Iskiriiniirraa isa ittiin dubbisan sirreessuu

Gara mataduree guddaatti deemi

Gara mataduree xiqqaatti deemi

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatota Yihowaa

Oromoo

Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?

KUTAA DABALATAA

“Lubbuu” fi “Hafuura” —Hiikni Jechoota Kanaa Maalidha?

JECHOOTA “lubbuu” fi “hafuura” jedhaman yeroo dhageessu maaltu gara sammuukeetti dhufa? Namoonni baay’een, jechoonni kun wanta keessa keenya jiraattuufi ijaan hin argamne akkasumas wanta hin duune tokko argisiisu jedhanii yaadu. Namni tokko erga du’ee booda lubbuun ykn hafuurri kun foon namichaarraa gargar baatee jiraachuu itti fufti jedhanii amanu. Amantaan akkasii kun garmalee babal’achuusaatiin, namoonni baay’een Macaafni Qulqulluun barumsa kana akka hin barsiisne yeroo baratan baay’ee ajaa’ibsiifatu. Akka Sagaleen Waaqayyoo barsiisutti lubbuun ykn hafuurri maalidha?

KARAA JECHI “LUBBUU” JEDHU MACAAFA QULQULLUU KEESSATTI ITTI HOJJETAME

Jalqaba lubbuu jechuun maal jechuu akka ta’e haa ilaallu. Jalqabarratti kutaawwan Macaafa Qulqulluu garri caalaan afaan Ibrootaafi afaan Giriikiitiin akka barreeffame utuu hin yaadatin hin haftu. Barreessitoonni Macaafa Qulqulluu waa’ee lubbuu yeroo barreessanitti jecha afaan Ibrootaatiin nafeesh ykn afaan Giriikiitiin jecha pisihii jedhamuun gargaaraman. Jechoonni kun Caaffata Qulqullaa’oo keessatti al 800 ol kan argaman yeroo ta’u, Hiikni Macaafa Qulqulluu Addunyaa Haaraa jechoota kana lamaan bakka hundaatti “lubbuu” jedhee hiikeera. Jechoonni “lubbuu” ykn “lubboota” jedhaman Macaafa Qulqulluu keessatti akkamitti akka itti hojjetaman yeroo qortu, jechi kun (1) namoota, (2) bineensota, ykn (3) jireenya namni ykn bineensi tokko qabu akka argisiisu hubatta. Caqasawwan hiika jechoota kanaa argisiisan tokko tokko haa ilaallu.

Namoota. “Bara Nohitti…namoonni muraasi, kana jechuun lubbuun saddeet bishaan keessaa oolan.” (1 Phexros 3:20) Jechi asirratti “lubbuu” jedhame, namoota jechuunis Nohiin, haadha manaasaa, ilmaansaa sadaniifi haadhotii manaasaanii akka argisiisu beekamaadha. Ba’uun 16:16 Israa’eloonni maannaa walitti qabachuusaanii ilaalchisee qajeelfamni kennamuusaa ibsa. “Akkuma lakkoobsa namoota [“lubbuu,” NW] dunkaana keessan keessaa qabdaniitti nama tokkoof mata mataatti…tokko fudhadhaa!” Kanaafuu, baay’inni maannaa walitti qabamuu baay’ina namoota tokkoon tokkoon miseensa maatii keessatti argamaniin murteeffama ture. Jechoonni “lubbuu” “lubboota” jedhaman nama ykn namoota akka argisiisan fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu garabiraa Uumama 46:18; Hojii Ergamootaa 2:41; Ba’uu 1:5; fi Hojii Ergamootaa 7:14rratti argamu.

Bineensota. Akkaataa uumamaa ilaalchisee Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Waaqayyo ‘Bishaanonni tuuta lubbuu qabaatanii munyuuqaniin haa guutan! Simbirri, allaattiinis bantii waaqaa jala lafa irra haa balali’an! jedhe.’ Ammas Waaqayyo, ‘Lafti, waan lubbuu qabaatee jiraatu akka qomoo qomoo isaatti, horii qe’ee, wanta munyuuqu, bineensa lafaas akka qomoo qomoo isaaniitti haa baasu!’ jedhe; innis akkasuma in ta’e.” (Uumama 1:20, 24) Caqasa kanarratti qurxummiin, horiin qe’eefi bineensonni bosonaa hundi “lubbuu” jedhamanii waamamaniiru. Uumama 9:10; Lewwoota 11:46; fi Hisqi’el 47:9rratti allaattiiwwaniifi bineensonni garabiraanis lubbuu jedhamanii waamamaniiru.

