecha, wanta baasii guddaa ishii gaafatu raawwatteetti.
Maariyaam Magdalaa
Maariyaam Magdalaan eenyu dha? Barattuu Yesuus amanamtuu turte.
Maal raawwatteetti? Maariyaam Magdalaan dubartoota hedduu Yesuusii fi barattoota isaa wajjin deemaa turan keessaa ishii tokko dha. Wanta isaan barbaachisu guutuuf qabeenya ishii arjummaadhaan kenniteetti. (Luqaas 8:1-3) Maariyaam Magdalaan Yesuus hamma tajaajila isaa xumurutti isa duuka buutetti, akkasumas yommuu inni ajjeefametti isa irraa hin fagaanne. Namoota akkuma Yesuus duʼaa kaafameen isa arguuf mirga argatan keessaa ishii jalqabaa turte.—Yohaannis 20:11-18.
Maariyaam irraa maal baranna? Maariyaam Magdalaan tajaajila Yesuus deggeruuf jecha qabeenya ishii arjummaadhaan kenniteetti; hamma dhumaattis amanamummaadhaan isa cinaa dhaabatteetti.
Maartaa
Maartaan eenyu dha? Obboleettii Alaazaarii fi Maariyaam turte; sadan isaanii iyyuu mandara Yerusaalemitti dhihoo taatee fi Bitaaniyaa jedhamtu keessa jiraatu turan.
Maal raawwatteetti? Maartaan michuu Yesuus turte; Yesuus “Maartaa, obboleettii ishii fi Alaazaariin ni jaallata” ture. (Yohaannis 11:5) Akkasumas dubartii keessummaa simachuu jaallattu turte. Yeroo tokko Yesuus yommuu isaan gaafachuu deemetti, Maartaan hojii mana keessaatiin qabamtee kan turte siʼa taʼu, Maariyaam garuu teessee Yesuusiin dhaggeeffachuu filattee turte. Maartaan muufattee obboleettiin ishii hojii akka ishii gargaaraa hin jirre Yesuusitti himte. Yeroo kanatti Yesuus gaarummaadhaan Maartaadhaaf gorsa kenneef.—Luqaas 10:38-42.
Alaazaar yommuu dhukkubsatetti Maartaa fi obboleettiin ishii Yesuus akka isa fayyisu amanamuudhaan akka dhufu ergaa isatti dhaaman. (Yohaannis 11:3, 21) Haa taʼu malee, Alaazaar ni duʼe. Mariin Maartaan Yesuusii wajjin goote abdii Kitaabni Qulqulluun duʼaa kaʼuu ilaalchisee kennee fi dandeettii Yesuus obboleessa ishii duʼaa kaasuuf qabu irratti amanannaa akka qabdu argisiisa.—Yohaannis 11:20-27.
Maartaa irraa maal baranna? Maartaan keessummoota akka gaariitti simachuuf wanta ishiidhaaf dandaʼame hunda gooti turte. Gorsa ishiidhaaf kenname gad of qabuudhaan fudhatteetti. Miira ishii fi amantii ishii iftoominaan kan dubbattu turte.
▸ Maartaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Amaneera” jedhu dubbisi.
Miiryaam
Miiryaam eenyu dha? Obboleettii Musee fi Aaron turte. Dubartii jalqabaa Kitaaba Qulqulluu keessatti raajittii jedhamte dha.
Maal raawwatteetti? Raajittii waan taateef gaʼee warra kaanitti ergaa Waaqayyoo himuu qabdi turte. Israaʼel keessatti bakka guddaa kan qabdu waan turteef, yeroo Waaqayyo raayyaa warra Gibxii Galaana Diimaa keessatti balleessetti dhiirotaa wajjin faarfannaa injifannoo faarfatteetti.—Baʼuu 15:1, 20, 21.
