GAAFFII DARGAGGOOTAA
Namoonni Waaʼee Koo yoo Haasaʼan Maalan Godha?
Kan nama miidhu maaliifi?
Yeroo tokko tokko hamiin miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa; fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko taʼe jedhanii soba dubbachuudhaan maqaa kee balleessuuf yaalu taʼa. Haa taʼu malee, wanti sirratti odeeffame hamma kana gaarii kan hin taane taʼus, miira kee miidhuu dandaʼa; keessumaa immoo nama baayʼee sitti dhihaatuun yoo babalʼifame si miidhuu dandaʼa!—Faarfannaa 55:12-14.
“Hiriyaan koo tokko namootaaf akkan dantaa hin qabne gootee akka odeessiten hubadhe. Kunis baayʼee na miidhe! Sababiin akkas jettee itti odeessite matumaa naa galuu hin dandeenye.”—Ashlii.
Dhugaa jiru: Namni hamii sana babalʼise nama sitti dhihaatu taʼes taʼuu baatus, namoonni waaʼee kee wanta gaarii hin taane odeessaa akka jiran yommuu dhageessu sitti hin tolu.
Kan nama gaddisiisu namoonni akka si hin hamanne gochuu hin dandeessu
Sababiiwwan namoonni waaʼee nama kan biraa akka dubbatan isaan taasisan hedduun jiru; isaan keessaa tokko tokko kanneen armaan gadiidha:
Waaʼee warra kaanii garaadhaa yaaduu. Namoonni uumamaan waliin haasaʼuu jaallatu. Kanaafuu, waliin haasaʼun, akkasumas waaʼee namoota kaanii odeessuun kanuma jirudha. Kitaabni Qulqulluun, hamma tokko “faayidaa warra kaanii” irratti akka xiyyeeffannuyyuu nu jajjabeessa.—Filiphisiyus 2:4.
“Namoonni yeroo baayʼee waaʼee namoota kaanii odeessuu jaallatu!”—Biyaankaa.
“Waaʼee namoota kaanii beekuu fi waaʼeesaanii odeessuun akka natti tolu hin haalu. Sababiisaa beekuu baadhus natti tola.”—Keetii.
Hojii dhabuu. Bara duriitti, namoonni “yeroo boqonnaa isaanii wanta haaraa dubbachuu fi dhaggeeffachuudhaan qofa dabarsu turan.” (Hojii Ergamootaa 17:21) Yeroo harʼaattis haallisaa wal fakkaata!
“Yeroo tokko tokko namoonni naannoo isaaniitti wanti haaraan hin uumamne taanaan uummatanii waaʼeesaa odeessu.”—Jooʼaanaa.
Ofitti amanamuu dhabuu. Kitaabni Qulqulluun namoota kaanii wajjin akka of hin dorgomsiisne nu akeekkachiisuun isaa sirriidha. (Galaatiyaa 6:4) Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni tokko tokko waan ofitti hin amanamneef ilaalcha ofiif qaban guddisuuf jecha waaʼee namoota kaanii hamii babalʼisu.
“Hamiin namni tokko dubbatu, yeroo baayʼee waaʼee nama sanaa wanta mulʼisu qaba. Yeroo baayʼee namni kun nama hamatu sanatti akka hinaafu argisiisa. Namoonni hamii kan babalʼisan, waaʼee ofiisaanii miirri gaariin akkasaanitti dhagaʼamuuf jedhaniiti; jechuunis akkas gochuudhaan nama sanarra akka wayyan of amansiisuufi.”—Fiil.
Dhugaa jiru: Jaallattus jibbitus, waaʼee kee dabalatee namoonni waaʼee namoota kaanii odeessuun isaanii hin oolu.
Hamiin kan jiru taʼus akka si toʼatu hin heyyamin
Namoonni matumaa akka si hin hamanne gochuu hin dandeessu taʼa; garuu deebii kennitu filachuu dandeessa. Waaʼee kee odeeffamaa akka jiru yoo hubatte, yoo xinnaate filannoo lama qabda.