Namoonni lubbuu ta’uusaanii. Al tokko tokko jechi “lubbuu” jedhu jireenya namootaa argisiisa. Yihowaan Museedhaan akkas jedheera: “Warri lubbuu kee balleessuu barbaadaa turan hundinuu amma du’aniiru.” (Ba’uu 4:19) Diinonni Musee maal barbaadaa turan? Lubbuusaa balleessuu barbaadu turan. Isa duras Macaafni Qulqulluun Raahel ilmashee Beniyaaminiin yeroo da’uuf jettetti, waan duuteef ‘lubbuunshee akka ba’e’ dubbata. (Uumama 35:16-19) Yeroo sanatti Raahel duutee turte. Wanta Yesus jedhe qalbeeffadhu: “Tikseen gaariin ana, tikseen gaariin lubbuu isaa hoolotaaf in kenna.” (Yohannis 10:11) Yesus lubbuusaa ilmaan namootaatiif kenneera. Caqasoota Macaafa Qulqulluu keessatti jechi “lubbuu” jedhu jireenya namaa kan argisiisu ta’uusaa hubachuun ni danda’ama. Jechi “lubbuu” jedhu jireenya namootaa kan argisiisu ta’uusaa fakkeenya dabalataa Macaafa Qulqulluu kanaa gaditti argaman ilaali. 1 Mootota 17:17-23; Maarqos 3:4; Yaaqoob 5:20; fi Hojii Ergamootaa 20:10.

Yeroo Sagalee Waaqayyoo gadi fageenyaan qorattutti, Macaafa Qulqulluu keessatti jechoonni “kan hin duune” ykn “baraa hanga baraatti” jedhaman, jecha “lubbuu” jedhuu wajjin wal qabsiifamanii iddoon itti ibsaman akka hin jirre hubatta. Kanaa mannaa Caaffanni Qulqullaa’oon lubbuun akka duutu ibsu. (Hisqi’el 18:4, 20) Gabaabaadhumatti Macaafni Qulqulluun nama du’een “reeffa” ykn akka Hiika Macaafa Qulqulluu Addunyaa Haaraatti “lubbuu du’e” jedhee waama.—Lewwoota 21:11.

JECHA “HAFUURA” JEDHAMU HUBACHUU

Mee ammammoo jechi “hafuura” jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti akkamitti akka itti hojjetame haa ilaallu. Namoonni tokko tokko jechi “hafuura” jedhu, jecha “lubbuu” jedhuu wajjin hiika tokko qaba jedhanii yaadu. Haata’u malee, yaanni kun sirrii miti. Macaafni Qulqulluun jechi “Hafuura” jedhuufi “lubbuu” jedhu wanta garagaraa kan argisiisan ta’uusaanii dubbata. Garaagarummaansaanii maalidha?

Barreessitoonni Macaafa Qulqulluu jecha “hafuura” jedhu yeroo barreessanitti, jecha afaan Ibrootaatti ru’aah ykn afaan Giriikiitti piniwuumaa jedhamuun gargaaraman. Caaffanni Qulqullaa’oon hiikni jechoota kanaa maal akka ta’e nu hubachiisu. Fakkeenyaaf, Faarfannaa 104:29 akkas jedha: “Yeroo ati [Yihowaan] hafuura isaan baafatan [ru’aah] keessaa fuutu, isaan in du’u deebi’aniis biyyoo in ta’u.” Yaaqoob 2:26rrattimmoo, “Akkuma dhagni hafuurri [piniwuumaan] keessaa ba’e, du’aa ta’e akkasuma amantiin hojii gaarii hin argisiifne du’aa dha” jedha. Jechoonni caqasoota kanarratti “hafuura” jedhamanii hiikaman qaama sanaaf jireenya kan kennan ta’uusaanii argisiisu. Qaamni hafuurri keessa hin jirre du’aadha. Kanaafuu, jechoonni ru’aah fi piniwuumaa jedhaman Macaafa Qulqulluu keessatti akkasumaan “hafuura” namni tokko baafatu qofa utuu hin ta’in “humna” ykn humna jireenyaa kan argisiisanidha. Fakkeenyaaf, Bishaan Badiisaa bara Nohitti ga’e ilaachisee Waaqayyo akkas jedhee dubbateera: “Kunoo, ani uumama foon uffate, uumama lubbuu [“humna jireenyaa,” NW] [ru’aah] qabu hundumaas bantii waaqaa jalaa balleessuudhaaf bishaan badiisaa lafa irratti nan fida; wanti lafa irra jiraatu hundinuus in dhuma.” (Uumama 6:17; 7:15, 22) Kanaafuu, jechi “hafuura” jedhu humna ijaan hin argamneefi humna jireenyaa lubbuu jiraataa ta’e hundaa sosochoosudha.