Yeroo muraasa booda Miiryaamii fi Aaron Musee ceephaʼuu jalqaban. Kana gochuuf kan isaan kakaase of tuulummaa fi hinaaffaa akka ture haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Waaqayyo wanta isaan dubbatan ‘dhagaʼaa’ waan tureef, Miiryaamii fi Aaroniif adaba cimaa isaaniif kenne. (Lakkoobsa 12:1-9) Achiis Waaqayyo dubbii kana kan kaase ishii waan taʼeef Miiryaam dhukkuba lamxiitiin akka rukutamtu godhe. Museen Waaqayyo dhiifama akka ishiidhaaf godhu waan kadhateef dhukkuba ishii irraa fayyiteetti. Guyyaa torbaaf buufata isaanii irraa addaa baafamtee akka turtu erga taasifamee booda, bakka sabni Israaʼel kaan buufatetti akka makamtu ishiidhaaf heyyamame.—Lakkoobsa 12:10-15.
Kitaabni Qulqulluun Miiryaam adaba ishiidhaaf kenname akka fudhatte ibsa. Jaarraawwan hedduu booda, Waaqayyo, “Museen, Aaronii fi Miiryaam akka si geggeessaniif isaan ergeera” jechuudhaan mirga addaa Miiryaam qabdu turte saba Israaʼeliif ibseera.—Miikiyaas 6:4.
Miiryaam irraa maal baranna? Seenaa Miiryaam irraa akkuma hubannutti Waaqayyo wanta waaqeffattoonni isaa waliin dubbatanii fi waaʼee nama kan biraa dubbatan ni dhagaʼa. Kana malees Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaanne of tuulummaa sirrii hin taanee fi hinaaffaa irraa fagaachuu akka qabnu baranna; sababiin isaas amalawwan kun maqaa gaarii namoonni kaan qaban balleessuuf nu kakaasa.
Raahel
Raahel eenyu dha? Intala Laabaa fi haadha manaa jaallatamtuu Yaaqoob isa abbaa amantii turee turte.
Maal raawwatteetti? Raahel Yaaqoobitti heerumtee ilmaan lama isaaf deessetti; ijoolleen kunis ilmaan Yaaqoob warra abbootii gosoota Israaʼel 12n durii irraa argamani dha. Raahel Yaaqoob isa gara fuulduraatti abbaa manaa ishii taʼuu wajjin kan wal argite hoolota abbaa ishii yeroo tiksaa turtetti ture. (Uumama 29:9, 10) Ishiin obboleettii ishii hangafaa Liyaa wajjin wal bira qabamtee yommuu ilaalamtu “baayʼee kan nama hawwattu” turte.—Uumama 29:17, NW.
Yaaqoob Raaheliin waan jaallateef ishii fuudhuuf jecha waggaa torba hojjechuuf walii gale. (Uumama 29:18) Haa taʼu malee, Laabaan Yaaqoobiin gowwoomsee jalqaba Liyaa akka fuudhu godhe; Raaheliin akka fuudhu kan isaaf heyyame sana booda dha.—Uumama 29:25-27.
Yaaqoob Liyaa fi ijoollee ishii caalaa Raahelii fi ilmaan ishii lamaan jaallata ture. (Uumama 37:3; 44:20, 27-29) Kunis, dubartoota lamaan gidduu wal morkiin akka jiraatu taasiseera.—Uumama 29:30; 30:1, 15.
Raahel irraa maal baranna? Raahel Waaqayyo kadhannaa ishii akka dhagaʼu amanamuudhaan haala rakkisaa maatii ishii keessatti ishii mudate dandamatteetti. (Uumama 30:22-24) Seenaan ishii haadha manaa tokkoo ol fuudhuun rakkina cimaa akka uumu argisiisa. Rakkinni Raaheliin mudate ulaagaan Waaqayyo jalqaba gaaʼelaaf baase ogummaa irratti kan hundaaʼe akka taʼe argisiisa; kaayyoon Waaqayyoo dhiirri tokko dubartii tokko qofa akka fuudhu dha.—Maatewos 19:4-6.
▸ Raaheliin ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Dhiphina Obboleettota ‘Manni Israaʼel Irraa Argame’” jedhu dubbisi. (Amaariffa)
▸ Waaqayyo bara duriitti saboonni isaa durii haadha manaa tokkoo ol akka fuudhu maaliif heyyamee akka ture beekuuf mata duree “Waaqayyo Niitii Tokkoo Ol Fuudhuu Ni Deggeraa?” jedhu dubbisi.