FILANNOO 1: Xiyyeeffannaa kennuufi dhiisuu. Keessumaa wanti waaʼee kee odeeffame sun hamma kana ulfaataa miti taanaan, yeroo baayʼee filannoon hundarra caalu xiyyeeffannaa kennuufi dhiisuudha. Gorsa Kitaaba Qulqulluu, “aariidhaaf hin ariifatin” jedhu hojiirra oolchi.—Lallaba 7:9.
“Gurbaan tokko jaalallee koo akka taʼe odeeffamaa ture; gurbaa sanaa wajjin wal argineeyyuu hin beeknu! Dhimmichi matumaa kan hin fakkaanne waan taʼeef kolfeen bira darbe.”—Eeliiz.
“Hamii moʼuuf wanti hunda caalaa gaarii taʼe, maqaa gaarii qabaachuudha. Maqaa gaarii yoo qabaatte waaʼee kee wanti gaarii hin taane yoo odeeffamellee oduu sana namni hedduun hin amanu. Dhugaan moʼuunsaa waan hin oolledha.”—Aliisan.
Gorsa gaarii: (1) Wanta waaʼee kee odeeffame barreeffadhu, akkasumas (2) oduun kun miirra akkamii akka sitti uume barreeffadhu. Haalasaa ‘garaa kee keessatti erga dubbatte’ booda, irraanfachuun siif salphata taʼa.—Faarfannaa 4:4.
FILANNOO 2: Nama hamii sana jalqaba dubbate haasofsiisi. Yeroo tokko tokko, hamiin sun gaarii waan hin taaneef nama hamii sana jalqaba dubbate haasofsiisuun barbaachisaa akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa.
“Namoota hamii sana babalʼisan yoo haasofsiiste, hamiin naannaʼee nama hamatame sana bira gaʼuunsaa akka hin oolle isaan barsiisaa jirta. Kana malees, rakkina uumame furuu dandeessa taʼa.”—Eeliiz.
Nama si hamate sana haasofsiisuu kee dura, qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu armaan gadiirratti yaadi; achiis gaaffiiwwan caqasootatti aananii ibsaman of gaafadhu.
“Namni kam iyyuu odeeffannoo jiru dhagaʼuu isaa dura dhimma tokkoof deebii yoo kenne,gowwummaa . . . isatti taʼa.” (Fakkeenya 18:13) ‘Dhimmicha ilaalchisee odeeffannoo guutuun qabaa? Namni akkan hamatame natti hime sun wanta dhagaʼe karaa dogoggoraatiin hubateetii laata?’
“Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa, dheekkamuufis suuta jedhaa haa taʼu.” (Yaaqoob 1:19) ‘Nama na hamate sana haasofsiisuuf yeroon kun mijataadhaa? Tasgabbiidhaan dhimmicharratti haasaʼuu nan dandaʼaa? Moo hamman tasgabbaaʼutti xinnoo eeguun qaba?’
“Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa.” (Maatewos 7:12) ‘Hamii kan babalʼise ana utuu taʼee, namni sun akkamitti utuu na haasofsiisee natti tola? Eessatti utuu na haasofsiisee natti tola? Jechoota akkamii utuun fayyadamee fi akkamitti utuun isa haasofsiisee caalaatti gaarii taʼa?’
Gorsa gaarii: Nama si hamate sana haasofsiisuu kee dura, wanta dubbachuu yaadde barreeffadhu. Achiis wanta barreessite sana torban tokko ykn lama booda irra deebiʼii dubbisi; wanta barreessite sana fooyyessuun kan si barbaachisu yoo taʼe ilaali. Kana malees, wanta gochuu yaadde warra kee ykn hiriyaa kee muuxannoo qabuu wajjin irratti mariʼadhaa; achiis gorsa akka siif kennu gaafadhu.
Dhugaa jiru: Wantoota hedduu jireenya kee keessatti si mudatanii fi yeroo hundumaa toʼachuu hin dandeenye keessaa tokko hamiidha. Akkas jechuun garuu hamiin akka si toʼatu heyyamuu qabda jechuu miti!