Raadiyoo

Lubbuufi hafuurri tokko miti. Raadiyoon tokko sirriitti hojjechuuf humna elektirikii akka isa barbaachisu qaamnis socho’uuf hafuura isa barbaachisa. Kana fakkeenyaan caalaatti ifa gochuuf, dhagaa baatirii tokko raadiyoonii keessa erga galchitee booda, humni elektiriikii dhagaa baatirii keessatti argamu raadiyooniin sun dubbachuu akka jalqabu godha. Haata’u malee, dhagaa baatirii malee raadiyoonichi hojjechuu hin danda’u. Raadiyoon humna elektiriikaatiin hojjetus sookkeettii elektiriikaarraa yoo buqqa’e kanumaa wajjin wal fakkaata. Haaluma wal fakkaatuunis humni qaamni keenya akka jiraatu godhu hafuuradha. Akkuma humna elektiriikii hafuurris miira kan hin qabneefi yaaduu kan hin dandeenyedha. Humni qaama mataasaa hin qabnu. Haata’u malee, akkuma faarfatichi ibsetti, qaamonni keenya hafuura ykn humna jireenyaa hin qaban taanaan, “in du’u deebi’aniis biyyoo in ta’u.”

Lallabni 12:7 du’a namootaa ilaalchisee akkas jedha: “Biyyoon gara biyyoo isa irraa dhufeetti deebi’uun, hafuurri immoo gara Waaqayyo isa isa kenneetti deebi’uun hin hafu.” Hafuurri ykn humni jireenyaa foonirraa yeroo adda ba’utti, foonichi du’uudhaan gara biyyoo isa irraa dhufeetti deebi’a. Karaa garabiraammoo, humni jireenyaa gara isa biraa dhufeetti jechuunis gara Waaqayyootti deebi’a. (Iyoob 34:14, 15; Faarfannaa 36:9) Kana jechuun garuu, humni jireenyaa kun kallattiidhaan gara samii dhaqa jechuu miti. Kanaa mannaa, namni tokko yeroo du’u abdiin inni gara fuulduraatti jireenya argachuuf qabu Yihowaarratti kan hundaa’e ta’uusaa kan argisiisudha. Karaa garabiraadhaan jireenyi nama kanaa harka Waaqayyoo jira jechuudha. Namni tokko deebi’ee akka jiraatuuf hafuura ykn humna jireenyaa kennuufii kan danda’u Waaqayyo qofadha.

Waaqayyo namoota ‘awwaala keessa’ jiraniif kana kan godhu ta’uusaa beekuun kan nama jajjabeessu mitii? (Yohannis 5:28, 29) Guyyaa du’aa ka’uutti Yihowaan namoota du’aniif qaama haaraafi hafuura ykn humna jireenyaa isaaniif kennuudhaan lammata akka jiraatan godha. Yeroon sun yeroo akkam nama gammachiisu ta’aa!

Jechoonni “lubbuu” fi “hafuura” jedhaman Macaafa Qulqulluu keessatti haala akkamiitiin akka ibsaman hubannoo dabalataa argachuu yoo barbaadde, Birooshuura Yeroo Duunu Maal Taana? jedhamuufi kitaba Caaffata Qulqullaa’oorraa Ragaa Dhiheessuu jedhamu fuula 374-382; ilaali. Kitaabonni kun Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’anidha.

← Ibsa boqonnicharratti kenname ilaali