Rahaab
Rahaab eenyu dha? Dubartii ejjituu magaalaa Kanaʼaanotaa Yerikoo jedhamtu keessa jiraattu turte; yeroo booda nama Yihowaa waaqeffatu taatetti.
Maal raawwatteetti? Rahaab namoota Israaʼel biyyattii basaasuu dhufan lama dhoksiteetti. Kana kan goote Yihowaa inni Waaqa Israaʼel taʼe saba isaa Gibxii keessaa akkamitti akka baase, akkasumas yeroo booda harka Amoorotaa jalaa akkamitti akka isaan oolche waan dhageesseef ture.
Rahaab basaastota sana kan gargaarte siʼa taʼu Israaʼeloonni Yerikoo yommuu balleessuu dhufanitti ishii fi maatii ishii badiisa irraa akka isaan oolchan kadhatte. Isaanis tole ishiidhaaf jedhan; taʼus ergaa isaanii kana iccitiidhaan akka qabdu, yommuu Israaʼeloonni magaalattii balleessuuf deebiʼanii dhufanitti guutummaan maatii ishii manaa akka hin baanee fi mana ishii akka addaan baafataniif foʼaa diimaa foddaa ishii irratti akka rarraastu ishiitti himan. Rahaab wanta isaan ishiitti himan hunda gootetti; kanaaf Israaʼeloonni Yerikoo yeroo qabatan ishiinii fi maatiin ishii ooluu dandaʼaniiru.
Rahaab yeroo booda nama Israaʼelitti heerumtee akaakilii Daawit Mootichaa fi Yesuus Kiristoos taʼuu dandeessetti.—Iyaasuu 2:1-24; 6:25; Maatewos 1:5, 6, 16.
Rahaab irraa maal baranna? Kitaabni Qulqulluun gama amantiitiin Rahaab fakkeenya guddaa akka taate ibsa. (Ibroota 11:30, 31; Yaaqoob 2:25) Seenaan ishii Yihowaan dhiifama kan godhuu fi namoota akka wal hin caalchisne, namoonni isatti amanaman sanyiin isaaniis taʼe jireenyi isaanii duraa maal iyyuu yoo taʼe akka isaan eebbisu argisiisa.
▸ Rahaabiin ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Qajeeltuu Jedhamtee kan Waamamte Hojiidhaan Ture” jedhu dubbisi. (Amaariffa)
Ribqaa
Ribqaan eenyu dha? Haadha manaa Yisihaaq siʼa taatu, haadha ijoollee lakkuu Yaaqoobii fi Esaawuu jedhamanii ti.
Maal raawwatteetti? Ribqaan yeroo rakkisaa taʼutti illee fedha Waaqayyoo raawwatteetti. Yeroo tokko utuu boollaa bishaan waraabaa jirtuu namichi tokko bishaan dhugaatii ishii gaafate. Ribqaanis saffisaan bishaan isaaf kennite; gaalota namichaas bishaan obaasuuf isa gaafatte. (Uumama 24:15-20) Namni sun tajaajilaa Abrahaam siʼa taʼu, Yisihaaq isa ilma Abrahaam taʼeef haadha manaa barbaaduuf biyya fagootii kan dhufe ture. (Uumama 24:2-4) Eebba Waaqayyoo argachuufis kadhannaa dhiheesseera. Ribqaan jabaattee kan hojjettuu fi keessummaa kan simattu taʼuu ishii yommuu argu, Waaqayyo kadhannaa isaatiif deebii akka kenne, jechuunis ishiin haadha manaa Waaqayyo Yisihaaqiif filate akka taate hubate.—Uumama 24:10-14, 21, 27.
Ribqaan kaayyoo tajaajilaan sun itti dhufe yommuu beektu, isaa wajjin deemuu fi haadha manaa Yisihaaq taʼuuf walii galte. (Uumama 24:57-59) Yeroo booda Ribqaan ilmaan lakkuu deesse. Waaqayyo inni hangafaa Esaawu, Yaaqoob isa quxisuu taʼe akka tajaajilu ishiitti himee ture. (Uumama 25:23) Yisihaaq eebba ilma hangafaatiif kennamu Esaawuuf kennuuf yeroo yaadetti, Ribqaan fedhiin Waaqayyoo kana akka taʼe hubattee waan turteef, eebbi sun Yaaqoobiif akka kennamu gochuuf tarkaanfii fudhatteetti.—Uumama 27:1-17.
Ribqaa irraa maal baranna? Ribqaan kan gad of qabdu, jabaattee kan hojjettuu fi keessummaa kan simattu turte; amalawwan kun immoo haadha manaa fi haadha gaarii akka taatu, akkasumas Waaqa isa dhugaa akka waaqeffattu ishii dandeessisaniiru.
▸ Ribqaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree “Eeyyee Nan Dhaqa” jedhu dubbisi. (Amaariffa)
Ruut
Ruut eenyu dha? Dubartii Moʼaab siʼa taatu, biyya Israaʼelitti Yihowaa waaqeffachuuf jecha waaqolii ishii fi biyya ishii dhiistee deemteetti.
Maal raawwatteetti? Ruut Naaʼomii ishii amaatii ishii taatetti jaalala addaa argisiisteetti. Naaʼomiin beela biyya Israaʼelitti uumameen kan kaʼe abbaa manaa ishii fi ilmaan ishii lamaanii wajjin gara Moʼaab deeman. Yeroo booda ilmaan ishii dubartoota Moʼaab Ruutii fi Orphaa jedhaman fuudhan. Oolee bulee garuu, abbaan manaa Naaʼomii fi ilmaan ishii lamaa ni duʼan; kanaaf sadanuu dubartoota abbaan manaa isaanii jalaa duʼan taʼan.
Naaʼomiin beelli Israaʼelitti buʼee ture yommuu darbu achitti deebiʼuuf murteessite. Ruutii fi Orphaanis ishii wajjin deemuuf kaʼan. Naaʼomiin garuu gara firoota isaaniitti akka deebiʼan isaanitti himte. Orphaanis akkuma jedhamte goote. (Ruut 1:1-6, 15) Ruut garuu amanamummaadhaan amaatii ishiitti maxxante. Ruut Naaʼomii waan jaallatuuf ishii wajjin Yihowaa waaqeffachuu barbaaddii turte.—Ruut 1:16, 17; 2:11.
Ruut haadha manaa ilmaa amanamtuu taatee fi jabaattee hojjettu taʼuu ishiitiin namoota biyya Naaʼomii Betlihem biratti maqaa gaarii qabdi turte. Namichi abbaa lafaa sooressa taʼee fi Boʼaz jedhamu wanta ishiin gooteen baayʼee waan ajaaʼibsiifameef ishiifis taʼe Naaʼomiidhaaf nyaata hedduu kenne. (Ruut 2:5-7, 20) Yeroo booda Ruut Boʼazitti kan heerumte siʼa taʼu, akaakilii Daawit Mootichaa fi Yesuus Kiristoos taʼuu dandeesseetti.—Maatewos 1:5, 6, 16.
Ruut irraa maal baranna? Jaalala Naaʼomii fi Yihowaadhaaf qabduun kan kaʼe mana ishii fi maatii ishii dhiistee deemuuf fedhii argisiisteetti. Ruut jabaattee kan hojjettu, jaalala kan qabdu, akkasumas haala rakkisaa hedduu keessatti illee dubartii amanamtuu taʼuu ishii argisiisteetti.
▸ Ruutiin ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata dureewwan “Lafa Ati Dhaqxu Anis Nan Dhaqa,” akkasumas “Dubartii Baʼeettii” jedhan dubbisi.
Saaraa
Saaraan eenyu dha? Haadha manaa Abrahaamii fi haadha Yisihaaq turte.
Maal raawwatteetti? Saaraan waadaa Waaqayyo abbaa manaa ishii Abrahaamiif gale irratti amantii kan qabdu waan turteef, jireenya mijataa magaalaa soorettii Ur keessatti qabdu dhiistee deemuuf fedhii argisiisteetti. Waaqayyo Uriin gadhiisee gara biyya Kanaʼaan akka deemu Abrahaamitti hime. Waaqayyo akka isa eebbisuu fi saba guddaa akka isa taasisu waadaa isaaf gale. (Uumama 12:1-5) Yeroo kanatti Saaraan umurii waggoota 60mmanii keessa taʼuu hin ooltu. Yeroo sanaa jalqabee Saaraa fi abbaan manaa ishii iddoodhaa gara iddootti deemanii dunkaana keessa jiraachuu jalqaban.
Jireenyi akkasii Saaraa balaadhaaf kan ishii saaxilu taʼu illee, carraaqqii Abrahaam Waaqayyoof ajajamuuf godhu irratti isa deggerteetti. (Uumama 12:10, 15) Waggoota hedduudhaaf Saaraan ijoollee waan hin godhanneef baayʼee gadditi turte. Taʼus, Waaqayyo sanyii Abrahaam akka eebbisu waadaa galee ture. (Uumama 12:7; 13:15; 15:18; 16:1, 2, 15) Yeroo booda Waaqayyo Saaraan ilma akka deessu Abrahaamiif mirkaneesse. Kanaaf Saaraan umuriin ijoollee godhachuu itti dandeessu erga darbee yeroo dheeraa booda ilma deesse. Yeroo kanatti ishiin waggaa 90, abbaan manaa ishii immoo waggaa 100 ture. (Uumama 17:17; 21:2-5) Mucicha Yisihaaq jedhanii maqaa moggaasaniif.
Saaraa irraa maal baranna? Fakkeenyi Saaraa, Waaqayyo wanta kan raawwatamu nutti hin fakkaanne dabalatee, yoom iyyuu waadaa gale akka raawwatu amanamuu akka dandeenyu nu barsiisa! (Ibroota 11:11) Fakkeenyi haadha manaa gaarii taʼuudhaan argisiistes, gaaʼela keessatti wal kabajuun hammam barbaachisaa akka taʼe addeessa.—1 Pheexiros 3:5, 6.
▸ Saaraa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf mata dureewwan “Ati Dubartii Miidhagduu Dha,” akkasumas “Saaraa Ishii Haadha Moototaa Taate” jedhan ilaali.
Yaaʼel
Yaaʼel eenyu dha? Haadha manaa Heber isa nama Israaʼel hin turree ti. Yaaʼel ija jabinaan saba Waaqayyoo deggerteetti.
Maal raawwatteetti? Yaaʼel yeroo Siiseraa inni angafa loltootaa Kanaʼaan ture naannoo ishiin jiraattu dhufetti tarkaanfii murteessaa taʼe fudhatteetti. Siiseraan loltoota Israaʼeliin yeroo injifatametti bakka dhokatuu fi itti boqotu barbaadaa ture. Yaaʼel gara dunkaana ishii seenee akka dhokatuu fi akka boqotu isa affeerte. Achiis bakka inni ciisutti isa ajjeeste.—Abboota Firdii 4:17-21.
Tarkaanfiin Yaaʼel fudhatte, raajii Deboraan “Waaqayyo karaa ati yaaddu kanaan Siiseraa harka dubartii waan galchuuf, ulfinni kana keessatti argamu siif hin lakkaaʼamu” jechuudhaan dubbatte akka raawwatamu godheera. (Abboota Firdii 4:9) Yaaʼel injifannoo argameef gumaacha waan gooteef, ‘Dubartoota hundumaa caalaa eebbifamtuu haa taatu!’ jedhamtee jajamteetti.—Abboota Firdii 5:24.
Yaaʼel irraa maal baranna? Yaaʼel ofuma ishiitiin kakaatee tarkaanfii ija jabina irratti hundaaʼe fudhatteetti. Seenaan ishii raajiin inni dubbate akka raawwatamu gochuuf Waaqayyo akkamitti akka haala mijeessu argisiisa.
Lakkoofsa Baraa Dubartoonni Kitaaba Qulqulluu Keessa Jiraatan
Bishaan Badiisaa (Dh.K.D. bara 2370)
Baʼuu (Dh.K.D. bara 1513)
Mootii Israaʼel isa jalqabaa (Dh.K.D. bara 1117)
Yesuus ni cuuphame (DH.K.B. bara 29)
Yesuus ni duʼe (DH.K.B. bara 33)